Apocalipse 20
Kitaaba Woyyuu · Toque num versículo para ver as referências cruzadas.
Mootummaa Woggaa Kumaa
1Achiin duuba ergamaan Waaqaa dhibiin, ka furtuu boolla qile'eetii fi wodaroo sibiilaa harkaa qabu tokko ol-gubbaa irraa gadi bu'uun dhagge. 2Inni jawwee qabee woggaa kumaaf hidhe; jawween tun ta Diyaabiloos yookiin Seexana jedhantu, dhudhuufaa durii ti. 3Haga woggaan kum tokko sun muummottutti, akka jawween deebitee gosa biyya adda addaa hin dokonkorsineef qile'etti isii qolaansee, itti cufee chaappaa itti dhowe. Achiin duuba yennaa diqqo'oof hiikamuu qaddi.
4Kanaan duuba barcumoota mootumma'aa dhagge; barcumoota mootumma'aa san irra worri akka muruuf baalliin kennanteertu tetee'eeraayyu. Akkasuma lubboota worra marroo dhugaa baya Yesuusiitii fi Jecha Waaqaatiif mormi kutamee dhagge. Isaan bineensaaf yookiin fakkii bineensaatiif hin saganne; adda yookiin harka ifii irratti beessisa bineensa sanii hin godhanne. Isaanille du'aa ka'anee Kiristoos woliin woggaa kuma tokkoof mowan. 5Worri du'e ka hafe ammoo, haga woggaan kum tokko sun muummotutti du'aa hin kaane. Kun du'aa ka'a qaraa ti. 6Worri du'aa ka'a qaraa kana keessatti qooda qabu worra badhaadhee fi worra woyyu'u. Duuti lammeesso'oo isaan irratti baallii hin qaddu; isaan hayyoota Waaqaatii fi Kiristoosii te'an; isa wolille'een woggaa kuma tokkoof mowan.
Seexanni Injifatame
7Yennaa woggaan kum tokko sun muummotte, Seexanni addee itti hidhame sanii hin hiikama; 8gosa biyya adda addaa ta maddii lafaa arfanuu keessa jirtu: Gosa Googiitii fi Maagoogii dokonkorsaa, lolaaf wolitti isaan qabiisaaf hin baya; laakkossi isaaniille akka maansa cinaa abbaaya'aa ti. 9Isaan gara lafa maraa bayanee, addee kolbaan Waaqaa jirtuu fi qachaa Waaqaan jaalatame marsane; te'uu malee ibiddi ol-gubba'aa irraa bu'ee isaan nyaate. 10Seexanni isaan dokonkorselle, addee bineensii fi raagichi dharaamessi jiranu, abbaayaa ibiddaa fi dhakaa bobe'uutitti qolaanfame. Isaaniille halkanii fi guyyaa, bara baraa haga bara baraa farran.
Muraa Muumme'ee
11Achiin duuba barcumaa mootumma'aa adi'ii fi ka isa irra te'eeru dhagge. Ol-gubba'aa fi latti isa duraa baqatane; addeelle isaaniif hin dhagganne. 12Worri du'e diqqa'aa fi guddaan, barcumaa mootumma'aa san dura dhaabbateeruun dhagge; kitaabotille banamane. Kitaab dhibiille kitaab jiru'uu baname; akkuma kitaabota san keessatti barreeffamee jirutti, worra du'etti akkuma hujii isaaniititti murame. 13Abbaayaan guddoolle worra du'e ka isii keessa jiru kennite; du'aa fi addeen worri du'e jiru worra du'ane ka isaan keessa jiranu kennane; tokko tokkottuu akkuma hujii isaatitti itti murame. 14Achiin duuba du'aa fi addeen worri du'e jiru abbaayaa ibiddaatitti qolaanfamane; abbaayaan ibiddaa sun du'a lammeesso'oo ti. 15Nami maqaan isaa kitaaba jiru'uu keessatti bareeffamee hin dhaggamin marti abbaayaa ibiddaatitti qolaanfame.
Você sabia?
Os mil anos e o grande trono branco
- A figura amarrada por mil anos é chamada de dragão, antiga serpente, diabo e Satanás. Satanás significa adversário ou acusador, e no Novo Testamento o nome é usado como equivalente de Diabolos, ou o diabo; o Dicionário Bíblico de Easton (1897) observa que ele também é chamado de dragão e de antiga serpente em Apocalipse 12:9 e 20:2.Fontes: Satan · o próprio texto bíblico
- Quando os mil anos se completam, as nações reunidas para a batalha recebem o nome de Gogue e Magogue. Em Gênesis, Magogue é o segundo dos filhos de Jafé; em Ezequiel, Gogue lidera um exército hostil vindo da terra do norte, e Magogue é uma nação que o Dicionário Bíblico de Easton (1897) descreve como provavelmente um povo cita ou tártaro, cavaleiros hábeis e peritos no arco.Fontes: Magog · Gog · o próprio texto bíblico
- Jerônimo, citado pelo Dicionário Bíblico de Easton (1897), entendia Magogue como nações citas, ferozes e inumeráveis, que viviam além do Cáucaso e do lago Maeotis, perto do mar Cáspio e até a Índia. O mesmo verbete trata a visão de Gogue e Magogue em Apocalipse 20:8 como, em substância, um novo anúncio da profecia de Ezequiel, e considera insatisfatórias e inadequadas as ligações propostas com as guerras dos Macabeus contra Antíoco, com os caldeus ou com os turcos.Fontes: Magog · Magog · Gog
Notas escritas com auxílio de IA a partir de fontes abertas (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, domínio público) e revisadas antes de publicar.
Lugares deste capítulo
- Gog · Hoje: Lydia · 38.488, 28.040 · versículo 8
Só aparecem lugares com identificação de alta confiança (90% ou mais segundo as fontes acadêmicas reunidas pelo OpenBible). Mapa da época: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; mapa atual: © colaboradores do OpenStreetMap; lugares: OpenBible.info (CC BY 4.0).
Créditos e licença desta tradução
Kitaaba Woyyuu Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible) copyright © 2025 The Word for the World International Language: gujii Contributor: Bible Society of Ethiopia This translation is made available to you under the terms of the Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0. You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that: You include the above copyright and source information. If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes. If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original. Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents. For other uses, please contact the respective copyright owners. Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19. 2025-05-02
Fonte: http://ebible.org/gax/ · eBible.org