Provérbios 15
Kitaaba Woyyuu · Toque num versículo para ver as referências cruzadas.
1Deebiin dansaan aarii qabbaneessiti;
jechi jabaan aarii kakkaasa.
2Arrabi qaro'oo beekkumsa saada;
afaan gowwa'aa ammoo gowwummaa dubbata.
3Ilti Mootii Waan Maraa addee mara jirti;
waan hantu'uu fi dansaalle hin dhaggiti.
4Arrabi dansaan muka jiru'uu ti;
arrabi dabaan ammoo yaada namaa cassa.
5Gowwaan gorsa abbaa ifii tuffata;
nami xixicha dhage'u ammoo qarummaa mudhisa.
6Mana nama balcha'aa keessa qabeenna gudda'atti jira;
bu'aan nami hamaan dhaggatu ammoo
rakkoo itti fiddi.
7Afaan qaro'oo beekkumsa facaasa;
qalbiin gowwa'aa ammoo akkasii moti.
8Mootiin Waan Maraa ciincaa worra hama'aa hin jibba;
daadimati worra qajeela'aa ammoo
isa gammachiisa.
9Mootiin Waan Maraa karaa worra hama'aa hin jibba;
worra balchummaa gula deemu ammoo hin jaalata.
10Nama daandii irraa goru adabbii jaddu'utti eegata;
ka xixicha jibbulle hin du'a.
11Addeen worri du'e jiruu fi addeen badi'ii
Mootii Waan Maraa duratti eega beekkantee,
gadhaan namaa attam attam
irra caalaa hin beekkanne ree?
12Nami murgaamessi xixamuu hin jaalatu;
inni nama qaroolle gorsa hin gaafatu.
13Nami gadhaan isaa gammade fuula ifa;
nami gadhaan isaa gadde ammoo yaada caba.
14Qalbiin nama hubantii qabuu beekkumsa barbaaddi;
afaan nama gowwa'aa ammoo
gowwummaa raama.
15Hiyyeessaaf guyyaan marti hama'a;
gadhaa gammada qabuuf ammoo
guyyaan marti jila.
16Qabeenna guddaa hogaa qabuu mannaa,
qabeenna diqqaa qabaatanee
Mootii Waan Maraa sodaataa le'iisa woyya.
17Addee jibbi jirutti cooma sanga'aa nyaatiisaa mannaa,
addee jaalalli jirutti
shaanaa nyaatiisa woyya.
18Nami dafee aaru lola kaasa;
nami ossatu ammoo
lola qabbaneessa.
19Karaan nama booseyaa qore'een cufameera;
karaan nama qajeela'aa ammoo
gufuu hin qabu.
20Ilmi qaroon abbaa ifii gammachiisa;
nami gowwaan ammoo haadha ifii tuffata.
21Nama gowwaa gowwumma'atti gammachiisa;
nami qaroon ammoo karaa qajeelaa deema.
22Gorsi yoo hin jiraatin karoorri hin milkowu;
gorsitooti yoo heddatte ammoo
karoorri hin milkowa.
23Nami deebii malte namaaf deebisiisaan gammada;
dubbiin yennaa isi'ii maltetti
dubbatantu attam attam dansa'a!
24Karaan nama qaro'oo addee
worri du'e jirutti akka inni gad hin buuneef,
gara jiru'uutitti ol isa geessa.
25Mootiin Waan Maraa mana worra kooruu hin diiga;
meessaa haadha hiyyeessaa ammoo hin eega.
26Mootiin Waan Maraa yaada worra hama'aa hin jibba;
yaadi worra qulqullu'uu ammoo
isa gammachiisan.
27Nami joljolaan maatii ifii irratti rakkoo fida;
nami safuu jibbu ammoo hin le'a.
28Gadhaan nama balcha'aa
deebii kenniisaan dura itti yaada;
afaan nama hama'aa ammoo dubbii hantuu dubbata.
29Mootiin Waan Maraa nama hamaa irraa fagoo jira;
daadimata balcha'aa ammoo hin dhage'a.
30Fuulli ifaan gadhaa namaa gammachiisa;
oduun gammadaa lafee jabeessiti.
31Nami xixicha jiruu kennu caqasu,
qaroolee odduu hin le'a.
32Nami gorsa tuffatu,
ifi tuffata;
nami xixicha dhage'u ammoo
hubantii dhaggata.
33Mootii Waan Maraa sodaatiis qarummaa nama barsiisa;
ulfinna dhaggatiisaan dura gad ifi qabiisatti jira.
Você sabia?
Palavras, Sabedoria e Paz Interior
- Provérbios 15 dá grande ênfase ao poder das palavras faladas, contrastando respostas brandas e pacificadoras que acalmam conflitos com palavras duras e perversas que provocam ira e abatem o espírito.Fontes: o próprio texto bíblico
- O capítulo destaca que a paz familiar e a integridade valem mais do que a riqueza material, afirmando que uma refeição simples de verduras onde há amor é melhor do que um boi gordo acompanhado de ódio.Fontes: o próprio texto bíblico
- O autor menciona o Seol e o Abadom, as profundezas do reino dos mortos, para demonstrar que nada está oculto aos olhos de Deus, que conhece plenamente o coração humano.Fontes: o próprio texto bíblico
Notas escritas com auxílio de IA a partir de fontes abertas (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, domínio público) e revisadas antes de publicar.
Créditos e licença desta tradução
Kitaaba Woyyuu Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible) copyright © 2025 The Word for the World International Language: gujii Contributor: Bible Society of Ethiopia This translation is made available to you under the terms of the Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0. You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that: You include the above copyright and source information. If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes. If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original. Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents. For other uses, please contact the respective copyright owners. Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19. 2025-05-02
Fonte: http://ebible.org/gax/ · eBible.org