Salmos 59
Kitaaba Woyyuu · Toque num versículo para ver as referências cruzadas.
Diinota Jalaa Bayiisaaf Daadimata Dhikaate
Sooressa faarfattootaatiif, faaruu Daawitii, ta akka yoyyoma faaruu, «Hin balleessin» jedhantee beekkantutti, yennaa Saa'ol Daawitii ijjeesiisaaf namoota ergee mana isaa eegisiise faarfatante.
1Ee Waaqa kiyya, diinota jalaa na baasi;
worra na irratti ka'u irraa na eegi.
2Worra hamaaleyyii jalaa na baasi;
worra dhiiga namaa dhangalaasu jalaa
na hamburi.
3Isaan ammaayyuu riphanee na gaadan;
Ee Mootii Waan Maraa,
ani cubbuu yookiin dokonkora adoo hin hujin,
worri hunnaameyyiin na irratti ka'an.
4Ani dokonkora womaa adoo hin hujin,
isaan na loliisaaf qophowaneeran.
Na qarqaariisaaf ka'i;
gara kiyya koyii na ilaali!
5Ee Mootiin Waan Maraa
Waaqa Waan Mara Dande'u,
Waaqa Israa'elii,
gosa biyya adda addaa adabiisaaf ka'i;
worra hamaaleyyii,
diinaaf dabarsee nama kennu hin mararin.
6Isaan akka sare'ee gurura'aa,
galgala galgala qachaa keessa loxxisan.
7Waan afaan isaanii keessaa bayu ilaali;
arrabi isaanii akka shallaaga'aa ti;
isaan, «Nami nu dhage'u hin jiru» jedhaa yaadan.
8Ee Mootii Waan Maraa,
ati ammoo isaanitti hin kollita;
gosa biyya adda addaa maratti hin murgita.
9Ee Waaqa, ati jabeenna kiyya,
gollaa kiyyalle waan teeteef,
ani si eegadha.
10Waaqi jaalala ifii ka bara baraatiin
naan dura ideema;
inni akka ani injifatamiisa diinota kiyyaa dhaggu
hin godha.
11Ee Gootta'a, wontee teenna,
kolbaan injifachaa keeti akka hin deene,
isaan hin ijjeesin;
hunna teetiin isaan bittinneessii,
isaan salphisi.
12Sababa cubbuu afaan isaaniitiif,
sababa dubbii arraba isaaniitiif,
koora isaaniitiin qabamanuu ti.
Abaarsaa fi dhara waan dubbatanuuf,
13aarii teetiin isaan balleessi;
ijjumaa isaan balleessi.
Achiin duuba haga qaccee lafaatitti
akka Waaqi kolbaa Yaaqoobii bulchu hin beekkanti.
14Isaan akka sare'ee gurura'aa,
galgala galgala qachaa keessa loxxisan.
15Isaan akka saree sagale'eef loxxittuu,
ta yoo quufuu dhadde gururaatuu ti.
16Ati guyyaa rakkinnaa gollaa kiyya,
addee ani itti baqadhulle waan teeteef,
marroo jabeenna keetiitii fi
marroo jaalala keeti ka bara baraa
ganama mara hin faarfadha.
17Ee Waaqa, ati gollaa kiyya,
Waaqa na jaalatu,
ee jabeenna kiyya,
faaruu leellisaa sii dhikeessa.

Você sabia?
Um Cântico de Livramento da Emboscada
- O cabeçalho associa este salmo ao momento em que o rei Saul enviou homens armados para vigiar a casa de Davi a fim de matá-lo, ocasião em que Davi afirmava sua inocência de qualquer rebelião.Fontes: o próprio texto bíblico
- O salmo compara repetidamente os perseguidores a cães ferozes e famintos que rondam as ruas da cidade ao entardecer em busca de alimento, ilustrando vividamente a hostilidade ao seu redor.Fontes: o próprio texto bíblico
- O texto é classificado como um Mictão e indicado para ser cantado ao som da melodia 'Não Destruas', entregue ao regente do coro para uso litúrgico.Fontes: o próprio texto bíblico
Notas escritas com auxílio de IA a partir de fontes abertas (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, domínio público) e revisadas antes de publicar.
Créditos e licença desta tradução
Kitaaba Woyyuu Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible) copyright © 2025 The Word for the World International Language: gujii Contributor: Bible Society of Ethiopia This translation is made available to you under the terms of the Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0. You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that: You include the above copyright and source information. If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes. If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original. Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents. For other uses, please contact the respective copyright owners. Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19. 2025-05-02
Fonte: http://ebible.org/gax/ · eBible.org