Números 20
Kitaaba Woyyuu · Toque num versículo para ver as referências cruzadas.
Bisaan Rassaa Keessaa Madde
1Ji'a tokkeesso'oo keessa kolbaan Israa'elii duudiin gara goomolee Ziinii dhuttee Qaadeshitti qubatte. Achitti Miiryaam duutee awwaalante.
2Addee san bisaan waan hin jirreef, Muuse'ee fi Aaron mormiisaaf, kolbaan wolitti qabante. 3Kolbaan Muuse'ee fi Aaron loltee, «Yennaa obboleeyyan teenna Mootii Waan Maraa duratti dhumatanu nuutille adoo dhumannee jiraannee! 4Isin maaf kolbaa Mootii Waan Maraa as goomolee tana keessa nu fiddane? Nuutille, horiin keennalle akka asitti dhumannuufii motii ree? 5Biyya Gibxi'ii keessaa nu baattanee addee wonni tokko itti hin lanne maaf nu fiddane? Addee tana midhaan, harruun, woyniin, midhaan muka rumaanii hin jiru; bisaan unanuuyyuu hin jiru» jedhane. 6Achiin duuba Muuse'ee fi Aaron kolbaa irraa hiiqanee gara seensuma Dunkaanii Woldeenna'aa dhaqanee, fuulaan lafatti gad gombifamanee, ulfinni Mootii Waan Maraalle isaanitti mudhate.
7Mootiin Waan Maraa Muuse'een, 8«Ulee teetii fudhadhuutii atii fi obboleessi keeti Aaron wolde'a wolitti qaba'a; achitti isaan mara duratti rassa'atti dubbadha'a; rassaa san keessaa bisaan hin burqa. Akkanaan ati rassaa keessaa kolba'aaf bisaan baachee, isaanii fi horiille hin unan» jedhe. 9Maarre Muuseen akkuma Mootiin Waan Maraa isa ajaje dhaqee, ulee fuula Mootii Waan Maraa duraa fudhate.
10Muuse'ee fi Aaron rassaa duratti wolde'a wolitti qabanee, Muuseen kolba'aan, «Isin worri jallaameyyiin, dhage'a'a! Nuuti rassaa kana keessaa bisaan isiniif baanyaa ree?» jedhe. 11Achiin duuba Muuseen harka ifii ol kaasee, ulee ifiitiin yennaa lama rassaa san dhowe; bisaan keessaa lola'ee, kolba'aa fi horiin isaaniille unane.
12Mootiin Waan Maraa ammoo Muuse'ee fi Aaroniin, «Israa'eloota duratti ana woyyicha gootanee ulfeessiisaaf, natti waan hin addatiniif, lafa ani isaanii kennetti isaan hin galchitanu» jedhe.
13Addeen Israa'elooti Mootii Waan Maraatiin morminaan, Mootiin Waan Maraa woyyummaa ifii isaanitti mudhise addee bisaan Mariibaa ti.
Mootiin Edoomii Israa'el Dabaruu Dhoogge
14Muuseen Qaadeshi irraa gara mootii Edoomii ergantootaa ergee, «Obboleessi keeti Israa'el, ‹Rakkinna nu irra dhaqqabe mara hin beetta; 15abbootiin teenna ta durii gara biyya Gibxi'ii gad bu'anee, nuutille bara hedduu achi leene. Worri biyya Gibxi'ii abbootii teennaa fi nu'ulle cunqursanee, 16yennaa nuuti gara Mootii Waan Maraa iyyine ammoo, inni iyya teenna dhage'ee ergamaa ergee biyya Gibxi'ii keessaa nu baase. Amma tuuti meessaa lafa teetii, qachaa Qaadeshii jirra. 17Maganne'ee lafa teeti keessa akka dabarru nuu eeyyami. Nuuti fichaa nama tokkoo yookiin oorruu woynii nama tokkoolle keessa hin baanu, baleessa tokkolle keessaa bisaan hin unnu; haga lafa teeti keessa dabarrutti karaa guddaa mootichaa irraa asii fi achi middaa fi bitaa adoo hin gorin hin ideenna› jedha'aa itti hima'a» jedhe.
18Mootiin Edoomii deebisee, «Nuuti akka isin biyya teenna keessa dabartanu hin eeyyannu! Dabariisaaf yoo wodhaantane, shallaaga'aan baanee isin lolla» jedhe.
19Israa'elooti deebisanee, «Nuuti karaa guddaa irraa hin gorru, nuutille yookiin horiin keennalle yoo bisaan keessan une hin kaffalla; nuuti miila qofaan keessa dabarra malee, waan dhibii womaa hin goonu» jedhane.
20Mootiin Edoomii ammalle deebisee, «Isin as keessa hin dabartanu» jedhe; achiin duuba isaan loliisaaf, loltoota baca'aa fi hunnaameyyii woliin baye. 21Mootiin Edoomii worra Israa'elootaa lafa ifii keessa dabariisa waan dhooggeef, Israa'elooti irraa goranee karaa dhibii deemane.
Du'a Aaronii
22Kolbaan Israa'elii duudiin Qaadeshii kaatee gara gaara Hoorii dhaxxe. 23Gaara Hoorii ka meessaa lafa Edoomiititti, Mootiin Waan Maraa Muuse'ee fi Aaroniin, 24«Aaron hin du'a; isin lamaanuu bisaan Mariiba'aa biratti diddanee seera kiyya irratti waan kaataneef, inni gara lafa ani Israa'elootaaf kennetti hin galu. 25Aaronii fi ilma isaa Ele'azaar fuudhiitii gaara Hooriititti ol bayi; 26achitti woyaa Aaronii hayyicha gudda'aa ta hayyumma'aa irraa baasiitii ilma isaa Ele'azaaritti uffisi. Aaron achitti hin du'a» jedhe. 27Muuseen akkuma Mootiin Waan Maraa ajaje godhe; isaan kolbaan duudiin adoo ilaaltuu gara gaara Hoorii ol bayane. 28Muuseen woyaa Aaronii ta hayyumma'aa irraa baasee ilma isaa Ele'azaaritti uffise. Aaron achitti qaccee gaaraa irratti du'e. Achiin duuba Muuse'ee fi Ele'azaar gara irraa gad bu'ane. 29Kolbaan duudiin Aaron akka du'e yennaa dhageette, Israa'elooti martinuu guyyaa soddoma isaaf bowane.
Você sabia?
Água em Meribá, a Recusa de Edom e a Morte de Arão
- Em Cades, no deserto de Zim, Miriã morreu e foi sepultada, e a comunidade enfrentou uma grave escassez de água. Quando Moisés golpeou a rocha duas vezes em vez de falar com ela como ordenado, a água jorrou, mas Moisés e Arão foram informados de que não conduziriam o povo à terra prometida; o local foi chamado de Meribá.Fontes: o próprio texto bíblico · Kadesh · Meribah (of Kadesh) · Miriam
- Moisés dirigiu-se ao rei de Edom chamando o povo de teu irmão Israel ao pedir permissão para transitar pela Estrada Real. Esse apelo baseava-se na fraternidade tradicional entre os patriarcas Jacó (Israel) e Esaú (Edom), embora Edom ainda assim tenha mobilizado um exército para barrar a passagem.Fontes: o próprio texto bíblico · Edom · Esau (Edom) · Jacob (Israel)
- No monte Hor, na fronteira de Edom, Moisés retirou as vestes sacerdotais sagradas de Arão e as colocou em seu filho Eleazar, transferindo o ofício de sumo sacerdote. Arão morreu no topo da montanha, e a comunidade cumpriu um período de luto de trinta dias.Fontes: o próprio texto bíblico · Mount Hor · Aaron · Eleazar
Notas escritas com auxílio de IA a partir de fontes abertas (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, domínio público) e revisadas antes de publicar.
Lugares deste capítulo
- Zin · Hoje: Zin Desert · 30.971, 35.325 · versículo 1
- Egypt · 30.129, 31.308 · versículos 5, 15, 16
- Meribah · Hoje: Ain el Qudeirat · 30.648, 34.422 · versículos 13, 24
- Edom · 30.746, 35.604 · versículos 14, 18, 20, 21, 23
- King’s Highway · 31.955, 35.934 · versículo 17
Só aparecem lugares com identificação de alta confiança (90% ou mais segundo as fontes acadêmicas reunidas pelo OpenBible). Mapa da época: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; mapa atual: © colaboradores do OpenStreetMap; lugares: OpenBible.info (CC BY 4.0).
Créditos e licença desta tradução
Kitaaba Woyyuu Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible) copyright © 2025 The Word for the World International Language: gujii Contributor: Bible Society of Ethiopia This translation is made available to you under the terms of the Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0. You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that: You include the above copyright and source information. If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes. If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original. Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents. For other uses, please contact the respective copyright owners. Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19. 2025-05-02
Fonte: http://ebible.org/gax/ · eBible.org