Romanos 10
Kitaaba Woyyuu · Toque num versículo para ver as referências cruzadas.
1Obboleeyyan tiyya! Halchaan guddoon gadhaa kiyya keessa jirtuu fi daadimannaan ani gara Waaqaa daadimadhu akka kolbaan Israa'elii fayyitu. 2Isaan Waaqaaf akka ifi kennaneeranu ani dhugaa isaaniif baya; ammoo Waaqaaf ifi kenniis isaanii sun beekkumsa dhuga'aa irratti ka hundayeeruu moti. 3Isaan karaa Waaqi kolbaa ittiin balchoonfatu wollaalanee, karaa ifiif baafatiisaaf wodhaanane; karaa Waaqi kolbaa ittiin balchoonsutti harka hin kennanne. 4Nami Kiristoositti dhugeeffatu mara akka balchoomuuf, Seerri Kiristoosiin muummoweera.
Fayyinni Nama Maraaf
5Muuseen marroo balchummaa Seeraaf ajajamiisaan dhaggantuu, «Nami Seera muummessu mara jiru'uun le'a» jedhee barreesseera. 6Balchummaan dhugeeffanna'aan dhaggantu ammoo, «Gadhaa keeti keessatti, ‹Eentu ol-gubbaa baya?› hin jedhin; sun, Kiristoos gad fidiisa. 7Yookiin, gadhaa keeti keessatti, ‹Eentu qile'etti gad bu'a?› hin jedhin; sunille, Kiristoos du'a keessaa ol fidiisa» jetti. 8Ammoo maan jetti ree?
«Jechi Waaqaa si bira,
hidhii teeti irraa fi gadhaa keeti keessa jira» jetti.
Sunille, jecha dhugeeffanna'aa ka nuuti lallannu. 9Yesuus Goottaa akka te'e, afaan keetiin yoo dhugaa baate, Waaqi du'a keessaa akka isa kaaselle, gadhaa keessatti yoo dhugeeffatte, ati hin fayyita. 10Nami gadhaa keessatti dhugeeffatee balchooma; afaaniin dhugaa bayee fayya. 11Barreeffam Woyyichi, «Nami isatti dhugeeffatu hin qaanowu» jedha. 12Worra Yihudootaatii fi Yihudoota hin te'in odduu garaagarummaan hin jirtu; Waaqi Goottaa nama maraa ti; worra isa waammatu maraaf eebba guddaa kenna. 13Sababille Barreeffam Woyyichi, «Nami maqaa Gootta'aa waammatu mara hin fayya» jedha.
14Ammoo yoo itti hin dhugeeffatin attam waammatuu dande'a? Marroo isaa adoo hin dhage'in attam itti dhugeeffatan ree? Adoo nami itti hin lallabin attamiin dhage'uu dande'an ree? 15Nami lallabu yoo ergame malee, attamiin lallabuu dande'a ree? Barreeffam Woyyichi, «Worri Oduu Gammadaa fidee dhufu, attam attam nama gammachiisa!» jedha. 16Ammoo worra garii malee marti isaanii Oduu Gammadaa hin fudhanne. Isaayaasinuu, «Gootta'a, eentu waan nuuti jenne dhugeeffate?» jedha. 17Maarre, dhugeeffannaan Oduu Gammadaa dhage'iisa irraa dhutti; Oduun Gammadaalle karaa jecha Kiristoosiitiin dhutti.
18Ani ammoo, isaan dhugumaan hin dhageennee? Jedhee gaafadha. Dhugumaan isaan dhage'aneeran; sababille Barreeffam Woyyichi,
«Qoonqoon isaanii lafa maratti dhage'ante;
dubbiin isaaniille haga qaccee biyya lafaa dhaqqadde» jedha.
19Ani ammalle, kolbaan Israa'elii hin hubannee? Jedhee gaafadha. Duraan dursee Muuseen,
«Kolbaa tuffatante hinaassisee, isin gaabbisiisa;
kolbaa gowwitti'illeen isin aarsa» jedheera.
20Isaayaasille,
«Ani worra ana hin barbaadiniif dhaggameera;
worra ‹Waaqi eessa jira› jedhee ana hin gaafatiniifille
mudhadheera» jedhee sodaa malee dubbateera.
21Marroo Israa'elii ammoo, «Kolbaa finqiltu'uu fi ta hin ajajanneef, ani harka kiyya guyyaa guutuu badhiseera» jedha.

Você sabia?
A justiça pela fé
- O capítulo começa com o desejo do coração e uma oração a Deus pela salvação dos israelitas. O autor testemunha que eles têm zelo por Deus, mas não com base no conhecimento: como eram ignorantes da justiça de Deus e buscavam estabelecer a sua própria, não se submeteram à justiça de Deus. Cristo, diz o texto, é o fim da lei, para trazer justiça a todo aquele que crê.Fontes: o próprio texto bíblico
- Sobre a justiça que vem pela lei, Moisés escreve: "O homem que faz estas coisas viverá por elas". A justiça que vem pela fé diz, em vez disso, que a palavra está perto, na boca e no coração — a palavra da fé que está sendo anunciada: se você confessar com a boca "Jesus é Senhor" e crer no coração que Deus o ressuscitou dos mortos, será salvo. Não há diferença entre judeu e grego, pois o mesmo Senhor é Senhor de todos.Fontes: o próprio texto bíblico
- O capítulo cita Isaías: "Senhor, quem creu na nossa mensagem?" e as palavras ousadas de Isaías: "Fui encontrado por aqueles que não me buscaram" e, a respeito de Israel: "O dia inteiro tenho estendido as minhas mãos a um povo desobediente e obstinado". Isaías era filho de Amós e profetizou durante os reinados de Uzias, Jotão, Acaz e Ezequias. Easton's Bible Dictionary (1897) diz que ele provavelmente começou sua carreira em 762 a.C.Fontes: o próprio texto bíblico · Isaiah
Notas escritas com auxílio de IA a partir de fontes abertas (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, domínio público) e revisadas antes de publicar.
Créditos e licença desta tradução
Kitaaba Woyyuu Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible) copyright © 2025 The Word for the World International Language: gujii Contributor: Bible Society of Ethiopia This translation is made available to you under the terms of the Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0. You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that: You include the above copyright and source information. If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes. If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original. Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents. For other uses, please contact the respective copyright owners. Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19. 2025-05-02
Fonte: http://ebible.org/gax/ · eBible.org