Apocalipse 22
Kitaaba Woyyuu · Toque num versículo para ver as referências cruzadas.
Laga Jiru'uu
1Achiin duuba ergamaan Waaqaa laga bisaan jiru'uu, ka akka cabbi'ii calalaqu, barcumaa mootummaa Waaqaatii fi Hoolichaa irraa yaa'uun natti mudhise. 2Lagi sunille hodhicha guddicha qachaa sanii wodhakkaa lola'iisatti jiraayyu. Laga san gamaa fi gamana muki jiru'uu jira; muki kun wogga'atti yennaa kudha lama waan midhaan buusuuf, ji'uma ji'aan midhaan irraa dhaggama. Baalli muka kanaalle ka gosi biyya adda addaa ittiin fayyitu. 3Haganaa achi wonni Waaqaan abaaramu tokkolle achitti hin dhaggamu. Barcumaan Waaqaatii fi Hoolichaa qachaa san keessa jiraata; tajaajiltooti isaalle isa waaqonfatan. 4Isaan fuula isaa hin dhaggan, maqaan isaalle adda isaanii irratti hin jiraata. 5Haganaa achi halkan hin jiraatu; Waaqi Goottaan ifa isaanii waan te'uuf, ifi issa'aa, yookiin ifi adu'uu isaaniif hin barbaachisu. Isaan bara baraa haga bara baraatitti hin mowan.
Deebi'ee Dhufiisa Yesuusii
6Ergamaan Waaqaalle, «Jechooti kun ka addatamanee fi dhugaammeyyi'i. Waaqi Goottaan Ayyaanota raagotaaf kennu, waan dhiko'otti te'u, tajaajiltoota ifiititti mudhisiisaaf, ergamaa ifii ergeera» anaan jedhe.
7Yesuusille, «Kunoo, ani dafee hin dhufa; nami jecha raagaa, ka kitaaba kanaa eeggatu, ka badhaadhe» jedhe.
8Ka waan kana dhage'ee fi dhagge, ana Yohaannis. Yennaa waan kana dhaggee fi dhage'e, ergamaa Waaqaa ka waan kana natti mudhiseef sagadiisaaf, miila isaatitti gadi jige. 9Inni ammoo, «Lakkii! Waan akkasii godhuu hin qaddu! Ani si'ii fi obboleeyyan teeti raagotaa fi worra jecha Kitaaba kanaa eeggatu maraa woliin tajaajila'a; Waaqaaf sagadi» naan jedhe.
10Itti dabaleelle, «Yennaan waan geetteertuuf, jecha raagaa, ka Kitaaba kanaa chaappa'aan hin cufin. 11Ka hantuu huju, ittuma hujuu ti; battichille ittuma battowuu ti; balchaalle ittuma balchoomuu ti; woyyichille ittuma woyyoomuu ti» jedhe.
12«Kunoo, ani dafee hin dhufa! Nama tokko tokkoofuu gatii akkuma hujii isaatitti kennulle qabadheera. 13Alfa'aa fi Omeegaan, ka duraatii fi ka duubaa, ka jalqabaatii fi ka muumme'ee ana.»
14Muka jiru'uu irraa midhaan nyaatiisaa fi karaa karraatiin gara qachaa sanii seeniisaaf, akka haqa qabaatu, worri woyaa ifii dhiqatu ka badhaadhe. 15Worri sareeleen, worri xanu, sagaagaltooti, worri nama ijjeesu, worri waaqa dharaa waaqonsu, worri dhara jaalatuu fi sobu mara ammoo alatti hafa.
16«Akka dhugaa baya tana isiniif kennuuf, ani Yesuus ergamaa kiyya wolde'oota kiristaanaatiif ergeera; ani hiddaa fi sanyii Daawitii ti; ani bakkalcha bari'ii ifaalessa.»
17Ayyaanaa fi waajibittiin, «Koy» jedhan; ka dhage'ulle, «Koy» jedhuu ti; ka dheebote mara dhufuu ti; ka barbaadulle mara bisaan jiru'uu toluma fudhatuu ti.
18Ani nama jecha raagaa, ka Kitaaba kanaa dhage'u mara ifi eeggachiisa; eennulle jecha kana irratti waan tokkolle yoo ede'e, Waaqi balaa Kitaaba kana keessatti barreeffame isatti ede'a; 19eennulle jecha raagaa ka Kitaaba kana keessatti bareeffame keessaa waan tokkolle yoo dhidhise, Waaqille muka jiru'uutii fi qachaa woyyicha kitaaba kana keessatti barreeffamane keessaa qooda isaa dhidhisa.
20Ka waan kana dhugaa bawu, «Ee, dafee hin dhufa» jedha.
Ameen! Goottaa Yesuus, koy.
21Badhaadhi Goottaa Yesuusii, kolbaa Waaqaa woliin jiraatu. Ameen!
Você sabia?
A cidade da vida e o Senhor que vem
- O anjo mostra um rio da água da vida, claro como cristal, que flui do trono de Deus e do Cordeiro pelo meio da rua principal da cidade, com a árvore da vida de cada lado, que dá doze tipos de fruto, uma colheita nova a cada mês, e folhas para a cura das nações. O capítulo também diz que já não haverá maldição nem noite, pois o Senhor Deus brilhará sobre os seus servos, e eles reinarão para todo o sempre.Fontes: o próprio texto bíblico
- Jesus se apresenta como a Raiz e o Descendente de Davi e como a brilhante Estrela da Manhã. O verbete sobre Davi o apresenta como Amado, o oitavo e mais novo filho de Jessé, cidadão de Belém, cujo primeiro trabalho foi cuidar das ovelhas do pai nas terras altas de Judá.Fontes: o próprio texto bíblico · David
- Quem fala diz: “Eu sou João, que ouvi e vi estas coisas”, e conta como se prostrou para adorar aos pés do anjo que as tinha mostrado. O anjo recusou, dizendo-se conservo de João e dos seus irmãos, os profetas, e dos que guardam as palavras deste livro, e disse: “Adora a Deus!”Fontes: o próprio texto bíblico
Notas escritas com auxílio de IA a partir de fontes abertas (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, domínio público) e revisadas antes de publicar.
Créditos e licença desta tradução
Kitaaba Woyyuu Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible) copyright © 2025 The Word for the World International Language: gujii Contributor: Bible Society of Ethiopia This translation is made available to you under the terms of the Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0. You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that: You include the above copyright and source information. If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes. If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original. Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents. For other uses, please contact the respective copyright owners. Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19. 2025-05-02
Fonte: http://ebible.org/gax/ · eBible.org