Salmos 5
Kitaaba Woyyuu · Toque num versículo para ver as referências cruzadas.
Daadimata Diina Jalaa Bayiisaaf dhikaate
Sooressa faarfattootaatiif, faaruu Daawitii ta suusulle'een faarfatante.
1Ee Mootii Waan Maraa, dubbii tiyya caqasi;
aadiisa kiyyalle dhage'i.
2Mootii kiyya, Waaqa kiyya,
ani waan si daadimadhuuf,
iyya tiyya naa dhage'i.
3Ee Mootii Waan Maraa,
ganama qoonqoo tiyya hin dhageetta;
ganama mara si daadimadhee
deebii si irraa eegadha.
4Ati Waaqa hammeennatti gammaduu moti;
hammeennille si woliin hin le'u.
5Koorameeyyiin si dura hin dhaabbattu;
worra hantuu huju mara hin jibbita.
6Ati dharaameyyii mara hin balleessita;
worra nama ijjeesuu fi nama sobu hin jibbita.
7Ani ammoo jaalala keeti ka bara baraatiin
gara mana keetii seena;
si sodaatiisalle'een
gara Dunkaanii Woyyittii teetii garagalee
hin sagada.
8Ee Mootii Waan Maraa,
diinota bacaa waan qabuuf,
balchummaa teetiin na sooressi;
karaa keeti naaf qajeelchi.
9Diinoti kiyya dhugaa hin dubbatanu;
gadhaan isaanii badi'iin guutameera.
Afaan isaanii akka boolla awwaalaa ta banantee ti;
arraba ifiitiin maltee dubbatan.
10Ee Waaqa, yakkaa isaanii isaanitti muri;
malli isaaniituu badii isaanitti fiduu ti.
Isaan si irratti waan ka'aneef,
sababa cubbuu isaanii heddu'uutiif,
alatti isaan gati.
11Worri gara keeti baqatu marti ammoo
gammaduu ti;
isaan haga bara baraa ilillisanuu ti.
Worri maqaa keeti jaalatu marti si'itti
gammadee akka firinxiixu isaan eegi.
12Ee Mootii Waan Maraa,
ati balchoota hin eebbitta;
fedhii teeti dansa'aan
akka wonte'ee isaan marsi.
Você sabia?
Uma oração matinal por orientação e proteção
- O salmo é dedicado ao regente do coro para ser acompanhado por flautas e se estrutura como uma oração matinal, na qual o fiel apresenta sua súplica ao amanhecer e espera em prontidão.Fontes: o próprio texto bíblico
- O autor contrasta os inimigos perversos e enganadores com o adorador fiel que entra na casa de Deus e se inclina em reverência diante do santo templo, confiando na justiça divina e no amor leal.Fontes: o próprio texto bíblico
Notas escritas com auxílio de IA a partir de fontes abertas (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, domínio público) e revisadas antes de publicar.
Créditos e licença desta tradução
Kitaaba Woyyuu Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible) copyright © 2025 The Word for the World International Language: gujii Contributor: Bible Society of Ethiopia This translation is made available to you under the terms of the Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0. You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that: You include the above copyright and source information. If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes. If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original. Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents. For other uses, please contact the respective copyright owners. Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19. 2025-05-02
Fonte: http://ebible.org/gax/ · eBible.org