Nations Bible

Salmos 68

Kitaaba Woyyuu · Toque num versículo para ver as referências cruzadas.

Leellisaa Fi Galateeffatiisa

Faaruu Daawitii, sooressa faarfattootaatiif.

1Waaqi ol ka'uu ti;

diinoti isaa bittinnowanuu ti.

Worri isa jibbulle isa duraa baqatuu ti.

2Akkuma qilleensi aara oofu,

atille isaan oofi;

akkuma gagaan ibidda duratti baqu,

worri hamaalle Waaqa duraa baduu ti.

3Worri balchooleen gammadanuu ti;

isaan Waaqa duratti ilillisanuu ti;

gammadaan firinxiixanuu ti.

4Waaqaaf faarfadha'a;

faaruu leellisaatiin maqaa isaa faarfadha'a;

ka duumensa irra deemu saada'a;

maqaan isaa Mootii Waan Maraa ti;

isa duratti ilillisa'a!

5Waaqi addee woyyittii ifii keessa jira;

ijoollee abbaa hin qanneef abba'a;

haadhotii hiyyeessaatiifille abbaa mura'aa ti.

6Waaqi worra qofi le'uuf maatii hin kenna;

worra hidhamelle qananumma'atti hin baasa;

finqiltooti ammoo goomolee godduu keessa le'an.

7Ee Waaqa, yennaa ati kolbaa teeti sooressite,

goomolee keessa yennaa ideente,

8Waaqa gaara Siina'aa duratti,

Waaqa Israa'elii duratti,

latti tachootee

ol-gubbaan bokkeya kennite.

9Ee Waaqa, ati bokkeya bacaa roobisiitte;

lafa teeti ta godde haaressite.

10Kolbaan teeti achitti qubatte.

Eebba keetiin worra hiyyeeyyi'iif

waan isaaniif barbaachisu kennite.

11Goottaan ajaja baase;

dubartooti hedduun oduu san dabarsane:

12«Moototii fi loltooti isaanii ariiti'iin baqatane;

dubartooti mana jiranu boojuu qoodamane;

13Worri hoolee tissiisaaf duubatti hafe

fakkii saphaliisaa ta koolli isi'ii meetii,

ta baalli isi'ii worqii bifa magariisaa

itti gonfame yennaa qoodamanu

isin maaf gooree hoole'ee keessa rattane?» jedhane.

14Ka waan mara dande'u

yennaa mootota lafa sanii bittinneesse,

dhakaan bokkeyaa gaara Zaalmon irratti bu'e.

15Gaarri Baashaanii gaara ol aana'a;

gaarri Baashaanii qaccee hedduu qaba.

16Ee isin gaaroti qaccee hedduu qaddanu,

gaara Waaqi irra le'iisaaf filate,

ka Mootiin Waan Maraa haga bara baraa irra le'u,

maaf ila hinaaffa'aatiin ilaaltan.

17Garreettaa fardo'oon harkifamu

ka Waaqaa kuma hedduu woliin,

Goottaan gaara Siina'aa irraa

gara addee woyyittii ifii dhufa.

18Mootii Waan Maraa Waaqa,

ati yennaa ol baate,

boojuu fudhattee gara addee leetuu dhaxxe;

kolbaa mara irraa,

worra si mormu irralle'ee kennansa fudhatte.

19Goottaan, Waaqi fayyisaan keenna,

ka guyyaa mara ba'aa teenna ba'atu,

leellifamuu ti.

20Waaqi keenna, Waaqa nu fayyisu;

Mootiin Waan Maraa Waaqi ka du'a jalaa nu baasu.

21Waaqi ammoo mataa diinota ifii,

buqqii mataa worra karaa cubbuu ifiititti jabaatuu hin butucha.

22Goottaan, «Ani diinota keeti biyya Baashaaniitii fi

qilee abbaaya'aa keessaa deebisee hin fida;

23Achiin duuba ati dhiiga isaanii keessa ijjatta;

sareeleen teetille qooda ifii hin arraabbatan» jedhe.

24Ee Waaqa, gogeessi worra si woliin jiruu,

ka ati Waaqi mootiin kiyya

gara addee woyyittii teetii seentu mudhate.

25Worri faarfatu fuula duraan,

worri meya faarfanna'aa dhowanu duubaan,

ijoolleen durra ta dibbee dhoottu,

wodhakkaa isaaniitiin jiraniiyyu.

26Isaan, «Gumii guddoo keessatti Waaqa leellisa'a;

gumii kolbaa Israa'elii keessatti

Mootii Waan Maraa leellisa'a» jedhan.

27Gosi Beniyaaminii diqqoon isaan sooressiti;

qondaaltoti Yihuda'aa golii ifii woliin,

qondaaltoti Zebulooniitii fi

qondaaltoti Naftaalemii achi jiraniiyyu.

28Ee Waaqa, hunna teeti ajaji;

akkuma dur nuuf goote,

ee Waaqa jabeenna keeti mudhisi.

29Sababa Dunkaanii Woyyittii teeti

ta Yerusaalem keessaatiif,

moototi kennansa si'iif fidan.

30Biyya Gibxi'ii,

ta akka bineensa shonbooqqoo keessaa xixi;

mootota biyya adda addaa,

ta akka korommi'iitii fi jabbi'ii xixi.

Akka meeti'iin gabbaranu jilbiiffatanuu ti;

gosa biyya adda addaa ta lola jaalattu bittinneessi.

31Ergantooti biyya Gibxi'ii irraa hin dhufan;

kolbaan Itoophiya'aa

harka ifii gara Waaqaa hin diriirsiti.

32Ee isin mootummooti biyya lafaa

Waaqaaf faarfadha'a;

faaruu leellisaa Gootta'aaf faarsa'a.

33Ka ol-gubbaa durii duriitii jalqaddee jirtu,

gubbaa ideemuuf faarfadha'a;

inni qoonqoo ifii jaddu'uun

mandi'uun caqasa'a.

34Waaqa arnyi isaa Israa'el irra jiru,

ka hunni isaa gubbaa keessa jirtu,

hunna isaa lallaba'a.

35Waaqi, addee woyyittii ifii keessaa,

attam attam sodaachisa;

inni kolbaa ifii Israa'eliif

hunnaa fi jabeenna kenna;

Waaqi leellifamuu ti.

Ilustração artística — interpretação, não registro histórico.

Você sabia?

O Deus Vitorioso de Israel

  • O salmo descreve uma grande procissão festiva em direção ao santuário, liderada por cantores, músicos e jovens tocando tamborins. Representantes tanto de tribos do sul, como o pequeno Benjamim e Judá, quanto do norte, como Zebulom e Naftali, unem-se na celebração.Fontes: o próprio texto bíblico · Benjamin (patriarch) · Zebulun · Naphtali
  • O texto contrasta o imponente monte de Basã, com seus múltiplos cumes, com o monte que Deus escolheu para Sua morada em Jerusalém. Também compara a dispersão dos reis derrotados sobre a terra com a neve que cai sobre Zalmom, um monte arborizado perto de Siquém.Fontes: o próprio texto bíblico · Bashan · Zalmon · Jerusalem
  • Para além de Israel, o salmo antevê nações estrangeiras se submetendo e trazendo tributos a Jerusalém. Ele menciona expressamente a chegada de emissários do Egito e da terra de Cuxe, ao sul, estendendo as mãos a Deus.Fontes: o próprio texto bíblico · Egypt · Cush · Jerusalem

Notas escritas com auxílio de IA a partir de fontes abertas (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, domínio público) e revisadas antes de publicar.

Lugares deste capítulo

  • Egypt · 30.129, 31.308 · versículos 7, 31
  • Mount Bashan · Hoje: Jebel Druze · 32.667, 36.733 · versículo 15
  • Mount Zion · 31.772, 35.229 · versículo 16
  • Holy Place · Hoje: on Mount Moriah · 31.778, 35.236 · versículo 17
  • Bashan · 32.781, 35.935 · versículo 22
  • Jerusalem · 31.777, 35.234 · versículo 29
  • Cush · Hoje: Cush 1 · 16.935, 33.751 · versículo 31

Só aparecem lugares com identificação de alta confiança (90% ou mais segundo as fontes acadêmicas reunidas pelo OpenBible). Mapa da época: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; mapa atual: © colaboradores do OpenStreetMap; lugares: OpenBible.info (CC BY 4.0).

Créditos e licença desta tradução
Kitaaba Woyyuu
Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible)
copyright © 2025 The Word for the World International
Language: gujii
Contributor: Bible Society of Ethiopia
This translation is made available to you under the terms of the
Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0.
You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that:
You include the above copyright and source information.
If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes.
If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original.
Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents.
For other uses, please contact the respective copyright owners.
Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19.
2025-05-02

Fonte: http://ebible.org/gax/ · eBible.org

Fale com a gente

Conte de onde você lê, como a Bíblia tem te ajudado ou o que podemos melhorar. Lemos todas as mensagens.