Apocalipse 11
Kitaaba Woyyuu · Toque num versículo para ver as referências cruzadas.
Dhugaa Baatota Lama
1Achiin duuba uleen ittiin mikanu ta leemma fakkaattu naaf kennante; analle'een, «Dhaqiitii Galma Waaqaatii fi addee ciincaan itti ciinceffamu miki; worra achitti waaqonfatulle laakkow. 2Addee Galma Waaqaatiin fuula dura jirtu ammoo hin mikin. Sababille addeen sun worra Yihudoota hin te'iniif kennanteerti. Isaan qachaa woyyicha ji'a afurtamii lama irra hirbeessan. 3Ani dhugaa baatota tiyya lamaaf hunna hin kenna; isaaniille woyaa gaddaa uffatanee, guyyaa kuma tokkoo fi dhibba lamaa fi jaatama hin raagan» jedhame. 4Dhugaa baatoti lama, ta Waaqa Goottaa biyya lafaa dura dhaabbattu tun, muka ejersaa lamaa fi waan ifi irra keyamu lama. 5Eennulle isaan miidhiisaaf yoo barbaade, ibiddi afaan isaanii keessaa bayee diina isaanii hin balleessa; ka isaan miidhiisaaf barbaadu mara akka kanaan ijjeefaman. 6Isaan guyyoota raaga raaganu san, akka bokkeenni hin roonne gubbaa cufiisaaf baallii qaban; akkasuma bisaan dhiiga godhiisaa fi yennaa fedhane mara balaa te'e maraanuu lafa dhowiisaaf baallii qaban.
7Yennaa isaan dhugaa bayiisa fixatane, bineensi hamaan boolla qilee keessaa bayee isaan adhee injifatee, hin ijjeesa. 8Reeffi isaaniille hodhicha guddaa qachaa gudda'aa irra hin ciciisa; qachaan kun addee Goottaan isaanii itti fannifame, ta yennaa fakkeennaan dubbatantu Sodoom yookiin Gibxi jedhantu. 9Kolbaa adda addaa keessaa, gosa adda addaa keessaa, afaan adda addaatii fi gosa biyya adda addaa keessaa worri dhufane, guyyaa sadii fi wodhakkaa reeffa isaanii hin daaw'atan, hin awwaalchisanulle'e. 10Raagoti lamaan tun worra lafa irra le'anu waan farrisiisaneeranuuf, worri lafa irra le'anu du'a raagota tanaatitti gammadanee jilifatan; woliifille kennansa hin kennan. 11Guyyaa sadii fi wodhakka'aan duuba ammoo, hafuurri jiru'uu Waaqa biraa dhufee itti gale; isaanille ka'anee miila ifiitiin dhaabbatane; worri isaan dhagge duudiin bararaqe. 12Achiin duuba ol-gubbaa irraa qoonqoo guddoo ta, «Asi baya'a!» isaaniin jettu dhage'ane; diinoti isaanii adoo ilaalanu duumensa keessa gara ol-gubba'aa bayane. 13Saatuma sanitti tacho'i lafaa guddaan te'ee, qachaan sun harka kudhan keessaa harki tokko diigame; tacho'a lafaa saniin namooti kum torba du'ane; worri hafanelle bararaqanee, Waaqa ol-gubba'aatiif ulfinna kennane.
14Aanneen lammeesso'oo dabarteerti; kunoo aanneen sadeesso'oo dhufaarti.
Tultullaa Torbeesso'oo
15Ergamaan Waaqaa ka torbeesso'oolle tultullaa ifii afuufe. Ol-gubbaalle'etti qoonqoon hedduun guddoon, «Mootummaan biyya lafaa, ta Goottaa keennaatii fi ta Kiristoosii isaa teete; innille bara baraa haga bara baraatitti hin mowa» jettu dhage'ante.
16Maanguddooti diddamii afur, ka fuula Waaqaa duratti barcumaa ifii ka mootumma'aa irra tee'aneeranulle, addaan gombifamanee Waaqaa sagadanee,
17«Waaqa Goottaa waan mara dandeettu,
ka ammaa fi durille jirtu,
hunna teeti guddoo fudhattee waan mooteef,
si galateeffanna.
18Worri Yihudoota hin te'in mufate;
mufiin teetille dhutte.
Yennaan worri du'e muraa dhaggatulle geette;
yennaan tajaajiltooti teeti raagotii fi
worri si'iif woyyoome,
worri maqaa keeti ulfeessu
worri didiqqa'aa fi worri gugurdaan,
gatii ifii dhaggatanu geette.
Yennaan worra lafa balleesse,
balleessitulle geette» jedhane.
19Achiin duuba Galmi Waaqaa ka ol-gubba'aa baname; Galma Waaqaa keessatti saanduqi Gondooroo isaa mudhate. Balaqqeettiin balaqqittee, huuruun dhage'antee, mandiisuun mandiitee, latti tachootee, dhakaan bokkeyaa guddaalle bu'e.

Você sabia?
As duas testemunhas e a grande cidade
- Apocalipse 11 diz que os corpos das duas testemunhas jazerão na rua da grande cidade, chamada em sentido figurado de Sodoma e Egito, onde o seu Senhor também foi crucificado. Um verbete de dicionário explica Sodoma como ardente, ou a murada, uma cidade destruída por fogo do céu por causa da maldade de seus habitantes, destruição que as Escrituras recordam com frequência. O Egito, terra do Nilo e das pirâmides, é igualmente descrito como um lugar de grande importância nas Escrituras.Fontes: o próprio texto bíblico
- As duas testemunhas recebem poder para profetizar durante mil duzentos e sessenta dias, vestidas de pano de saco. Elas são as duas oliveiras e os dois candelabros que estão diante do Senhor da terra, e têm poder para fechar o céu, de modo que não caia chuva, para transformar as águas em sangue e para ferir a terra com toda espécie de praga.Fontes: o próprio texto bíblico
- Quando as duas testemunhas terminam o seu testemunho, a besta que sobe do Abismo as vence e as mata. Durante três dias e meio, povos, tribos, línguas e nações contemplam os seus corpos e não permitem que sejam colocados num túmulo, enquanto os habitantes da terra zombam deles, comemoram e mandam presentes uns aos outros, porque os dois profetas os tinham atormentado. Depois disso, o sopro de vida da parte de Deus entra nelas; elas se põem em pé e sobem ao céu numa nuvem, enquanto os seus inimigos as observam.Fontes: o próprio texto bíblico
Notas escritas com auxílio de IA a partir de fontes abertas (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, domínio público) e revisadas antes de publicar.
Lugares deste capítulo
Só aparecem lugares com identificação de alta confiança (90% ou mais segundo as fontes acadêmicas reunidas pelo OpenBible). Mapa da época: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; mapa atual: © colaboradores do OpenStreetMap; lugares: OpenBible.info (CC BY 4.0).
Créditos e licença desta tradução
Kitaaba Woyyuu Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible) copyright © 2025 The Word for the World International Language: gujii Contributor: Bible Society of Ethiopia This translation is made available to you under the terms of the Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0. You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that: You include the above copyright and source information. If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes. If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original. Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents. For other uses, please contact the respective copyright owners. Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19. 2025-05-02
Fonte: http://ebible.org/gax/ · eBible.org