Salmos 111
Kitaaba Woyyuu · Toque num versículo para ver as referências cruzadas.
Leellisa Hujii Maade'ee Mootii Waan Maraatiif Dhikaate
1Mootii Waan Maraa Leellisa'a!
Kora worra qajeela'aatii fi wolde'a keessatti,
gadhaa tokkochaan
ani Mootii Waan Maraa hin saadadha!
2Wonni Mootiin Waan Maraa huje guddo'o;
worri hujii guddoo saniin gammadu marti
isii hubatiisa barbaada.
3Wonni inni huje marti
ulfinnaa fi arnyaan guutanteerti;
balchummaan isaalle
haga bara baraa jabaattee dhaabbatti.
4Mootiin Waan Maraa
hujii ifii akka qaabatantu godhe;
inni arja'a; mararaalle'e.
5Inni worra isa sodaatuuf sagalee hin kenna;
haga bara baraa gondooroo ifii hin qaabata.
6Inni lafa gosa adda addaa isaanii kenniisaan,
hunna ifii kolbaa ifiititti mudhiseera.
7Hujiin harka isaa marti dhuga'aa fi haqa;
seerri isaa marti addatama'a.
8Seerri isaa haga bara baraa jabaatee dhaabbatee,
addatamumma'aa fi balchumma'aan hujameera.
9Inni kolbaa ifiitiif wodoo erge;
gondooroo ifiille haga bara baraa ajaje;
maqaan isaa woyyicha; ka sodaatamelle'e.
10Qarummaan jalqabaa
Mootii Waan Maraa sodaatiisa;
worri ajaja isaa hordofu hubantii dansaa qaban;
kolbaan haga bara baraa
Mootii Waan Maraa saadatu'uu malte.

Você sabia?
Louvor pelas obras e pela sabedoria de Deus
- O Salmo 111 começa com um chamado de louvor e descreve ações de graças expressas abertamente tanto no conselho dos retos quanto na assembleia da comunidade.Fontes: o próprio texto bíblico
- O salmo conclui com o princípio de que o temor do Senhor é o princípio da sabedoria, associando a reverência e a prática dos preceitos divinos ao verdadeiro entendimento.Fontes: o próprio texto bíblico
Notas escritas com auxílio de IA a partir de fontes abertas (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, domínio público) e revisadas antes de publicar.
Créditos e licença desta tradução
Kitaaba Woyyuu Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible) copyright © 2025 The Word for the World International Language: gujii Contributor: Bible Society of Ethiopia This translation is made available to you under the terms of the Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0. You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that: You include the above copyright and source information. If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes. If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original. Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents. For other uses, please contact the respective copyright owners. Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19. 2025-05-02
Fonte: http://ebible.org/gax/ · eBible.org