Salmos 7
Kitaaba Woyyuu · Toque num versículo para ver as referências cruzadas.
Daadimata Marroo Muraa Haqaa
Faaruu Daawitii ta gaddaa, ta inni marroo Kuushii gosa Beniyaaminiitiif, gara Mootii Waan Maraa faarse.
1Ee Mootii Waan Maraa Waaqa kiyya, ani gara keeti baqadha;
worra na ari'u jalaa na hamburii, na baasi!
2Yoo akkas hin te'in, addee nami na irraa buusu
hin jirretti na geessanee
akka neenqaa gargar na kukkutan.
3Ee Mootii Waan Maraa Waaqa kiyya,
ani nama tokko yoo yakkee jiraadhe,
harka kiyyaan dokonkora yoo hujee jiraadhe,
4nama nageyaan na woliin le'u hantuu godhee,
yookiin diina kiyya sababa malee yoo saamee jiraadhe,
5diinni kiyya ari'ee na qabuu ti;
lafa irratti na irra sirbee,
ulfinna kiyya bukuu keessatti lakkisuu ti.
6Ee Mootii Waan Maraa, aarii teetiin ka'i;
worra mufi'iin na irratti ka'e irratti ka'i;
naa dammaqii, muraa haqaa ajaji.
7Kolbaan biyya adda addaa
adaala keetitti wolitti qabamanuu ti.
Atille ol-gubbaa irraa isaan bulchi.
8Mootii Waan Maraa,
kolbaa biyya adda addaa irratti muraa kenni;
akka balchumma'aa fi dhugaammessummaa tiyyaatitti
muraa naaf kenni.
9Ee Waaqa balcha'a,
ka qalbi'ii fi gadhaa nama qorqortu,
hammeenna worra hamaaleyyi'ii balleessi;
worra balchoolee jabeessii dhaabi.
10Waaqi wontee tiyya;
inni worra gadhaa qajeela'aa hin fayyisa.
11Waaqi abbaa mura'aa balcha'a;
Waaqi yennaa mara nama hama'atti hin aara.
12Nami hamaan hammeenna ifii irraa yoo hin deebi'in,
Waaqi shallaagaa ifii hin qarata;
guubee ifii hujee, qopheeffata.
13Inni meya woraanaa ka ijjeesuu fi
daaya ifii ka akka ibiddaa bobe'u hin qopheeffata.
14Kolbaan hantuun hammeenna yaaddi;
daba karoorfattee,
dhara dubbatti.
15Nami boolla namaaf qotu,
ifumaafuu keessa bu'a.
16Hammeenni inni yaadate mataa isaatitti garagala;
wonni inni hunnaan nama irratti huje
matuma isaatitti deebiti.
17Sababa balchummaa isaatiif,
ani Mootii Waan Maraa hin galateessa;
maqaa Mootii Waan Maraa Ol Aana'aatiif
faaruu leellisaa hin faarsa.

Você sabia?
Salmo 7: Um Apelo ao Justo Juiz
- O salmo começa com o título 'Um sigaiom de Davi', cantado por causa das 'palavras de Cuxe, o benjamita', uma figura mencionada apenas neste cabeçalho no contexto de acusações hostis.Fontes: o próprio texto bíblico
- O salmista faz um juramento formal de inocência, declarando que, se tiver feito o mal a um aliado ou saqueado um adversário sem motivo, aceita ser alcançado e pisoteado por seus perseguidores.Fontes: o próprio texto bíblico
- O texto descreve a justiça divina por meio da imagem do retorno da própria maldade, mostrando que o ímpio cava uma cova e nela cai, recaindo a sua própria violência sobre a sua cabeça.Fontes: o próprio texto bíblico
Notas escritas com auxílio de IA a partir de fontes abertas (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, domínio público) e revisadas antes de publicar.
Créditos e licença desta tradução
Kitaaba Woyyuu Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible) copyright © 2025 The Word for the World International Language: gujii Contributor: Bible Society of Ethiopia This translation is made available to you under the terms of the Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0. You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that: You include the above copyright and source information. If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes. If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original. Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents. For other uses, please contact the respective copyright owners. Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19. 2025-05-02
Fonte: http://ebible.org/gax/ · eBible.org