Números 27
Kitaaba Woyyuu · Toque num versículo para ver as referências cruzadas.
Ijoollee Durraa Ta Zelofehaadii
1Ijoolleen durraa ta Zelofehaadii: Maahilaa, No'aa, Hoglaa, Miilka'aa fi Tiirza'a. Zelofehaad ka Heferii, Hefer ka Giil'aadii, Giil'aad ka Maakiirii, Maakiir ka Minaase'ee, Minaaseen ka Yoseefii ti. 2Ijoolleen durraa sun gara seensuma Dunkaanii Woldeenna'aa dhaxxee fuula Muuse'ee, fuula Ele'azaarii hayyichaa, fuula sooreyyi'iitii fi fuula wolde'a duudi'ii dura dhaabbattee, 3«Abbaan keenna goomolee keessatti du'e. Inni worra Mootii Waan Maraa mormiisaaf wolitti qabame, golii Qoraahii keessa hin jiru; inni ilmaan adoo hin uumatin cubbuma ifiitiin du'e. 4Ilma waan hin uumatiniif, maqaan abbaa keennaa fira isaa keessaa maaf bada ree? Fira abbaa keennaa oddu'utti lafa nuu kenna'a» jette.
5Maarre Muuseen haajaa isaanii Mootii Waan Maraatitti dhikeesse; 6Mootiin Waan Maraalle, isaan, 7«Wonni ijoolleen durraa ta Zelofehaadii gaafatte sirri'i; odduu fira abbaa isaaniititti lafa isaaniif kenni; dhaalli abbaa isaanii gara isaanii akka dabaru godhi. 8Ati kolbaa Israa'eliitiin, ‹Nami tokko ilma adoo hin uumatin yoo du'e, ijoolleen durraa ta isaa karra isaa akka dhaaltu godha'a. 9Inni yoo ijoollee durraalle hin qabaatin, karra isaa obboleeyyan isaatiif kenna'a. 10Inni yoo obboleeyyan hin qabaatin, obboleeyyan abbaa isaatiif kenna'a. 11Abbaan isaa yoo obboleeyyan hin qabaatin, karra isaa fira aantii isaatiif kenna'a; inni dhaaluu ti; akkuma ani Mootiin Waan Maraa si ajaje, kun kolbaa Israa'eliif qajeelfama seeraa te'uu ti› jedhi» jedhe.
Iyaasuun Addee Muuse'eetitti Filame
12Achiin duuba Mootiin Waan Maraa Muuse'een, «Gaara Abaariimii kana irratti ol bayiitii, lafa ani kolbaa Israa'eliitiif kenne ilaali. 13Ati isii dhaggiteen duuba, akkuma obboleessi keeti Aaron du'e, atille hin duuta; 14sababille yennaa kolbaan bisaan goomolee Ziinii keessaa biratti na finqilte, isin lamaanuu ila isaanii duratti ana woyyoonsuu diddanee ajaja kiyyaaf ajajamuu diddaneertan. Bisaan kun Bisaan Mariiba'aa ka Qaadesh keessaa ka goomolee Ziinii keessaa ti» jedhe.
15Muuseen Mootii Waan Maraatiin, 16«Ee Mootiin Waan Maraa, Waaqa jiruu nama maraa, kolbaa tana irratti nama tokko fili! 17Innille kolbaan teeti akka hoolee tissee hin qannee akka hin teene, isaaniin dura ka deemu, ka isaaniin dura gad bayuu fi ka isaaniin dura ol seenu, ka gad isaan baasuu fi ka ol isaan galchu» jedhe.
18Maarre Mootiin Waan Maraa Muuse'een, «Iyaasuu ilma Nunii, nama Ayyaanni keessa jiru fuudhiitii, harka keeti isa irra keyi; 19Ele'azaarii hayyichaa fi wolde'a duudii dura dhaabbachiisiitii, hujii inni itti gaafatamu kana isaan duratti itti kenni. 20Wolde'i Israa'elii duudiin akka isaaf ajajamu, baallii teeti irraa garii isaaf kenni. 21Inni fuula Ele'azaarii hayyichaa, ka karaa Uriimiitiin fedhii tiyya beeku dura dhaabbatuu ti; akkuma ajaja hayyichaatitti, Iyaasu'uu fi wolde'i Israa'elii duudiin bayanee galanuu ti» jedhe. 22Muuseen akkuma Mootiin Waan Maraa isa ajaje godhe. Inni Iyaasuu fuudhee fuula Ele'azaarii hayyichaatii fi fuula wolde'a Israa'elii duudii dura dhaabbachiise. 23Achiin duuba harka ifii isa irra keyee, akkuma Mootiin Waan Maraa isa ajaje hujii inni itti gaafatamu itti kenne.

Você sabia?
Herança e a sucessão de liderança
- Quando as cinco filhas de Zelofeade — Macla, Noa, Hogla, Milca e Tirza — solicitaram terras porque o pai havia morrido sem deixar filhos, estabeleceu-se um novo estatuto legal permitindo que filhas herdassem a porção de terra da família.Fontes: Zelophehad · o próprio texto bíblico
- Moisés foi instruído a contemplar a terra prometida a partir dos montes de Abarim antes de sua morte, anunciada em decorrência do ocorrido nas águas de Meribá, em Cades, no deserto de Zim.Fontes: Abarim · Meribah (of Kadesh) · Kadesh · o próprio texto bíblico
- Para garantir que a comunidade não ficasse como ovelhas sem pastor, Moisés impôs as mãos publicamente sobre Josué perante o sacerdote Eleazar e toda a congregação, comissionando-o formalmente como seu sucessor.Fontes: Joshua · Eleazar · o próprio texto bíblico
Notas escritas com auxílio de IA a partir de fontes abertas (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, domínio público) e revisadas antes de publicar.
Lugares deste capítulo
- Abarim · 31.754, 35.715 · versículo 12
- Meribah · Hoje: Ain el Qudeirat · 30.648, 34.422 · versículo 14
- Zin · Hoje: Zin Desert · 30.971, 35.325 · versículo 14
Só aparecem lugares com identificação de alta confiança (90% ou mais segundo as fontes acadêmicas reunidas pelo OpenBible). Mapa da época: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; mapa atual: © colaboradores do OpenStreetMap; lugares: OpenBible.info (CC BY 4.0).
Créditos e licença desta tradução
Kitaaba Woyyuu Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible) copyright © 2025 The Word for the World International Language: gujii Contributor: Bible Society of Ethiopia This translation is made available to you under the terms of the Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0. You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that: You include the above copyright and source information. If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes. If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original. Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents. For other uses, please contact the respective copyright owners. Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19. 2025-05-02
Fonte: http://ebible.org/gax/ · eBible.org