Apocalipse 4
Kitaaba Woyyuu · Toque num versículo para ver as referências cruzadas.
Waaqonfannaa Ol-Gubba'aa
1Kanaan duuba ani ilaalee, ol-gubba'atti balbala banante dhagge. Qoonqoon tanaan dura akka tultulla'aa anaan dubbattuun ani dhage'e, «Asi koy, waan kanaan duuba te'u ani sitti mudhisa!» jette. 2Anille yoosuma Ayyaanaan jiraayyu; kunoo, ol-gubba'atti barcumaan mootumma'aa keyameera, barcumaa mootumma'aa san irra ka tee'eerutti jira. 3Ka barcumaa mootumma'aa irra tee'eeru sunille, akka dhakoota Yaasiphisiitii fi Saardiyonii ka gatiin guddo'oo, calaqqisee mudhata. Adaala barcumaa mootumma'aa san hiituun Waaqaa ta akka dhakaa gatiin guddo'oo ka Simaaragidos jedhamuu fakkaattu jirtiiyyu. 4Adaala barcumaa mootumma'aa san, barcumaan mootumma'aa diddamii afur jiraayyu; isaan san irralle maanguddoon diddamii afur woyaa adii uffatanee, kallacha worqi'iin hujame keyatanee tetee'aneeraniiyyu. 5Barcumaa mootumma'aa san keessaa ifi balaqqeetti'ii, qoonqo'oo fi gikkeessi mandiisu'uu baye. Barcumaa mootumma'aa san fuula duratti ifi torba ifiisatti jiraayyu; isaan sunille Ayyaanota Waaqaa torba. 6Akkasuma, barcumaa mootumma'aa san fuula dura abbaayaan daaw'iti'ii, qulqulluun cabbii fakkaattu jirtiiyyu.
Oddu'uu fi adaala barcumaa mootumma'aa, dadi lubbuu qaddu arfan ta duraa fi duubaan ila hedduu qaddu jirtiiyyu. 7Dadi lubbuu qaddu ta qaraa neenqa fakkaatti; ta lammeesso'oo qotiyyoo fakkaatti; ta sadeesso'oo fuula fuula namaa fakkaatu qaddi; ta arfeesso'oo risaa koolaan ka'u fakkaatti. 8Dadi lubbuu qaddu arfanuu koola jaan jaan qaddi; keessaa fi gubbaalle'een ila hedduu qaddi. Halkanii fi guyyaa adoo hafuura hin fudhatin,
«Goottaan Waaqi waan mara dande'u,
ka duri jiru, ka amma jiruu fi ka dhufu,
Woyyicha, Woyyicha, Woyyicha!» jedhaa faarfatti.
9Yennaa dadi arfanuu, ka barcumaa mootumma'aa irra te'eeruu fi ka haga bara baraa jiraatuuf ulfinna, guddinna fi galata kennitu maraa, 10maanguddooti diddamii afur, ka barcumaa mootumma'aa irra tee'eeru duratti jiganee, ka haga bara baraa jiraataa te'e le'uuf sagadaaraniiyyu; kallacha ifiille barcumaa mootumma'aa dura keyanee,
11«Ati waan mara waan daddeef,
isaaniille fedha keetiin waan dadamanee fi waan jiraataneef,
Waaqa Goottaa keenna,
ulfinna, guddinnaa fi baallii fudhatuu qadda» jedhiisatti jiraniiyyu.
Você sabia?
O trono e a adoração
- O capítulo começa quando o narrador olha e vê uma porta aberta no céu. A voz que ele já tinha ouvido, semelhante a uma trombeta, o chama para subir e ver o que deve acontecer depois; imediatamente ele está no Espírito e vê um trono, com alguém sentado que parece jaspe e cornalina, cercado por um arco-íris que brilha como esmeralda.Fontes: o próprio texto bíblico
- O próprio texto explica uma das imagens: as sete tochas de fogo que ardem diante do trono são os sete Espíritos de Deus. Do trono saem relâmpagos, estrondos e trovões, e diante dele há algo como um mar de vidro, límpido como cristal.Fontes: o próprio texto bíblico
- Quatro seres viventes rodeiam o trono, semelhantes a um leão, a um bezerro, a um rosto humano e a uma águia em voo. Cada um tem seis asas e está coberto de olhos, e de dia e de noite não param de proclamar santo o Senhor Deus Todo-Poderoso. Sempre que eles dão glória, vinte e quatro anciãos vestidos de branco, com coroas de ouro, prostram-se, lançam as coroas diante do trono e declaram digno aquele que está sentado, porque criou todas as coisas e pela sua vontade elas existem.Fontes: o próprio texto bíblico
Notas escritas com auxílio de IA a partir de fontes abertas (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, domínio público) e revisadas antes de publicar.
Créditos e licença desta tradução
Kitaaba Woyyuu Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible) copyright © 2025 The Word for the World International Language: gujii Contributor: Bible Society of Ethiopia This translation is made available to you under the terms of the Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0. You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that: You include the above copyright and source information. If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes. If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original. Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents. For other uses, please contact the respective copyright owners. Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19. 2025-05-02
Fonte: http://ebible.org/gax/ · eBible.org