Provérbios 22
Kitaaba Woyyuu · Toque num versículo para ver as referências cruzadas.
1Durummaa guddo'oo mannaa, maqaa dansaa woyya;
meeti'ii fi worqii caalaa
fudhatama qabaachuu woyya.
2Isaan lamaanuu ka dade,
Mootii Waan Maraa waan te'eef,
dureessii fi hiyyeessi wol qixxe'e.
3Nami qalbeeffataan balaa dhaggee dhokata;
nami gowwaan ammoo ittuma ideemee rakkata.
4Gad ifi qabiisii fi Mootii Waan Maraa sodaatiis
karra, ulfinnaa fi jiruu namaaf kennan.
5Karaa namoota hama'aa keessa qore'ee fi tiyyo'otti jira;
nami ifi eegatu ammoo irraa fagaata.
6Ijoollee karaa sirri'ii barsiisi;
yennaa dulloomanelle isaan
karaa san irraa hin goranu.
7Dureessi hiyyeessa bulcha;
ka liqeeffatulle ka liqeessuuf tajaajila'a.
8Nami hammeenna facaasu rakkoo haammata;
uleen aarii isaalle hin baddi.
9Sagalee ifii hiyyeeyyii woliin waan qoodamuuf,
nami arjaan hin eebbifama.
10Nama murgu gad baasi;
wol dhabille hin baya;
lolli, arrabille hin jiraatu.
11Nami yaada qullu'uu fi dubbii qulluu jaalatu,
jaala mooti'ii hin te'a.
12Ilti Mootii Waan Maraa beekkumsa eeddi;
dubbii worra hin addatannee ammoo inni hin balleessa.
13Nami booseyi, «Neenqi ala jira!
Yookiin ani karaa irratti hin du'a» jedha.
14Afaan dubartii gaarayyeeffattu'uu akka boolla qile'ee ti;
nami Mootii Waan Maraa abaare isii keessa bu'a.
15Gowwummaan yaada ijoolle'ee qabatteerti;
uleen xixxa'aa ammoo gowwummaa isaan irraa hin fageessiti.
16Nami durummaa ede'atiisaaf hiyyeessa cunqursu,
ka dureessaaf kennansa kennulle lamaanuu hin hiyyoommatan.
Jecha Qaro'oo
17Gurra keeti itti qabadhuutii,
Waan qaroon jedhu caqasi!
Gadhaa keeti gara barsiisa kiyyaa deebifadhu!
18Isiin dansaa waan teeteef, gadhaa keetitti qabadhuutii,
yennaa mara marroo isi'ii dubbadhu.
19Akka ati Mootii Waan Maraatitti addattuuf,
ani adha si barsiisa.
20Jechoota gorsaatii fi beekkumsaa
soddoma ani si'iif hin barreessinee ree?
21Worra si erguuf deebii dhuga'aa akka deebittuuf,
dhuga'aa fi jecha dhuga'aa ani si hin barsiinnee ree?
Tokkeessoo
22Worra hiyyeeyyii waan hiyyeeyyii te'aneef hin saamin;
worra rakkataa addee mura'aatitti hin farrisiisin.
23Mootiin Waan Maraa isaaniif waan falmatuuf,
nama isaan saamu hin saama.
Lammeessoo
24Nama aarammeessa jaala hin godhatin;
nama dafee aarutti hin maxxanin.
25Ati isa irraa barattee,
tiyyoo isaa keessa seenta fa'a.
Sadeessoo
26Nama waada'aaf harka namaa dhowu,
yookiin liqa'aaf wobii dabaru hin te'in.
27Ati waan kaffaltuu yoo dhadde,
itilleen teeti si jalaa hin fuudhatanti.
Arfeessoo
28Dhakaa meessa'aa ka durii ka abbootiin durii dhaabane adde'ee hin munyuussin.
Shaneessoo
29Ati nama hujii ifiitiin leenji'eeru dhaggiteertaa?
Inni mootota dura tajaajila malee,
nama mara dura hin tajaajilu.
Você sabia?
Sabedoria, integridade e justiça social
- Provérbios 22:17–21 marca uma transição evidente no livro, introduzindo uma coleção descrita como trinta ditados de conselho e conhecimento para orientar o leitor na verdade e na confiança no SENHOR.Fontes: o próprio texto bíblico
- A advertência no versículo 22 para não oprimir o aflito junto à porta faz referência à porta da cidade, que funcionava como o principal espaço público para julgamentos, decisões cívicas e comércio no mundo antigo.Fontes: o próprio texto bíblico
- O versículo 28 proíbe mudar de lugar os antigos marcos de divisa postos pelas gerações passadas. Essas pedras demarcavam os limites das propriedades, e deslocá-las era uma forma de roubo que privava famílias vulneráveis de suas terras.Fontes: o próprio texto bíblico
Notas escritas com auxílio de IA a partir de fontes abertas (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, domínio público) e revisadas antes de publicar.
Créditos e licença desta tradução
Kitaaba Woyyuu Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible) copyright © 2025 The Word for the World International Language: gujii Contributor: Bible Society of Ethiopia This translation is made available to you under the terms of the Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0. You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that: You include the above copyright and source information. If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes. If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original. Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents. For other uses, please contact the respective copyright owners. Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19. 2025-05-02
Fonte: http://ebible.org/gax/ · eBible.org