Salmos 77
Kitaaba Woyyuu · Toque num versículo para ver as referências cruzadas.
Daadimata Jajjabeessiisaa
Faaruu Asaafii sooressa faarfattootaa Yedutu'uuf.
1Ani qoonqoo ol qabadhee gara Waaqaa iyya;
akka inni naaf dhage'u,
qoonqoo ol qabadhee gara Waaqaa iyya.
2Yennaa rakkinnaa keessa Goottaa barbaadadhe;
halkan guutuu harka kiyya diriirse;
te'uu malee ani hin jajjabaanne.
3Ee Waaqa, ani yennaa si qaabadhu hin aada;
yennaa guddisee itti yaadu hin gaggaba.
4Ati ila wolitti qabatiisa na dhooggite;
haga dubbatiisa dadhabutti rakkadhe.
5Ani marroo bara durii yaade;
woggoota durii durii qaabadhe.
6Halkan keessa faaruu tiyya ta durii qaabadhe;
ani guddisee itti yaadee, yaada kiyya qorqoree,
7«Goottaan haga bara baraa nu hin gataa?
Inni ijjumaa deebi'ee nu'uuf hin nayuu?
8Jaalalli isaa ka bara baraa,
haga bara baraa dhumatee?
Waadaan inni gale yoona hin muummowuu ree?
9Waaqi marartii dedhee?
Aariin gadhi-laafummaa isaa dhooggitee ree?» jedhe.
10Achiin duuba ani, «Hunni Waaqa Ol Aana'aa
waan jijjiiranteef, gaddee laaleffadhe» jedhe.
11Ee Mootii Waan Maraa,
ani hujii teeti gugurdoo hin yaadadha;
bilbaasota ati dur goote hin qaabadha.
12Ani marroo hujii teetii mara hin heda;
hujii teeti gugurdoo mara itti hin yaadadha.
13Ee Waaqa, karaan keeti woyyicha;
waaqota keessaa
guddaan akka Waaqa keennaa eennu?
14Ati Waaqa bilbaasa huju;
ati gosa biyya adda addaa oddu'utti
hunna teeti mudhitteerta.
15Ati kolbaa teeti sanyii Yaaqoobiitii fi Yoseefii,
hunna teeti jaddu'uun wodatteerta.
16Ee Waaqa bisaan hedduun
si dhagganee sodaatane;
qileen abbaaya'aalle raafante.
17Duumensi bisaan gad coccosse;
gubbaa irraa mandiisuun mandiite.
Balaqqeettiin akka daayaa gara mara balaqqitte.
18Hobonbolattii keessa mandiisuun dhage'ante;
balaqqeettiin biyya lafaa issite;
latti rommitee tachoote.
19Abbaayaa keessa karaa,
bisaan gugurdaa keessa daandii godhatte;
faanti miila keetii ammoo hin mudhanne.
20Harka Muuse'eetii fi Aaroniitiin
akka nama hoolee tissuu
ati kolbaa teeti sooressite.

Você sabia?
Lembrando as Maravilhas de Deus em Tempos de Angústia
- O título do salmo associa a composição a Asafe e a Jedutum, ambos identificados nos registros bíblicos como destacados líderes levitas de música e coro durante a época de Davi.Fontes: Asaph (Levite) · Jeduthun (Ethan) · o próprio texto bíblico
- Para encontrar consolo em meio à insônia e à profunda aflição, o salmista reflete sobre a libertação passada de Israel, recordando poeticamente como o mar se abriu e Deus conduziu Seu povo como um rebanho pelas mãos de Moisés e Arão.Fontes: Moses · Aaron · o próprio texto bíblico
- A nação resgatada é designada especificamente como os descendentes de Jacó e José, evocando as origens patriarcais de Israel e a linhagem preservada durante os anos no Egito.Fontes: Jacob (Israel) · Joseph (son of Jacob) · o próprio texto bíblico
Notas escritas com auxílio de IA a partir de fontes abertas (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, domínio público) e revisadas antes de publicar.
Créditos e licença desta tradução
Kitaaba Woyyuu Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible) copyright © 2025 The Word for the World International Language: gujii Contributor: Bible Society of Ethiopia This translation is made available to you under the terms of the Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0. You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that: You include the above copyright and source information. If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes. If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original. Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents. For other uses, please contact the respective copyright owners. Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19. 2025-05-02
Fonte: http://ebible.org/gax/ · eBible.org