Salmos 132
Kitaaba Woyyuu · Toque num versículo para ver as referências cruzadas.
Leellisa Galma Waaqaa
Faaruu Ittiin Ol Bayanu
1Ee Mootii Waan Maraa,
Daawitii fi farra inni dhagge qaabadhu.
2Inni Mootii Waan Maraatiif kakuu kakatee,
Waaqa hunnaamessa Yaaqoobiitiif waadaa galee,
3«Haga Mootii Waan Maraatiif
addee qopheessutti,
Waaqa hunnaamessa Yaaqoobiitiif
haga mana ijaarutti,
mana kiyya hin seenu;
yookiin gara taqee tiyyaa hin dhaqu.
Ani hin rafu;
yookiin hin mugu» jedhe.
6Nuuti Efraata'atti
marroo Saanduqa Gondooro'oo dhageenne;
diida Yaa'ariititti isii dhaggine.
7Kowa'a, gara addee Mootiin Waan Maraa le'uu
dhandhaa!
Ejjeta miila isaa jalatti isaaf sagannaa.
8Ee Mootii Waan Maraa, ka'i!
Saanduqa Gondooro'oo
ka hunna teeti mudhisu woliin,
gara addee foora keetii dhaqi.
9Hayyooti teeti balchummaa uffatanuu ti;
Addatantooti teetille ilillisaa faarsanuu ti.
10Tajaajilaa keeti Daawitiif jedhiitii,
nama muudde hin lakkisin.
11Mootiin Waan Maraa
kakuu dhuga'aa ta hin jijjiirane,
Daawitiif kakatee,
«Ilmaanuma sanyii teetii keessaa tokkocha,
ani barcumaa mootumma'aa keeti irra
hin teessisa.
12Ilmaan teeti Gondooroo tiyya yoo eegatane,
ajaja ani isaan barassiisu yoo eegatane,
ilmaan isaaniille haga bara baraa
barcumaa mootumma'aa keeti irra
hin tee'an» jedheera.
13Mootiin Waan Maraa
Xiyoon waan filateef,
qe'ee ifii godhatiisaaf fedheera:
14Inni, «Tun haga bara baraa
addee foora kiyyaa ti;
ani waan isii jaaladheef,
addee le'u isii hin godhadha.
15Waan nyaataatiin
baceessee isii hin eebbisa;
hiyyeeyyii isi'ii
sagalee hin quussa.
16Hayyoota isi'ii
fayyinna itti hin uffisa;
addatantooti isi'iille
ilillisaa hin faarsan.
17Maatii Daawitii keessaa
mootii hin muuda;
ka muude saniif akka inni bulchu
karaa hin qopheessa.
18Diinota isaa qaanii itti hin uffisa;
kallachi isa irraa ammoo
hin balaqqisa» jedheera.

Você sabia?
Davi, a Arca e Sião
- Efrata é o nome antigo de Belém de Judá, a região onde Davi passou a juventude cuidando de ovelhas antes de mais tarde buscar a Arca da Aliança.Fontes: Ephrathah · David · o próprio texto bíblico
- O monte Sião, uma colina no sudeste de Jerusalém tomada por Davi dos jebuseus para se tornar a Cidade de Davi, é celebrado no salmo como a morada escolhida por Deus e a sede da dinastia davídica.Fontes: Zion · o próprio texto bíblico
Notas escritas com auxílio de IA a partir de fontes abertas (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, domínio público) e revisadas antes de publicar.
Lugares deste capítulo
- Jerusalem · 31.777, 35.234 · versículo 1
- Ephrathah · Hoje: Bethlehem · 31.704, 35.208 · versículo 6
- Zion · Hoje: Jerusalem · 31.777, 35.234 · versículo 13
Só aparecem lugares com identificação de alta confiança (90% ou mais segundo as fontes acadêmicas reunidas pelo OpenBible). Mapa da época: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; mapa atual: © colaboradores do OpenStreetMap; lugares: OpenBible.info (CC BY 4.0).
Créditos e licença desta tradução
Kitaaba Woyyuu Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible) copyright © 2025 The Word for the World International Language: gujii Contributor: Bible Society of Ethiopia This translation is made available to you under the terms of the Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0. You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that: You include the above copyright and source information. If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes. If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original. Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents. For other uses, please contact the respective copyright owners. Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19. 2025-05-02
Fonte: http://ebible.org/gax/ · eBible.org