Números 32
Kitaaba Woyyuu · Toque num versículo para ver as referências cruzadas.
Gosa Laga Yordaanosiitiin Gara Aduun Baatu Jirtu
1Sanyiin Ruubeniitii fi sanyiin Gaadii horii bacaa qabaniiyyu; isaan latti Yaazeriitii fi latti Giil'aadii lafa hori'iif toltu akka teete dhaggane. 2Maarre isaan gara Muuse'ee, gara Ele'azaarii hayyichaatii fi gara sooreyyii kolba'aa dhufanee, 3«Ataaroti, Diibon, Yaazer, Niimraa, Heshiboon, Ele'aale, Sebaam, Neboonii fi Be'on, 4latti Mootiin Waan Maraa akka Israa'elooti qabatanu godhe tun hori'iif dansa'a; nuuti tajaajiltooti teeti horii bacaa qanna. 5Fuula keeti duratti fudhatama dhaggannee yoo jiraanne, lafa tana nu tajaajiltoota teetiif kenni malee, laga Yordaanosii gamatti akka buunu hin godhin» jedhane.
6Muuseen ammoo sanyii Gaadiitii fi sanyii Ruubeniitiin, «Isin as teettanuun kolbaan biyya teessanii Israa'elooti lolaaf deemanii ree? 7Kolbaan biyya teessanii Israa'elooti laga Yordaanosii gamatti buutee, lafa Mootiin Waan Maraa isaaniif kennetti akka hin galle maaf addii kutachiittan ree? 8Lafa akka dooyanuuf abbootii teessan Qaadesh-Barnee irraa yennaa ani erge, isaanille akkasuma godhane. 9Isaan haga dhooqa Eshikolii dhaqanee, lafa ilaalaneen duuba, Israa'elooti gara lafa Mootiin Waan Maraa isaaniif kenneeru sanitti akka hin galle addii kutachiisane. 10Guyyaa san Mootiin Waan Maraa guddoo aaree, kakatee, 11‹Namooti biyya Gibxi'iitii bayane worri woggaan isaanii diddamaatii fi diddamaa olii gadhaa tokkochaan na gula waan hin deeminiif, isaan keessaa nami tokkolle lafa ani Abrahaamiif, Yisihaqii fi Yaaqoobiif kenniisaaf kaku'uun waadaa gale hin dhagganu. 12Kaalebii ilma Yofunee Qenazichaatii fi Iyaasuu ilma Nunii worra gadhaa tokkochaan na gula deemane malee, isaan keessaa nami tokkolle hin dhaggu› jedhe. 13Mootiin Waan Maraa kolbaa Israa'eliititti guddoo aaree, dhalooti fuula Mootii Waan Maraa duratti hantuu hujane sun haga dhumatanutti, kolbaan Israa'elii woggaa afurtama goomolee keessa akka joonjitu godhe. 14Isinille amma sanyiin namoota cubbaaleyyi'ii, addee abbootii teessanii buutanee, Mootiin Waan Maraa irra caalaa kolbaa Israa'eliititti akka aaru gootan. 15Isin sanyiin Ruubeniitii fi sanyiin Gaadii isa hordofiisa irraa yoo deebitane, inni ammalle goomolee keessatti kolbaa tana hin lakkisa; isin badii isaaniitiif sababa hin teetan» jedhe.
16Achiin duuba isaan gara Muuse'ee dhufanee, «Asitti horii keennaaf moonaa, ijoollee teennaa fi dubartoota teennaaf qachaa ijaaruu feena. 17Te'uu malee, haga addee isaaniitiin isaan geennutti hidhannee Israa'eloota golii teennaa dura aannee loliisaaf qophoonneerra; yennaa san kolbaan lafa tana keessa leetu ijoollee teenna akka hin miine, ijoolleen teenna qachaa dalleenni dhaka'aa itti ijaarame keessa hin le'an. 18Israa'elooti marti lafa ifii haga dhaalanutti nuuti gara mana keennaa hin deebinu. 19Nuuti laga Yordaanosii irraa gara aduun baatutti lafa waan fudhanneef, laga Yordaanosiitiin gama lafa isaan woliin qoodannu hin qannu» jedhane.
20Achiin duuba Muuseen isaaniin, «Isin tana yoo gootane, lola dhaqiisaaf Mootii Waan Maraa duratti yoo qophoottane, 21haga inni diinota ifii fuula ifii duraa oofee baasutti, isin worri meya lolaa hidhatee lolaaf qophootaneertanu martinuu fuula Mootii Waan Maraa dura laga Yordaanosii gamatti yoo buutane, 22yennaa latti sun harka Mootii Waan Maraa jala galte, isin deebi'uu hin dandeettan. Mootii Waan Maraatii fi Israa'elootaafille akka gootanu waan isin irraa barbaadamu muummessitaneertan. Latti sunille fuula Mootii Waan Maraa duratti teessan hin teeti. 23Isin waan kana yoo hin godhin ammoo, Mootii Waan Maraa irratti cubbuu hujjan; cubbuun teessan akka isin qabattu beeka'a. 24Ijoollee teessanii fi dubartoota teessaniifille qachaa, hoole'ee fi re'ee teessanille'eef gooree ijaara'a; ammoo waan waadaa galtane muummessa'a» jedhe.
25Achiin duuba sanyiin Gaadiitii fi sanyiin Ruubenii, Muuse'een, «Nuuti tajaajiltooti teeti, akka ati goottaan keenna ajajje hin goona. 26Ijoolleen teenna, dubartooti teenna, loon keennaa fi horiin keenna marti as qachoota Giil'aadii keessatti hin hafan. 27Nuuti tajaajiltooti teeti ammoo worri lolaaf qophoonne marti akkuma ati jette, Mootii Waan Maraa duratti, loliisaaf laga Yordaanosii gamatti buuna» jedhane.
28Maarre Muuseen marroo isaaniitiif Ele'azaarii hayyicha, Iyaasuu ilma Nuniitii fi sooreyyii gosa Israa'elii ajajee, 29«Sanyiin Gaadiitii fi sanyiin Ruubenii Mootii Waan Maraa duratti lolaaf qophowanee, isin woliin laga Yordaanosii bu'anee, lafa san yoo qabatane, lafa Gaal'aadii isaaniif kenna'a. 30Isaan ammoo lolaaf hidhatanee isin woliin laga Yordaanosii gamatti yoo hin bu'in, isinuma woliin lafa Kana'aanii keessatti latti qooda isaanii isaaniif kennantuu ti» jedhe.
31Sanyiin Gaadiitii fi sanyiin Ruubenii deebisanee, «Nuuti tajaajiltooti teeti akkuma Mootiin Waan Maraa ajaje hin goona. 32Nuuti lolaaf hidhannee, Mootii Waan Maraa duratti, gara lafa Kana'aanii gamatti hin buuna, latti nuuti fudhannu ammoo as laga Yordaanosiitiin gamana hin teeti» jedhane.
33Achiin duuba Muuseen mootummaa Sihoonii mootii Amoorotaatii fi mootummaa Oogii mootii Baashaanii, lafa duudii qachoota isi'ii woliin, biyya adaala qachootaa woliin, sanyii Gaadiitii fi sanyii Ruubeniitiif, gamisa sanyii Minaasee ilma Yoseefiitiifille kenne. 34Sanyiin Gaadii qachoota dalleenni dhaka'a itti ijaarame Diibon, Ataarot, Aro'er, 35Atrot-Shofaan, Yaazer, Yogbehaa, 36Bet-Niimra'aa fi Bet-Haaraan deebisanee ijaaranee, hoole'ee fi re'ootaafille gooree ijaarane. 37Sanyiin Ruubenii qachoota: Heshiboon, Ele'aale, Kiriiyat-Aayim, 38qachoota maqaan isaanii jijjiirame Nebo'oo fi Ba'aal-Me'on, Siibmaalle deebisanee ijaarane. Isaan qachoota deebisanee ijaarane kana maqaa baasane.
39Sanyiin Maakiirii ilma Minaase'ee dhaqanee lafa Giil'aadii qabatanee, worra Amoorotaa ka achi jiranu ari'ane. 40Maarre Muuseen lafa Giil'aadii sanynii Maakiirii ilma Minaase'eetiif kennee, isaanille achi le'ane. 41Sanyiin Minaase'ee Yaa'iir olloota isaanii qabatee, «Olloota Yaa'iirii» jedhee moggaase. 42Nobaalle dhaqee Qenaatii fi olloota adaala isi'ii qabatee, «Nobaa» jedhee maqaa ifiitiin moggaase.

Você sabia?
O assentamento a leste do Jordão
- As tribos de Rúben e Gade possuíam rebanhos muito numerosos e pediram para se estabelecer nas férteis pastagens de Jazer e Gileade, a leste do rio Jordão. De início, Moisés temeu que o pedido desanimasse as outras tribos, lembrando como o relatório infiel dos espias em Cades-Barneia causou quarenta anos de peregrinação no deserto.Fontes: o próprio texto bíblico · Gad · Gilead
- Para resolver a questão, Rúben e Gade propuseram construir currais para os seus animais e cidades fortificadas para as suas famílias, enquanto os seus homens armados cruzariam o Jordão à frente dos outros israelitas para lutar até o fim da conquista.Fontes: o próprio texto bíblico
- Moisés concordou e dividiu os territórios conquistados dos reis amorreus Seom e Ogue entre Rúben, Gade e a meia tribo de Manassés. Os descendentes de Maquir, filho de Manassés, expulsaram os amorreus restantes para ocupar Gileade, enquanto outros clãs tomaram e renomearam povoados vizinhos.Fontes: o próprio texto bíblico · Machir
Notas escritas com auxílio de IA a partir de fontes abertas (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, domínio público) e revisadas antes de publicar.
Lugares deste capítulo
- Gilead · Hoje: Gilead 1 · 32.187, 35.692 · versículos 1, 26, 29, 39, 40, 41
- Beon · Hoje: Ma‘in · 31.680, 35.735 · versículo 3
- Dibon · Hoje: Tall Dhiban · 31.502, 35.777 · versículos 3, 34
- Nimrah · Hoje: Tall Bleibel · 31.909, 35.639 · versículo 3
- Jordan · Hoje: Jordan River · 31.761, 35.558 · versículos 5, 19, 21, 22, 29, 32
- Egypt · 30.129, 31.308 · versículo 11
- Canaan · 32.767, 35.333 · versículos 30, 32
- Bashan · 32.781, 35.935 · versículo 33
- Havvoth-jair · 32.588, 35.726 · versículo 41
- Nobah · Hoje: Qanawat · 32.756, 36.619 · versículo 42
Só aparecem lugares com identificação de alta confiança (90% ou mais segundo as fontes acadêmicas reunidas pelo OpenBible). Mapa da época: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; mapa atual: © colaboradores do OpenStreetMap; lugares: OpenBible.info (CC BY 4.0).
Créditos e licença desta tradução
Kitaaba Woyyuu Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible) copyright © 2025 The Word for the World International Language: gujii Contributor: Bible Society of Ethiopia This translation is made available to you under the terms of the Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0. You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that: You include the above copyright and source information. If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes. If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original. Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents. For other uses, please contact the respective copyright owners. Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19. 2025-05-02
Fonte: http://ebible.org/gax/ · eBible.org