Provérbios 26
Kitaaba Woyyuu · Toque num versículo para ver as referências cruzadas.
1Dhakaan roobaa bona keessa,
bokkeenni yennaa midhaan galfatanuuf akkuma hin teene,
ulfinnille gowwa'aaf hin te'u.
2Abaarsi akkasumaan nama abaaranu,
akkuma sinbirroota koolaan asii fi achi kaatuu ti malee,
nama tokkolle hin miidhu.
3Licheen fardaaf,
bixaalli gaange'eef akkuma barbaachisu,
uleen dudda gowwa'aatiif hin barbaachitti.
4Atinuu akka isaa akka hin teene,
gowwa'aaf akka gowwummaa isaatitti
deebii gowwittii hin deebisin.
5Nami gowwaan qaroo akka ifi hin seene,
akkuma gowwummaa isaatitti deebii isaaf kenni.
6Nami nama gowwaa ergatu,
akka nama miila ifi irraa muree rakkinna ifitti fiduu ti.
7Fakkeenni afaan gowwa'aa keessaa bawu,
akka miila naafatee rarra'uu ti.
8Nama gowwa'aaf ulfinna kenniis,
akka nama looyya'atti dhakaa hidhuu ti.
9Fakkeenni afaan gowwa'aa keessaa bawu,
akka qoree harka nama machowa'aa keessa jirtuu ti.
10Nami nama gowwaa yookiin nama karaa deemu qaxaru,
akka nama daaya akkuma dhagge
darbatee nama dhagge madeessuu ti.
11Sareen diddiga ifiititti akkuma deebitu,
gowwaalle gowwummaa ifiititti hin deddeebi'a.
12Nama qaroo ifi sewu dhaggiteertaa?
Isa caalaa gowwa'atti addii qaba.
13Nami booseyi, «Neenqi karaa keessa jira!
Neenqi karaa guddaa keessa jira» jedha.
14Miilli saanqa'aa iloo keessa akkuma garagaggalu,
nami booseyille taqee ifii irra garagaggala.
15Nami booseyi harka ifii qorii keessa hin keya;
garuu gara afaan ifii deebifatiisa guddoo dadhaba.
16Nami booseyi,
namoota torba ka hubanti'iin deebii deebisanu caalaa
qaroo ifi seya.
17Nami akkasumaan dubbii namaa keessa galu,
akka nama saree karaa ideentu gurra qabuu ti.
18Akkuma maraataan umeessaa ibiddaatii fi
daaya nama ijjeesu namatti gad lakkisu,
19nami nama gowwoonsee,
«Ani hin taphadhe» jedhulle akkasuma.
20Qoraan yoo hin jiraatin ibiddi hin dhaama;
hamiin yoo hin jiraatin lolli hin hafa.
21Cileen kashila,
muki ibidda akkuma gabbisu,
nami dubbii tuttuqu lola kaasa.
22Jechi hami'ii akka tuuqata mi'owuu ti;
gara keessa namaa gad seena.
23Nami afaan ifiitiin dansaa fakkaatee,
gadhaa ifii keessaa yaada hamaa qabu,
akka meya faaraa ka meetii itti gonfanee ti.
24Nami kijibu afaaniin nama sossoba;
gadhaa ifiitiin hantuu yaadata.
25Yaadi hamaan torba
waan gadhaa isaa keessa guuteeruuf,
yennaa inni afaan laafee dubbatu,
isa hin dhugeeffatin.
26Kijibummaa ifii maltumma'aan dhoffatulle,
hammeenni isaa ammoo gumii
keessatti diidatti hin baya.
27Nami boolla namaaf qotu,
ifumaafuu keessa hin bu'a.
Nami dhakaa namatti konkolaachisulle,
dhakaan sun deebi'ee isuma irra hin konkolaata.
28Arrabi dharaamessi worruma ifiifuu miidhe jibba;
afaan sobaan kookkisulle badii namatti fida.

Você sabia?
Tolos, Preguiçosos e Contendas
- Os versículos 4 e 5 apresentam instruções aparentemente contraditórias sobre responder ou não a um tolo. Juntos, esses provérbios mostram que a sabedoria prática exige discernir o momento: responder à insensatez pode rebaixar alguém ao nível do tolo, enquanto confrontá-la pode impedir que o tolo se considere sábio.Fontes: o próprio texto bíblico
- O capítulo utiliza imagens vívidas e bem-humoradas para retratar o preguiçoso. Ele inventa desculpas exageradas, como um leão à solta na praça, gira na cama como uma porta sobre as dobradiças e acha exaustivo até mesmo levar a mão do prato à boca.Fontes: o próprio texto bíblico
- Provérbios 26 compara os conflitos humanos a uma fogueira que necessita de combustível constante. Sem boatos ou intrigas, a discórdia se apaga naturalmente, da mesma forma que o fogo se extingue quando não há lenha ou carvão.Fontes: o próprio texto bíblico
Notas escritas com auxílio de IA a partir de fontes abertas (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, domínio público) e revisadas antes de publicar.
Créditos e licença desta tradução
Kitaaba Woyyuu Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible) copyright © 2025 The Word for the World International Language: gujii Contributor: Bible Society of Ethiopia This translation is made available to you under the terms of the Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0. You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that: You include the above copyright and source information. If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes. If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original. Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents. For other uses, please contact the respective copyright owners. Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19. 2025-05-02
Fonte: http://ebible.org/gax/ · eBible.org