Nations Bible

Salmos 86

Kitaaba Woyyuu · Toque num versículo para ver as referências cruzadas.

Daadimata Qarqaarsa Waaqaa Dhaggatiisaaf Dhikaate

Daadimata Daawitii.

1Ee Mootii Waan Maraa, ani hiyyeessa rakkataa waan te'eef,

gurra keeti gara kiyya deebifadhuutii,

naa dhage'i.

2Ani waan si'iif ifi kenneeruuf,

jiruu tiyya eegi;

tajaajilaa keeti ka sitti addatu baasi;

ati Waaqa kiyya.

3Ani guyyaa guutuu gara keeti waan iyyuuf,

ee Mootii Waan Maraa, na marari.

4Ee Mootii Waan Maraa,

ani lubbuu tiyya sitti waan kennadheeruuf

ana tajaajilaa keeti gammachiisi.

5Ee Mootii Waan Maraa, ati dansa'a;

namaafille hin araaranta;

worra si waammatuuf,

jaalala keeti ka bara baraa hin baceessita.

6Ee Mootii Waan Maraa, daadimata kiyya dhage'i;

iyya gaaffii tiyyaa caqasi.

7Ati waan deebii naa kennituuf,

ani guyyaa rakkinna kiyyaa

si waammadha.

8Ee Mootii Waan Maraa,

waaqota keessaa ka akka keetii hin jiru;

hujiin akka hujii teetiille hin jirtu.

9Gootta'a, kolbaan biyya adda addaa

ta ati dadde marti gara keeti dhuttee,

si'iif hin sagaddi;

maqaa keetiifille ulfinna hin kenniti.

10Ati guddaa waan teeteef,

hujii baasaa hin hujja;

ati callaan Waaqa.

11Ee Mootii Waan Maraa,

ani dhugaa teetiin akka deemuuf,

karaa keeti na barsiisi;

Akka ani maqaa keeti sodaadhuuf,

nama gadhaa tokkochaa na godhi.

12Ee Mootii Waan Maraa Waaqa kiyya,

ani gadhaa tokkochaan si galateeffadha;

maqaa keetiifille

haga bara baraa ulfinna hin keenna.

13Jaalalli keeti ka bara baraa

ka ati naaf qaddu gudda'a;

ati lubbuu tiyya

qilee addee worri du'e jiru irraa hamburteerta.

14Ee Waaqa,

worri bondhooru na irratti ka'eera;

goliin worra gadhaa jabaatuu,

lubbuu tiyya balleessiisaaf barbaadan;

isaan woyittuu si hin laakkowanu.

15Ee Gootta'a, ati ammoo,

Waaqa mararaa arja'a;

aari'iif hin ariifattu;

jaalalli keeti ka bara baraatii fi

addatamummaan teetille baca'a.

16Gara kiyya deebi'ii, na marari;

hunna teeti ana tajaajilaa keetiif kenni;

ana ilma garbittii teetii baasi.

17Ee Mootii Waan Maraa,

ati waan na qarqaartee

na jajjabeessiteef,

diinoti kiyya dhagganee akka fokkifatanu,

beessisa fudhatama keeti dhaggatiisaa

na irratti mudhisi.

Ilustração artística — interpretação, não registro histórico.

Você sabia?

Um Clamor por Misericórdia e um Coração Íntegro

  • O salmista apela diretamente ao caráter divino em meio à angústia pessoal, descrevendo o Senhor como compassivo, clemente, tardio em irar-se e repleto de amor leal diante de inimigos implacáveis.Fontes: o próprio texto bíblico
  • Embora o salmo seja uma súplica pessoal por socorro e livramento da morte, ele olha além do indivíduo e prevê todas as nações vindo se curvar e glorificar o único Deus verdadeiro.Fontes: o próprio texto bíblico
  • A oração inclui um pedido por um coração íntegro e indiviso, pedindo a Deus instrução para andar fielmente na verdade divina.Fontes: o próprio texto bíblico

Notas escritas com auxílio de IA a partir de fontes abertas (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, domínio público) e revisadas antes de publicar.

Créditos e licença desta tradução
Kitaaba Woyyuu
Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible)
copyright © 2025 The Word for the World International
Language: gujii
Contributor: Bible Society of Ethiopia
This translation is made available to you under the terms of the
Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0.
You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that:
You include the above copyright and source information.
If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes.
If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original.
Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents.
For other uses, please contact the respective copyright owners.
Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19.
2025-05-02

Fonte: http://ebible.org/gax/ · eBible.org

Fale com a gente

Conte de onde você lê, como a Bíblia tem te ajudado ou o que podemos melhorar. Lemos todas as mensagens.