Salmos 115
Kitaaba Woyyuu · Toque num versículo para ver as referências cruzadas.
Waaqa Tokkocha Dhuga'aa
1Nu'uufii moti, ee Mootii Waan Maraa,
nu'uufii moti,
sababa jaalalaa fi
addatamummaa teetiitiif jedhii,
maqaa keeti ulfeessi!
2Gosi biyya adda addaa,
«Waaqi isaanii meet» maaf jedhan?
3Waaqi keenna ol-gubbaa jira;
waan isa gammachiisu mara godha.
4Waaqoti isaanii ka dharaa meeti'ii fi worqii,
harka namaatiin hujante.
5Isaan afaan qaban malee, hin dubbatanu;
ila qaban malee, hin dhagganu.
6Isaan gurra qaban malee, hin dhage'anu;
funnaan qaban malee, foolee hin fuudhanu.
7Isaan harka qaban malee,
qaqqabuu hin dande'anu.
Miila qaban malee, hin ideemanu;
laagadaan isaaniille
qoonqoo hin dhageessisu.
8Worri isaan hujee fi
isaanitti dhugeeffatu martinuu,
akkuma isaanii hin te'an.
9Ee kolbaa Israa'elii,
ka isin qarqaaruu fi isin eegu isa waan te'eef,
Mootii Waan Maraatitti addadha'a!
10Ee hayyoota, sanyii Aaronii,
inni qarqaaraa keessan;
wontee teessanille'e.
Mootii Waan Maraatitti addadha'a!
11Isin worri Mootii Waan Maraa sodaattanu,
Mootii Waan Maraatitti addadha'a!
Inni qarqaaraa keessan;
wontee teessanille'e.
12Mootiin Waan Maraa nu qaabata;
nu hin eebbisalle'e;
inni kolbaa Israa'elii hin eebbisa;
inni hayyoota sanyii Aaronii hin eebbisa.
13Inni worra isa sodaatu,
diqqa'aa fi guddaa hin eebbisa.
14Mootiin Waan Maraa
isinii fi ijoollee teessan
akka hortanu godhuu ti.
15Mootiin Waan Maraa
ol-gubba'aa fi lafa ka dade
isin eebbisuu ti.
16Ol-gubbaan ol-gubbootaa
ta Mootii Waan Maraa ti;
latti ammoo ilmaan namaatiif kennanteerti.
17Worri du'eeru,
ka gara cadheessaa gad bu'eeru,
Mootii Waan Maraa leellisuu hin dande'u.
18Nuuti worri jirru ammoo,
ammaa jalqannee haga bara baraa,
Mootii Waan Maraa hin leellifanna;
Mootii Waan Maraa leellisa'a.
Você sabia?
Confiança no Deus Vivo em Vez de Ídolos Inanimados
- O salmo estabelece um contraste marcante entre o Deus de Israel, que habita nos céus e faz tudo o que Lhe agrada, e os ídolos das nações vizinhas, esculpidos em prata e ouro por mãos humanas, desprovidos de fôlego, visão, fala e movimento.Fontes: o próprio texto bíblico
- O apelo à confiança no Senhor é estruturado em três grupos: toda a nação de Israel, a casa de Arão (a linhagem sacerdotal descendente do irmão de Moisés, da tribo de Levi) e todos os que temem ao Senhor, incluindo pequenos e grandes.Fontes: Aaron · o próprio texto bíblico
- Refletindo a perspectiva do antigo Israel, o salmo ressalta que o reino dos mortos é um lugar de silêncio onde Deus não é mais louvado, tornando a dádiva da vida terrena a oportunidade essencial para os vivos bendizerem ao Senhor.Fontes: o próprio texto bíblico
Notas escritas com auxílio de IA a partir de fontes abertas (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, domínio público) e revisadas antes de publicar.
Créditos e licença desta tradução
Kitaaba Woyyuu Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible) copyright © 2025 The Word for the World International Language: gujii Contributor: Bible Society of Ethiopia This translation is made available to you under the terms of the Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0. You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that: You include the above copyright and source information. If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes. If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original. Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents. For other uses, please contact the respective copyright owners. Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19. 2025-05-02
Fonte: http://ebible.org/gax/ · eBible.org