Salmos 72
Kitaaba Woyyuu · Toque num versículo para ver as referências cruzadas.
Daadimata Marroo Mootichaa
Faaruu Solomoonii.
1Ee Waaqa, haqa muriisa keeti mootichaaf,
balchummaa teetille isaaf kenni.
2Innille kolbaa teeti balchumma'aan,
hiyyeeyyiille haqaan hin bulcha.
3Gaaroti nageya,
koobotille balchummaa hin kennan.
4Mootichi odduu kolba'aatitti
worra cunqurfameef hin falmata;
inni ijoollee worra hiyyeeyyi'ii hin baasa;
cunqursitoota hin butucha.
5Haga adu'uu fi ji'i le'anu,
mootichi dhalootaa haga dhalootaatitti bulchuu ti.
6Inni akka bokkeya
fichaa marri irraa haamame irratti roobuu,
akka tiifuu lafa jiittuu te'uu ti.
7Bara isaatitti balchaan hin daraara;
haga ji'i ifa kennu mara, nageenni hin bacata.
8Inni abbaayaa irraa haga abbaaya'aatitti,
laga Efraaxiisii irraa haga qaccee lafaatitti bulchuu ti.
9Worri goomolee keessa le'u isa duratti sagaduu ti;
diinoti isaa biyyee arraabanuu ti.
10Moototi Tarshiishii, ta oddoola keessaa,
gibira isaaf fidanuu ti;
moototi Sheeba'aatii fi Saaba'aalle
kennansa isaaf dhikeessanuu ti.
11Moototi marti isaaf sagadanuu ti;
gosi biyya adda addaa marti isa tajaajilanuu ti.
12Inni worra hiyyeeyyii gara isaa iyyu,
worra rakkataa nama qarqaaru hin qanne hin baasa.
13Inni worra dadhaba'aa fi hiyyeeyyi'iif gadhaa laafa;
jiruu worra rakkata'aalle hin hambura.
14Dhiigi isaanii isa duratti gatii-qabeessa waan te'eef,
inni cunqurfamiisaa fi hunnaan irratti ka'iisa irraa,
lubbuu isaanii hin woda.
15Mootichi bara dheeraa le'uu ti;
worqiin biyya Sheeba'aa isaaf kennantuu ti;
kolbaan yennaa mara isaaf daadimattuu ti;
guyyaa guutuu isa eebbittuu ti.
16Lafa san keessa midhaan bacatuu ti;
koobota gubba'atti latuu ti;
midhaan inni buusulle
akka midhaan Libaanonii misuu ti;
Kolbaan qachaa keessaa,
akka marra diida keessaa bacattuu ti.
17Maqaan isaa haga bara baraa jabaatee le'uu ti;
gurri isaa haga bara aduun jirtu mara jiraatuu ti.
Gosi biyya adda addaa marti isaan eebbifantuu ti;
Isaan, «Inni eebbifama'a» jedhanee
isa waamanuu ti.
18Mootiin Waan Maraa,
Waaqi Israa'elii,
ka qofuu waan maade'ee huju,
leellifamuu ti.
19Maqaan isaa ulfaataan
haga bara baraa leellifamuu ti;
biyyi lafaa duudiin ulfinna isaatiin guutantuu ti.
Ameen! Ameen!
20Daadimati Daawitii ilma Iseyii
as irratti muummowe.

Você sabia?
Uma oração real por justiça e paz universal
- O salmo menciona regiões distantes para ilustrar o tributo universal prestado ao rei justo: Társis (identificada como um porto ocidental distante na Espanha), Sabá (um reino no sul da Arábia famoso por sua riqueza e comércio de ouro e especiarias) e Sebá (situada no nordeste da África).Fontes: o próprio texto bíblico · Tarshish · Sheba · Seba
- O texto termina com a declaração de que se encerram as orações de Davi, filho de Jessé, assinalando o encerramento formal do segundo livro do Saltério. Jessé era um habitante de Belém e pai de oito filhos, dos quais Davi era o mais novo.Fontes: o próprio texto bíblico · David · Jesse
Notas escritas com auxílio de IA a partir de fontes abertas (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, domínio público) e revisadas antes de publicar.
Lugares deste capítulo
- Euphrates · Hoje: Euphrates River · 31.004, 47.442 · versículo 8
- Sheba · 15.348, 44.206 · versículos 10, 15
- Lebanon · 33.540, 35.584 · versículo 16
Só aparecem lugares com identificação de alta confiança (90% ou mais segundo as fontes acadêmicas reunidas pelo OpenBible). Mapa da época: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; mapa atual: © colaboradores do OpenStreetMap; lugares: OpenBible.info (CC BY 4.0).
Créditos e licença desta tradução
Kitaaba Woyyuu Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible) copyright © 2025 The Word for the World International Language: gujii Contributor: Bible Society of Ethiopia This translation is made available to you under the terms of the Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0. You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that: You include the above copyright and source information. If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes. If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original. Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents. For other uses, please contact the respective copyright owners. Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19. 2025-05-02
Fonte: http://ebible.org/gax/ · eBible.org