Nations Bible

Números 2

Kitaaba Woyyuu · Toque num versículo para ver as referências cruzadas.

Addee Quttumaa Keessatti Gosa Gosaan Akka Itti Qubatane

1Mootiin Waan Maraa Muuse'ee fi Aaroniin, 2«Israa'elooti Dunkaanii Woldeenna'aa irraa fagaatanee, nami tokko tokkooyyuu baandiraa maatii ifii jala, adaala Dunkaanii Woldeenna'aatitti qubatuu ti» jedhe.

3Ila boru'uu, karaa aduun baatuun, goliin quttuma Yihuda'aa loltoota ifii woliin baandiraa ifii jala hin qubatan. Sooressi kolbaa Yihuda'aa, ilma Aminaadaabii Nahasoon. 4Goliin isaa loltooti laakkowamane 74,600. 5Gosi Yisaakorii isaanitti aananee hin qubatan. Sooressi kolbaa Yisaakorii, ilma Zuwaarii Nataani'el. 6Goliin isaa loltooti laakkowamane 54,400. 7Gosi Zebuloonii isaanitti hin aanan. Sooressi kolbaa Zebuloonii, ilma Helonii Eliiyaab. 8Goliin isaa loltooti laakkowamane 57,400. 9Addee quttumaa ta worra Yihuda'aa keessa akka golii golii isaaniititti akka qubatanu, namooti laakkowamane marti wolumatti 86,400. Worri dursee duula bayu isaan kana.

10Goliin quttuma Ruubenii gara kibbaatiin, baandiraa ifii jala hin qubatan. Sooressi kolbaa Ruubenii ilma Shiide'urii Eliizur. 11Goliin isaa loltooti laakkowame 46,500. 12Gosi Shimi'oonii isaanitti aananee hin qubatan. Sooressi kolbaa Shimi'oonii, ilma Zuriishadaayii Shiilumii'el. 13Goliin isaa loltooti laakkowame 59,300. 14Gosi Gaadii isaanitti hin aanan. Sooressi kolbaa Gaadii, ilma Dewu'elii Elii'aasaaf. 15Goliin isaa loltooti laakkowame 45,650.

16Quttuma Ruubenii keessaa dhiirti loltooti akka golii golii isaaniititti laakkowame wolumatti 151,450. Worri kun lammeessoo te'anee duula hin bayan.

17Achiin duuba Dunkaaniin Woldeenna'aatii fi goliin Lewwootaa golii worra qaraatii fi golii worra duubaa wodhakkaa deeman. Isaan adduma addaan bayanee akkuma dur addee quttuma ifii jiranuutitti baandiraa ifii qabatanee hin deeman.

18Goliin gosa Efreemii loltoota ifii woliin karaa aduun seentuun baandiraa ifii jala hin qubatan. Sooressi gosa Efreemii, ilma Amiihudii Eliishaama'a. 19Goliin isaa loltooti laakkowamanee 40,500.

20Gosi Minaase'ee isaanitti aananee hin qubatan. Sooressi kolbaa Minaase'ee, ilma Phedaazurii Gamaali'el. 21Goliin isaa loltooti laakkowamane 32,200. 22Gosi Beniyaaminii isaanitti hin aanan. Sooressi kolbaa Beniyaaminii, ilma Giidewonii Abiidaan. 23Goliin isaa loltooti laakkowamane 35,400.

24Quttuma Efreemii keessaa dhiirti akka golii golii ifiititti laakkowamane wolumatti 108,100. Isaan sadeessoo te'anee duula hin bayan.

25Goliin quttuma gosa Daanii loltoota ifii woliin gara kaabaatiin, baandiraa ifii jala hin qubatan. Sooressi kolbaa Daanii ilma Amiishadaayii Ahii'ezer. 26Goliin isaa loltooti laakkowamane 62,700.

27Gosi Asheerii isaanitti hin aanan. Sooressi kolbaa Asheerii ilma Okraanii Fagi'el. 28Goliin isaa loltooti laakkowamane 41,500.

29Gosi Niftaalemii isaanitti hin aanan. Sooressi kolbaa Niftaalemii, ilma Enaanii Ahiira'a. 30Goliin isaa loltooti laakkowamane 53,400. 31Quttuma Daanii keessaa dhiirti akka golii golii isaaniititti worri laakkowamane 157,600. Isaan dhuma irra baandiraa ifii qabatanee hin bayan.

32Israa'elooti akka maatii maatii isaaniititti, akka golii golii isaaniititti loltooti laakkowamane martinuu wolumatti 603,550. 33Lewwooti ammoo akkuma Mootiin Waan Maraa Muusee ajajetti gosa Israa'elootaa dhibii woliin hin laakkowanne. 34Maarre Israa'elooti waan mara akkuma Mootiin Waan Maraa Muusee ajaje godhanee, baandiraa ifii qabatanee, golii golii'ii fi maatii maatii ifii woliin duula bayane.

Ilustração artística — interpretação, não registro histórico.

Você sabia?

A Organização do Acampamento

  • Os israelitas foram instruídos a acampar ao redor da Tenda do Encontro voltados para os quatro pontos cardeais, deixando o santuário e os levitas posicionados no centro do acampamento.Fontes: o próprio texto bíblico
  • As doze tribos foram organizadas em quatro grupos de três, cada um sob o estandarte principal de uma tribo: Judá acampava a leste e partia primeiro, seguido por Rúben ao sul, Efraim a oeste e Dã na retaguarda ao norte.Fontes: o próprio texto bíblico · Dan · Issachar
  • Naassom, filho de Aminadabe, foi designado líder de Judá, que formava a maior divisão com 186.400 homens; sua irmã Eliseba era casada com Arão.Fontes: o próprio texto bíblico · Nahshon · Aaron · Amminadab

Notas escritas com auxílio de IA a partir de fontes abertas (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, domínio público) e revisadas antes de publicar.

Créditos e licença desta tradução
Kitaaba Woyyuu
Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible)
copyright © 2025 The Word for the World International
Language: gujii
Contributor: Bible Society of Ethiopia
This translation is made available to you under the terms of the
Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0.
You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that:
You include the above copyright and source information.
If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes.
If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original.
Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents.
For other uses, please contact the respective copyright owners.
Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19.
2025-05-02

Fonte: http://ebible.org/gax/ · eBible.org

Fale com a gente

Conte de onde você lê, como a Bíblia tem te ajudado ou o que podemos melhorar. Lemos todas as mensagens.