Números 10
Kitaaba Woyyuu · Toque num versículo para ver as referências cruzadas.
Tultullaa Meetii Irraa Hujaa
1Mootiin Waan Maraa Muuse'een, 2«Kolbaa wolitti waamiisaa fi addee quttumaatii ka'anee akka deemanu godhiisaaf meetii tumante irraa tultullaa lama huji. 3Yennaa tultullaan lamaanuu afuufamanu, kolbaan duudiin seensuma Dunkaanii Woldeenna'aatitti, si duratti wolitti qabamanuu ti. 4Yennaa tultullaan tokkochi callaan afuufamu, sooreyyiin fira kolbaa Israa'elii callaan si duratti wolitti qabamanuu ti. 5Yennaa tultullaan tokko qoonqoo guddo'oon afuufamu, gosi karaa aduun baatu qabatteertu kaatee ideentuu ti. 6Yennaa lammeesso'oo, tultullaan yennaa afuufamu, gosi gara kibbaa qubatteertu kaatee ideentuu ti. Guddittee afuufiisi, beessisa ka'anee deemiisaa ti. 7Kolbaa wolitti qabiisaaf, tultullaa afuufi; ammoo guddittee hin afuufin.
8«Ilmaan Aaronii hayyooti, tultullaa afuufanuu ti! Kun isiniif, dhaloota dhufuufille seerata bara baraa te'uu ti. 9Biyya teessan keessatti diinota isin cunqursanu loliisaaf yennaa duultanu, tultullaa guddisa'aatii afuufa'a; achiin duuba ana Mootii Waan Maraa Waaqa keessan biratti hin qaabatantan; diinota keessan jalalle'ee hin baatan. 10Akkasuma guyyaa gammadaa, yennaa jila beekkantee, yennaa baatii ji'aatitti, tultullaa kana kennansa gubamuu fi kennansa tokkumma'aa irratti afuufa'a; kun ana Waaqa keessan duratti yaadannoo isiniif hin te'a. Ani Mootii Waan Maraa Waaqa keessan» jedhe.
Israa'elooti Goomolee Siina'aa Lakkisanee Deemane
11Kolbaan Israa'elii biyya Gibxi'iitii baateen duuba, woggaa lammeesso'oo, ji'a lammeesso'ootitti, guyyaa diddameesso'oo, duumensi dunkaanii dhugaa bayaa san irraa ka'e. 12Achiin duuba Israa'elooti goomolee Siina'aatii bayane, haga duumensi goomolee Phaaraanii keessatti dhaabbatutti ka'anee deemane.
13Akkuma Mootiin Waan Maraa karaa Muuse'eetiin ajajetti, yennaa jalqabaatiif ka'anee deemane. 14Goliin quttuma Yihuda'aa loltoota ifii woliin baandiraa ifii qabatanee dursanee deemane. Ajajaan isaanii ilma Aminaadaabii Nahasoon. 15Ajajaan loltoota gosa Yisaakorii, ilma Zuwaarii Nataani'el; 16ajajaan loltoota gosa Zebuloonii, ilma Helonii Eliiyaab. 17Achiin duuba dunkaaniin dhugaa bayaa buqqaatee, ilmaan Gershootaatii fi Meraarotaa worri dunkaanii dhugaa bayaa ba'ateerulle ka'anee deemane.
18Itti aananee, goliin quttuma gosa Ruubenii loltoota ifii woliin baandiraa ifii qabatanee bayane; ajajaan isaanii, ilma Shiide'urii Eliizur. 19Ajajaan gosa Shimi'oonii, ilma Zuriishadaayii Shiilumii'el. 20Ajajaan gosa Gaadii ilma Dewu'elii Elii'aasaaf.
21Achiin duuba Lewwooti fira Qehaatotaa meya woyyicha ba'atanee bayane; adoo isaan quttuma itti aanu hin geyin, dunkaaniin dhugaa bayaa dhaabante.
22Itti aananee, goliin quttuma gosa Efreemii loltoota ifii woliin baandiraa ifii qabatane bayane; ajajaan isaanii ilma Amiihudii Eliishaama'a. 23Ajajaan gosa Minaase'ee ilma Phedaazurii Gamaali'el; 24ajajaan gosa Beniyaamiille ilma Gedewoonii Abiidaan. 25Dhuma irratti goliin quttuma gosa Daanii ka karaa duubaatiin quttuma maraafuu eedduu te'ane, loltoota ifii woliin baandiraa ifii qabatanee bayane; ajajaan isaanii ilma Amiishadaayii Ahii'ezer. 26Ajajaan golii gosa Asheerii ilma Okraanii Fagi'el; 27ajajaan golii gosa Naftaalemiille ilma Enaanii Ahiira'a. 28Tarreen duulaa ta Israa'elooti golii goli'iin addee quttumaatii ka'anee ittiin deemane akka kana.
29Muuseen abbaa soddaa ifii ilma Ruubenii Miidiyaantichaa Habaabiin, «Nuuti addee Mootiin Waan Maraa, ‹Ani isiniif hin kenna› jedhe sanitti galiisaaf kaaneerra; atille nu woliin koy; Mootiin Waan Maraa waan dansaa Israa'eliif waadaa waan galeef, nuutille waan dansaa si'iif hin goona» jedhe.
30Habaab deebisee, «Lakkii, ani hin deemu; ani gara biyya tiyyaatii fi kolbaa tiyyaa deebi'ee deemaara» jedhe.
31Muuseen ammoo, «Maganne'ee nu biraa hin deebi'in! Goomolee keessa addee nuuti qubatuu dandeennu hin beetta; sooressa kara'aa nu'uuf teeta. 32Ati yoo nu woliin deente, nuuti waan dansaa Mootiin Waan Maraa nuu kennu san mara si woliin hin qoodanna» jedhe.
Kolbaan Kaatee Deente
33Maarre kolbaan gaara Mootii Waan Maraa gaara Siina'aatii kaatee guyyaa sad ideente. Saanduqi Gondooroo Mootii Waan Maraa addee isaan itti qubatanu isaaniif barbaadiisaaf guyyaa sadiin san isaaniin dura deeme. 34Yennaa isaan addee quttumaatii ka'anu, duumensi Mootii Waan Maraa guyyaa isaaniin gubbaarra deeme.
35Yennaa Saanduqi Gondooro'oo ka'ee deemu mara Muuseen, «Ee Mootii Waan Maraa, ka'i! Diinoti keeti bittinnowanuu ti; nyaaphoti keeti si duraa baqatanuu ti» jedhaayyu. 36Yennaa Saanduqi Gondooro'oo dhaabbatu mara Muuseen, «Ee Mootii Waan Maraa! Gara Israa'eloota kuma heddu'uu deebi'i» jedhaayyu.

Você sabia?
As Trombetas de Prata e a Partida do Sinai
- Duas trombetas de prata batida serviam como sistema de comunicação de Israel no deserto, tocadas exclusivamente pelos filhos sacerdotes de Arão com toques longos e curtos distintos para reunir a congregação, ordenar a partida dos acampamentos, soar alarmes na guerra e anunciar sacrifícios festivos.Fontes: o próprio texto bíblico
- No vigésimo dia do segundo mês do segundo ano após a saída do Egito, a nuvem se elevou sobre o tabernáculo, marcando a partida de Israel do deserto do Sinai após quase um ano acampado ali, rumo ao deserto de Parã.Fontes: o próprio texto bíblico · Sinai · Paran
- Moisés pediu a Hobabe, filho de seu sogro midianita Reuel, que viajasse com eles para servir-lhes de olhos, aproveitando seu conhecimento prático do terreno desértico e dos locais de acampamento em troca de partilhar das bênçãos prometidas a Israel.Fontes: o próprio texto bíblico · Jethro
Notas escritas com auxílio de IA a partir de fontes abertas (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, domínio público) e revisadas antes de publicar.
Lugares deste capítulo
- Egypt · 30.129, 31.308 · versículo 11
- Paran · 30.303, 34.777 · versículo 12
- Wilderness of Sinai · Hoje: about 50 km around Jebel Musa · 28.540, 33.973 · versículo 12
Só aparecem lugares com identificação de alta confiança (90% ou mais segundo as fontes acadêmicas reunidas pelo OpenBible). Mapa da época: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; mapa atual: © colaboradores do OpenStreetMap; lugares: OpenBible.info (CC BY 4.0).
Créditos e licença desta tradução
Kitaaba Woyyuu Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible) copyright © 2025 The Word for the World International Language: gujii Contributor: Bible Society of Ethiopia This translation is made available to you under the terms of the Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0. You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that: You include the above copyright and source information. If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes. If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original. Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents. For other uses, please contact the respective copyright owners. Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19. 2025-05-02
Fonte: http://ebible.org/gax/ · eBible.org