Nations Bible

Provérbios 10

Kitaaba Woyyuu · Toque num versículo para ver as referências cruzadas.

Fakkeenna Solomoonii

1Fakkeenni Solomoonii

ka asii gad jiru:

ilmi qaroon abbaa ifii gammachiisa;

ilmi gowwaan haadha ifii gaddisiisa.

2Qabeenni karaa hin malleen dhaggame

bu'aa hin qabu;

balchummaan ammoo

du'a jalaa nama baatti.

3Mootiin Waan Maraa worri balchaan

akka beelotanu hin godhu;

worra hamaa ammoo waan halchane

akka isaan hin dhagganne hin godha.

4Harki boosenni nama hiyyoonsa;

harki jabaatee huju ammoo nama duroonsa.

5Worri yenna'aan midhaan galfatu qaro'o;

worri yennaa midhaan galfatiisaa rafu ammoo

hin salphata.

6Eebbi mataa balchootaa irra jira;

worri hunnaan nama irratti ka'u dubbii dansa'aan

hunnaan nama irratti ka'iisa ifii gollatan.

7Yaadannoon nama balcha'aa eebbaaf hin teeti;

maqaan nama hama'aa ammoo hin dedhama.

8Nami gadhaa ifii keessatti qaro'oo seera fudhata;

nami gowwaan dubbattichi ammoo

gara badi'ii deema.

9Nami haqaan ideemu nageyaan le'a;

nami karaa micciiramaa gula deemu ammoo

hin saaxilama.

10Nami ilaan qiphifatu rakkinna fida;

nami gowwaan dubbattichi ammoo

gara badi'ii deema.

11Afaan nama balcha'aa madda jiru'uu ti;

worri hunnaan nama irratti ka'u ammoo

dubbii dansa'aan

hunnaan nama irratti ka'iisa ifii gollatan.

12Jibbi lola kaasa;

jaalalli ammoo yakkaa mara golla.

13Qarummaan afaan qaroole'ee irra jirti;

adabbiin ammoo dudda

gowwoole'ee irra jirti.

14Qarooleen beekkumsa tuulatti;

dubbiin gowwa'aa ammoo badii fiddi.

15Qabeenni dureeyyi'iif qachaa dalleya dhaka'aa qabu;

hiyyummaan ammoo badii hiyyeeyyi'ii ti.

16Gatiin eloo balcha'aa jiru'u;

bu'aan nama hama'aa adabbi'i.

17Nami gorsa fudhatu karaa jiru'uu namatti mudhisa;

nami xixicha tuffatu ammoo

karaa irraa nama milissa.

18Nami jibba ifii dhoffatu dharaamessa;

nami hamii odeessu gowwa'a.

19Jechoota bacaa keessaa,

cubbuun hin dhabantu;

nami arraba ifii eegatu ammoo qaro'o.

20Dubbiin nama balcha'aa akka meetii qullu'uu ti;

yaadi nama hama'aa ammoo gatii hin qabu.

21Afaan nama balcha'aa nama hedduu areera;

worri gowwaan ammoo

qalbii dhabiisaan du'a.

22Eebbi Mootii Waan Maraa durummaa kenna;

inni rakkinna isi'itti hin dabalu.

23Nami gowwaan waan hantuu hujiisatti gammada;

nami hubantii qabu ammoo

qarumma'atti gammada.

24Nama hamaa waan inni guddoo sodaatutti itti dhufa;

nama balchaa ammoo

waan inni guddoo halchutti isaaf kennama.

25Hobonbolattiin yennaa kaatu,

worra hamaa haxoottee dabarti;

worri balchaan ammoo

haga bara baraa

jabaatee dhaabbata.

26Wonni dhangaggowu ilkaan,

aarrille ila akkuma rakkisu,

nami booseyille

nama isa ergatu rakkisa.

27Mootii Waan Maraa sodaatiis jiruu dheeressa;

woggaan nama hama'aa ammoo gabaaddu'u.

28Addiin worra balcha'aa gammada;

addiin worra hama'aa bu'aa hin qaddu.

29Karaan Mootii Waan Maraa

worra balcha'aaf gollaa jaddu'u;

worra hantuu hujuuf ammoo badi'i.

30Worri balchaan ijjumaa hin munyuuqu;

worri hamaan ammoo lafa irratti hin hafu.

31Afaan worra balcha'aa qarummaa dubbata;

arrabi dubbii micciiru ammoo hin murama.

32Afaan worra balcha'aa dubbii toltu beeka;

afaan worra hama'aa ammoo micciiriisa qofa beeka.

Ilustração artística — interpretação, não registro histórico.

Você sabia?

Os Provérbios de Salomão e a Sabedoria Prática

  • O capítulo 10 marca o início de uma coleção atribuída diretamente ao rei Salomão, passando de poemas instrutivos mais longos para máximas concisas de dois versos que contrastam o caminho dos justos e dos ímpios.Fontes: o próprio texto bíblico · Solomon
  • Vários provérbios desta seção baseiam-se na vida agrária, usando o ritmo sazonal da colheita de verão para ilustrar como a diligência traz estabilidade, enquanto a preguiça resulta em vergonha e pobreza.Fontes: o próprio texto bíblico
  • O capítulo dá grande ênfase ao falar, comparando as palavras dos justos a uma fonte de vida e a prata escolhida, enquanto adverte que palavras excessivas ou enganosas causam discórdia e ruína.Fontes: o próprio texto bíblico

Notas escritas com auxílio de IA a partir de fontes abertas (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, domínio público) e revisadas antes de publicar.

Créditos e licença desta tradução
Kitaaba Woyyuu
Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible)
copyright © 2025 The Word for the World International
Language: gujii
Contributor: Bible Society of Ethiopia
This translation is made available to you under the terms of the
Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0.
You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that:
You include the above copyright and source information.
If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes.
If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original.
Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents.
For other uses, please contact the respective copyright owners.
Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19.
2025-05-02

Fonte: http://ebible.org/gax/ · eBible.org

Fale com a gente

Conte de onde você lê, como a Bíblia tem te ajudado ou o que podemos melhorar. Lemos todas as mensagens.