Nations Bible

Salmos 107

Kitaaba Woyyuu · Toque num versículo para ver as referências cruzadas.

Kitaaba Shaneesso'oo

Rakkoo Hedduu Keessaa Waan Baaseef Galata Waaqaaf Dhikaatu

1Mootiin Waan Maraa dansaa waan te'eef,

inni haga bara baraa kolbaa waan jaalatuuf,

isa galateeffadha'a.

2Worri Mootiin Waan Maraa wode,

ka inni harka diinaa jalaa wode,

3ka inni lafa

karaa aduun baatuu fi seentu irraa,

kaabaa fi kibba irraa wolitti qabe,

isa galateeffadha'a.

4Worri gariin goomolee duwwaa

lafa womaa keessa hin jirre keessa daaqane;

karaa gara qachaa keessa qubatanu

isaan geessu irraa miliqane.

5Isaan beelotaanee dheebotane;

addiille kutatane.

6Achiin duuba isaan rakkinna ifii keessatti

gara Mootii Waan Maraa iyyane;

innille rakkinna guddaa isaanii jalaa isaan baase.

7Inni gara qachaa isaan keessa qubatanuu,

karaa qajeelaa irra isaan sooresse.

8Jaalala isaa ka bara baraatiif,

waan bilbaasaa ka inni ilmaan namaatiif godheef,

isaan Mootii Waan Maraa galateeffatanuu ti.

9Inni worra dheebote dheebuu baasa;

worra beelotelle waan dansa'aan quussa.

10Worri gariin dukkanaa fi dimma keessa,

wodaroo sibiilaatiin hidhamanee le'ane.

11Sababille isaan jecha Waaqaa mormanee,

gorsa Waaqa Ol Aana'aa tuffatane.

12Maarre inni hujii dadhassiittu'uun gad isaan qabe;

isaan gad jigane; ka isaan qarqaarulle hin jiru.

13Achiin duuba isaan rakkinna ifii keessatti

gara Mootii Waan Maraa iyyane;

innille rakkinna guddaa isaanii jalaa isaan baase.

14Inni dukkanaa fi dimma keessaa isaan baasee,

wodaroo sibiilaa ta ittiin hidhamane kukkute.

15Jaalala isaa ka bara baraatiif,

waan bilbaasaa ka inni ilmaan namaatii godheef,

isaan Mootii Waan Maraa galateeffatanuu ti.

16Inni balbala sageettu'uu caccasse;

danqaraa sibiilaa adda lamatti qurxe.

17Worri gariin karaa cubbu'uu waan deemaneef

gowwoomanee, sababa yakkaa ifiitiifille farrane.

18Isaan sagalee mara diqatanee,

du'iisa geyane.

19Achiin duuba isaan rakkinna ifii keessatti

gara Mootii Waan Maraa iyyane;

innille rakkinna guddaa isaanii jalaa isaan baase.

20Inni jecha ifii ergee isaan fayyise;

du'iisa irraa isaan hambure.

21Jaalala isaa ka bara baraatiif,

waan bilbaasaa ka inni ilmaan namaatii godheef,

isaan Mootii Waan Maraa galateeffatanuu ti.

22Ciincaa galataa dhikeessanuu ti;

faaruu gammadaatiin hujii isaa odeessanuu ti.

23Worri gariin hobolootaan

abbaayaa irra deemaa,

bisaan guddaa irra daldalatan.

24Isaan waan Mootiin Waan Maraa godhu,

bilbaasa inni qilee abbaayaa gudditti'ii

keessatti huju dhaggane.

25Inni ajajee,

hobonbolattii

danbalii abbaaya'aa ol fuutu kaase.

26Isaan gara ol-gubba'aa ol ka'anee

gara qile'ee gad bu'ane;

rakkinna keessalle'etti addii kutatane.

27Isaan akka nama machowee loollowanee tintimane;

waan godhanulle wollaalane.

28Achiin duuba isaan rakkinna ifii keessatti

gara Mootii Waan Maraa iyyane;

innille rakkinna isaanii keessaa isaan baase.

29Inni hobonbolattii sarmisiisee,

danbaliille cadhi godhe.

30Isaan danbaliin waan cadhitteef gammadanee,

innille gara buufata hoboloo gudditti'ii

ta isaan bira geyiisaaf fedhanee isaan geesse.

31Jaalala isaa ka bara baraatiif,

waan bilbaasaa ka inni ilmaan namaatii godheef,

isaan Mootii Waan Maraa galateeffatanuu ti.

32Isaan wolde'a kolba'aa keessatti isa saadanuu ti;

yaa'ii maanguddo'oo keessalle'etti isa leellisanuu ti.

33Inni laga gara goomole'ee,

madda bisaanii gara lafa godddu'uu jijjiire.

34Sababa worra hamoolee isii irra le'uutiif,

lafa midhaan baachu,

akka lafa booqee sooddaa ta midhaan hin baanyee godhe.

35Inni goomolee gara baleessa bisaanii,

lafa godduulle gara madda bisaanii jijjiire.

36Inni worri beelowaan akka achi qubatanu godhe;

isaanille qachaa keessa le'anu ijaarratane.

37Isaan ficha'atti midhaan facaafatanee,

muka woyni'ii dhaabbatane;

midhaan bacaalle galfatane.

38Waaqi isaan eebbisee,

isaan ijoollee bacaa horane;

horiin isaaniille akka diqqaatu hin goone.

39Yennaa isaan cunqurfamiisaan,

rakkatiisaa fi gaddiisaan gad qabamane,

laakkossi isaanii diqqaate.

40Inni qondaaltotatti salphinna fidee,

goomolee daandii hin qanne keessa akka daaqanu godhe.

41Inni ammoo worra hiyyeeyyii farra keessaa baasee,

maatii isaanii akka hoole'ee akka horanu godhe.

42Worri qajeelaan waan kana dhagganee gammadan;

worri hamaan ammoo afaan ifii qabatan.

43Worri qarooleen waan kana hubatanuu ti;

jaalala bara baraa ka Mootii Waan Maraa qalbeeffatanuu ti.

Ilustração artística — interpretação, não registro histórico.

Você sabia?

Ação de graças por libertação nas aflições

  • O Salmo 107 retrata quatro grupos distintos em perigo extremo: viajantes perdidos em desertos sem água, prisioneiros em masmorras escuras, enfermos à beira da morte e mercadores marítimos apanhados por uma tempestade violenta. Em cada crise, os aflitos clamam por socorro e são resgatados.Fontes: o próprio texto bíblico
  • O salmo emprega um refrão poético estruturado e repetitivo em cada cenário. Cada libertação é seguida por um apelo idêntico para que os resgatados deem graças pela constante misericórdia e pelas maravilhas do Senhor.Fontes: o próprio texto bíblico
  • A seção final descreve reversões dramáticas tanto na natureza quanto na sociedade. Terras férteis tornam-se desertos áridos e terras secas transformam-se em mananciais, enquanto nobres opressores são humilhados e os necessitados são exaltados.Fontes: o próprio texto bíblico

Notas escritas com auxílio de IA a partir de fontes abertas (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, domínio público) e revisadas antes de publicar.

Créditos e licença desta tradução
Kitaaba Woyyuu
Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible)
copyright © 2025 The Word for the World International
Language: gujii
Contributor: Bible Society of Ethiopia
This translation is made available to you under the terms of the
Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0.
You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that:
You include the above copyright and source information.
If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes.
If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original.
Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents.
For other uses, please contact the respective copyright owners.
Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19.
2025-05-02

Fonte: http://ebible.org/gax/ · eBible.org

Fale com a gente

Conte de onde você lê, como a Bíblia tem te ajudado ou o que podemos melhorar. Lemos todas as mensagens.