Apocalipse 9
Kitaaba Woyyuu · Toque num versículo para ver as referências cruzadas.
1Ergamaan Waaqaa ka shaneesso'oo tultullaa afuufe. Ani urjii ol-gubbaa irraa gadi buuteertu dhagge; urjii saniif furtuun boolla qile'ee kennante. 2Yennaa urjiin sun boolla qilee san bante, aarri akka aara boolla ibiddaa guddaa keessaa bawu fakkaatu keessaa baye. Aara boolla keessaa bayeen, adu'uu fi qilleensi dukkanowane. 3Aara san keessaa awwaannisooti bayanee lafatti bu'ane; baalliin akka baallii makkaa jirtu kennanteef. 4Isaan namoota adda ifii irratti chaappaa Waaqaa hin qanne callaa malee, marra lafaa, yookiin waan latee bisilee te'e mara, yookiin muka akka hin miine itti himame. 5Awwaannisootille ji'a shan callaa akka isaan farrisiisanuuf malee, akka ijjeesanuuf baalliin isaaniif hin kennanne; farri isaan farranu sunille farra akka yennaa makki nama ciniine namatti dhage'amuu ti. 6Guyyoota san namooti du'a barbaadan, ammoo hin dhaggatanu; du'iisaafille hin halchan, duuti ammoo isaan duraa hin baqatti.
7Awwaannisooti fardoo lolaaf qophootte fakkaatan; mataa ifii irralle'etti waan akka kallacha worqi'ii fakkaatu keyataneeran; fuulli isaaniille fuula namaa fakkaata; 8rifeensi isaanii akka rifeensa mataa dubarti'ii fakkaata; ilkaan isaaniille ilkaan neenqaa fakkaata. 9Isaan qomoo, qomoo sibiilaa fakkaattu qaban; qoonqoon koola isaaniille hididdeessa garreettota lolaa ka fardo'oon harkifamanu heddu'uu, ka gara lolaa gulufanuu fakkaatti. 10Isaan akka makkaa eege'ee fi ilkattii qaban. Hunni isaan ittiin namoota ji'a shan farrisiisanulle eegee isaanii irra jirti. 11Isaan mootii qaban; innille ergamaa boolla qile'eeti; maqaan ergantichaa afaan Ibrootaatiin, «Abadoon», afaan Giriikiitiin, «Apholiyon» jedhama; akkas jechuulle, «Balleesso» jechu'u.
12Aanneen qaraa dabarteerti; kunoo kanaan duuba ammalle aanneen lama ta dhibiin hin dhutti.
13Ergamaan Waaqaa ka jayeesso'oo tultullaa ifii afuufe. Gaafa arfan addee ciincaan itti ciinceffamuu, ka worqi'iin hujamee fuula Waaqaa dura jiruu irraa qoonqoon dhuttuun ani dhage'e. 14Qoonqoon sunille ergamaa Waaqaa ka tultullaa jayeesso'oo qabateeruun, «Ergantoota Waaqaa arfan ta laga Efraaxiisii guddichaatitti hidhamane hiiki!» jette. 15Sanyii namaa harka sad keessaa harka tokko akka ijjeesanuuf, saatii tanaaf, guyyaa kanaaf, ji'aa kanaa fi woggaa kanaaf, ergantooti Waaqaa arfan ta qophowaneeranu hiikamane. 16Ani laakkossa loltoota fardaan loltuulle dhage'e; laakkossi isaanii miliyoonii dhibba lama. 17Fardo'oo fi worra fardoo san irra tee'eerulle ani mudhi'iin dhagge. Isaan qomoo sibiilaa diintuu akka ibiddaa, gurraattii akka baddeessa'aatii, fi bifa bookaa fakkaattu qaban. Mataan fardoo sanii mataa neenqaa fakkaata; afaan isaanii keessalle'ee ibiddi, aarrii fi dhakaan bobe'u baya. 18Balaa sadiin afaan fardo'oo keessaa bayeen, jechuun ibiddaan, aaraa fi dhakaa bobe'uun sanyiin namaa harka sad keessaa harki tokko ijjeefante. 19Sababille hunni fardoo sanii afaanii fi eegee isaanii keessa jirti; eegeen isaanii bofa fakkaatti; isiille mataa waan qadduuf, isaan isi'iin kolbaa miidhan.
20Worri balaa kanaan hin du'in hafane ammalle hujii harka ifii irraa hin deebine. Isaan durriisota, akkasuma waaqota dharaa ka worqii, meetii, sageettuu, mukaa fi dhakaa irraa hujamane, ka dhagguu, yookiin dhage'uu, yookiin ideemuu hin dandeenne waaqonfatiisa hin lakkinne. 21Isaan ijjeechaa, xanuu, sagaagaluu yookiin hatuu irraa hin deebine.
Você sabia?
O abismo, o destruidor e o Eufrates
- Em Apocalipse 9, os gafanhotos são governados pelo anjo do Abismo, chamado Abadom em hebraico e Apoliom em grego. O Dicionário Bíblico de Easton (1897) explica o nome hebraico como destruição e o grego como destruidor, e sugere tomar a palavra como personificação da ideia de destruição ou como o Sheol, o reino dos mortos. Observa que o termo hebraico é traduzido como destruição em Jó e Provérbios, enquanto a Revised Version conserva Abaddon nas três últimas dessas passagens.Fontes: o próprio texto bíblico · Apollyon
- Em Apocalipse 9, a sexta trombeta solta quatro anjos presos junto ao grande rio Eufrates. O Dicionário Bíblico de Easton (1897) registra o nome hebraico Perath, o assírio Purat e a forma persa em cuneiforme Ufratush, da qual vem o grego Eufrates; diz que o nome grego significa água doce e o assírio, a corrente ou a grande corrente. Nas Escrituras, o rio é muitas vezes apenas o rio ou o grande rio, citado como um dos rios do Paraíso e como limite da terra prometida aos descendentes de Abraão.Fontes: o próprio texto bíblico · Euphrates
- Apocalipse 9 apresenta a quinta trombeta como o primeiro de três ais. Seus gafanhotos podem atormentar as pessoas por cinco meses com uma ferroada como a de um escorpião, mas não lhes é permitido matar. Passado esse ai, os cavalos vistos na sexta trombeta matam um terço da humanidade com o fogo, a fumaça e o enxofre que saem de suas bocas.Fontes: o próprio texto bíblico
Notas escritas com auxílio de IA a partir de fontes abertas (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, domínio público) e revisadas antes de publicar.
Lugares deste capítulo
- Euphrates · Hoje: Euphrates River · 31.004, 47.442 · versículo 14
Só aparecem lugares com identificação de alta confiança (90% ou mais segundo as fontes acadêmicas reunidas pelo OpenBible). Mapa da época: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; mapa atual: © colaboradores do OpenStreetMap; lugares: OpenBible.info (CC BY 4.0).
Créditos e licença desta tradução
Kitaaba Woyyuu Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible) copyright © 2025 The Word for the World International Language: gujii Contributor: Bible Society of Ethiopia This translation is made available to you under the terms of the Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0. You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that: You include the above copyright and source information. If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes. If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original. Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents. For other uses, please contact the respective copyright owners. Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19. 2025-05-02
Fonte: http://ebible.org/gax/ · eBible.org