Nations Bible

Salmos 91

Kitaaba Woyyuu · Toque num versículo para ver as referências cruzadas.

Eegunsa Waaqaa Jala Jiraachuu

1Nami gollaa Waaqa Ol Aana'aa jala le'u,

ka gaaddisa Waaqa Waan Mara Dande'uu jalatti foorfatu,

2Mootii Waan Maraatiin, «Ati addee ani itti baqadhu, kushee tiyya,

Waaqa kiyya ka ani itti addadhu» hin jedha.

3Waaqi tiyyoo nami si'iif afee fi

dhukkuba hamaa jalaa si hin baasa.

4Inni koola ifiitiin si golla;

baala isaa jalatti baqatta;

addatamummaan isaa wonte'ee fi

kushee si'iif hin te'a.

5Ati waan halkan nama sodaachisu,

daaya guyya'aan namatti darbatamu

6yookiin dhukkuba hamaa halkaniin deemu,

yookiin balaa guyyaa wodhakkaa

nama balleessu hin sodaattu.

7Kum tokko cinaa teetitti,

kum kudhan midda keetitti hin jigan;

ammoo si hin tuqanu.

8Ati ammoo ila teeti qofaan ilaaltee,

adabamiisa worra hama'aa dhaggita.

9Ati Mootii Waan Maraa addee itti baqattu,

Waaqa Ol Aanaa mana keeti waan godhatteef,

10wonni hantuun sitti hin dhuttu;

balaan qe'ee teetitti hin dhikaatu.

11Sababille karaa ati ideentu maratti,

akka si eeganuuf,

inni ergantoota ifii si'iif hin ajaja.

12Miilli keeti dhaka'aan akka hin gufanne,

isaan harka ifiitiin ol si hin kiphan.

13Ati neenqaa fi dhudhuufaa irra hin ejjatta;

neenqa dardaraa fi buutii irra hin sirbita.

14Mootiin Waan Maraa, «Inni waan na jaalatuuf,

ani diinota isaa jalaa isa hin baasa;

inni maqaa kiyya waan beekuuf,

ani isa hin eega.

15Inni na hin waammata;

anille deebii isaaf hin kenna;

yennaa inni rakkatu isa woliin hin jiraadha;

ani isa hin baasa; ulfinnalle isaaf hin kenna.

16Jiruu bara dheera'aatiin isa hin quussa;

ani fayyisaa isaa akka te'e

akka inni dhaggu hin godha» jedha.

Ilustração artística — interpretação, não registro histórico.

Você sabia?

Proteção e refúgio divino

  • O salmo combina metáforas variadas para ilustrar a segurança em Deus, retratando-o tanto como uma estrutura defensiva — como fortaleza, refúgio e baluarte — quanto como uma ave protetora que abriga os fiéis sob suas penas e asas.Fontes: o próprio texto bíblico
  • O texto enumera perigos de todas as horas e naturezas, contrastando terrores noturnos e pestes silenciosas com flechas disparadas de dia, pragas ao meio-dia e predadores selvagens como leões e serpentes.Fontes: o próprio texto bíblico
  • Em seus versículos finais, o salmo passa do testemunho do fiel para o discurso divino direto, no qual o próprio Deus promete livramento, honra e longevidade àqueles que o amam e conhecem o Seu nome.Fontes: o próprio texto bíblico

Notas escritas com auxílio de IA a partir de fontes abertas (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, domínio público) e revisadas antes de publicar.

Créditos e licença desta tradução
Kitaaba Woyyuu
Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible)
copyright © 2025 The Word for the World International
Language: gujii
Contributor: Bible Society of Ethiopia
This translation is made available to you under the terms of the
Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0.
You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that:
You include the above copyright and source information.
If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes.
If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original.
Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents.
For other uses, please contact the respective copyright owners.
Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19.
2025-05-02

Fonte: http://ebible.org/gax/ · eBible.org

Fale com a gente

Conte de onde você lê, como a Bíblia tem te ajudado ou o que podemos melhorar. Lemos todas as mensagens.