Neemias 11
Kitaaba Woyyuu · Toque num versículo para ver as referências cruzadas.
Kolbaa Yerusaalem Keessa Leete
1Bulchitooti kolba'aa qachaa Yerusaalemii keessa le'ane; kolbaan worri hafane hixaa buufatanee maatii kudhan kudhan keessaa tokko qachaa guddaa woyyicha Yerusaalem keessa le'iisaaf filatamanee, worri hafe ammoo qachoota dhibii keessa le'ane. 2Kolbaalle namoota worra fedha ifiitiin Yerusaalem keessa le'iisaaf ifi kennane mara eebbiche.
3Kolbaan Israa'elii gariin, hayyooti, Lewwooti, tajaajiltooti Galma Waaqaatii fi sanyiin tajaajiltoota Solomoonii qachoota lafa Yihuda'aa keessa jiranu lafuma ifii keessa qachaa ifii keessa le'ane. 4Sanyii Yihuda'aatii fi sanyii Beniyaaminii keessalle'ee gariin Yerusaalem keessa le'ane. Sanyiin Yihuda'aa:
Atayaa ilma Uziya'aa, akaakoo Zakaariyaasii ti. Sanyiin isaa Amaariyaa, shefaaxiya'aa fi Mahalalelii sanyii Faaresiille dabalata. 5Akkasuma Ma'aseyaa ilma Baarukii, akaakoo Kolhozee ti. Sanyiin isaa ta dhibiin Shelaa Hazaayaa, Adaayaa, Yoyaariib fi Zakaariyaas.
6Sanyiin Faaresii worri Yerusaalem keessa le'ane, loltooti beekkamane, namoota dhibba afurii fi jaatamii saddeeti.
7Sanyii Beniyaaminii keessaa:
Sa'aaluu ilma Meshulaamii, akaakoo Yo'edii ti. Sanyiin isaa ta dhibiin Fedaayaa, Qolaayaa, Ma'aseyaa, Itii'el, Yeshaa'iya'a.
8Beniyaaminitti aananee, Gabaayii fi Silaayi, wolumatti sanyiin Beniyaaminii dhibba sagalii fi diddamii saddeetitti Yerusaalem keessa le'e. 9Yo'el ilmi Ziikrii toowataa isaanii ti; Yihudaan ilmi Hasenu'aa qachaa irratti itti aanaa toowataa qacha'aa ti. 10Hayyoota keessaa:
Yedaa'iyaa ilma Yoyaariibiitii fi Yaakiin. 11Seraayaan ilma Hilqiiya'aa, akaakoo Meshulaamii ti. Sanyiin isaa Zaadoq, Meraayootii fi ka dur Galma Waaqaa keessatti hayyicha guddaa te'eeru Ahiixub fa'a. 12Sanyiin Seraaya'aa worri Galma Waaqaa keessa tajaajilane wolumatti namoota dhibba saddeetii fi diddamii lama. Isaanille Adaayaa ilma Yerohaamii, akaakoo Felaaliya'aa ti. Sanyiin isaa Amzii, Zakaariyaas, Fash-Hurii fi Milkiiyaa fa'a. 13Sanyiin Adiya'aa, abbootiin firaa dhibba lamaa fi afurtamii lama. Isaanille Amash-saayii ilma Azaari'elii akaakoo Ahazaayii ti. Sanyiin isaa Mashilemootii fi Iimer fa'a. 14Sanyiin isaanii loltooti beekkamane dhibba tokkoo fi diddamii saddeeti. Toowataan isaanii Zabdii'elii ilma Hagdoolimii ti.
15Lewwoota keessaa:
Shemaayaa ilma Hashubii akaakoo Azriiqaamii ti. Sanyiin isaa Hashabiya'aa fi Buni fa'a.
16Shabetaayii fi Yozaabaad, bulchitoota Lewwootaa, ta hujii Galma Waaqaatiin alaa ti.
17Mataaniiyaa ilma Miika'aa, akaakoo Zabdii, sanyii Asaafii, ka daadimata leellisaa faaru'uun faarfattoota Galma Waaqaa sooresse.
Gargaaraan isaa Baqbuqiiyaa;
Abdaan ilma shamu'aa, akaakoo Gaalaalii sanyii Yedutuu ti.
18Wolumatti Lewwoota dhibba lamaa fi saddeettamii afuritti qachaa Yerusaalemii woyyicha keessa le'e.
19Eeddoti Galma Waaqaa:
Aquub, Xalmoonii fi firoottan isaanii wolumatti dhibba tokkoo fi torbaatamii lama.
20Kolbaan Israa'elii ta dhibiin, hayyootaa fi Lewwooti worri hafane, qachoota Yihuda'aa keessa lafuma ifii keessa qachoota Yihuda'aa dhibii keessa le'ane. 21Tajaajiltooti ammoo Galma Waaqaa gaara Ofeelii gubbaa le'ane; Ziihaa fi Gishiphaan toowattoota isaanii ti.
22Toowataan Lewwootaa ka Yerusaalem keessa le'e Uzii ilmi Bunii, akaakoo Hashabiiya'aa ti. Sanyiin isaa Mataaniiya'aa fi Miikaa sanyii Asaafii, worra dur itti gaafatantoota faarfannaa Galma Waaqaa keessaa te'ee ti. 23Dabareen guyyaa guyya'atti worra faarfattootaatiif kennamuu male akka kennamuuf, mooticha biraa ajaji bayeeru jiraayyu.
24Sanyii Yihuda'aa ka te'e, sanyii Zera'aa, ilmi Meshezaabi'elii Fetaahiyaan mooticha biratti bakka bu'aa Israa'elii ti.
Kolbaa Ollootaa Fi Qachaa Yerusaalemiitiin Alaa keessa Leetu
25Kolbaan Yihuda'aa gariin qachoota asii gadii ka fichaa isaaniitiin cina'aa: qachaa Kiriyaat-Arabaatii fi olloota isaa keessa, qachaa Dhiibooniitii fi olloota isaa keessa, qachaa Yiqaabzii'eliitii fi olloota isaa keessa. 26Akkasuma qachaa Yeshu'aa, qachaa Molaada'aa, qachaa Bet-Phaalexii, 27qachaa Hazarshu'aalii, qachaa Bersheeba'aatii fi olloota isaa keessa, 28qachaa Siiqlaagii keessa, qachaa Mekona'aatii fi olloota isaa keessa, 29qachaa En-Rimoon keessa, qachaa Zaarii'a'aa keessa, qachaa Yarmuutii keessa, 30qachaa Zaano'a'aa keessa, qachaa Adunaamiitii fi olloota isaa keessa, qachaa Laakiishiitii fi fichaa cinaa isaa keessa, qachaa Aazeqa'aatii fi olloota isaa keessa le'ane. Maarre isaan biyya Bersheeba'aatii haga dhooqa Hiinomiititti qubatane.
31Sanyiin Beniyaaminii ka Geba'aa dhufane, qachaa Makma'aa keessa, qachaa Ayyaatii keessa, qachaa Bet'eliitii fi olloota cinaa isaa keessa, 32qachaa Anaatotii keessa, qachaa Nobii keessa, qachaa Anaaniiyaa'aa keessa, 33qachaa Hazoorii keessa, qachaa Raama'aa keessa, qachaa Giitaayimii keessa, 34qachaa Haadiidii keessa, qachaa Zebo'iimii keessa, qachaa Nebaalaaxii keessa, 35qachaa Lodiitii fi Onoo keessa, dhooqa namoota hujii harkaa hujuu keessalle qubatanee le'ane. 36Lewwooti dur lafa Yihuda'aa keessa le'anu gariin lafa kolbaa Beniyaaminii keessa qubatane.
Você sabia?
A repovoação de Jerusalém
- Para repovoar Jerusalém após a reconstrução de seus muros, a comunidade lançou sortes para que uma de cada dez pessoas se mudasse para a cidade santa, enquanto as demais permaneciam nas cidades vizinhas. Aqueles que se voluntariaram de bom grado para morar em Jerusalém receberam uma bênção especial do povo.Fontes: o próprio texto bíblico · Jerusalem
- Os servos do templo habitavam na colina de Ofel, um promontório na encosta sul do monte do templo, situado entre os vales de Tiropeom e do Cedrom.Fontes: o próprio texto bíblico · Ophel
- Enquanto famílias selecionadas de Judá e Benjamim habitavam dentro da cidade, o restante da população se estabeleceu em cidades da região que se estendiam ao sul até Berseba.Fontes: o próprio texto bíblico · Beersheba · Benjamin (patriarch)
Notas escritas com auxílio de IA a partir de fontes abertas (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, domínio público) e revisadas antes de publicar.
Lugares deste capítulo
- Jerusalem · 31.777, 35.234 · versículos 1, 2, 3, 4, 6, 22
- Second Quarter · Hoje: in Jerusalem · 31.777, 35.234 · versículo 9
- Ophel · 31.775, 35.236 · versículo 21
- Hebron · Hoje: Tel Rumeida · 31.525, 35.102 · versículo 25
- Jarmuth · Hoje: Tel Yarmuth · 31.708, 34.975 · versículo 29
- Lachish · Hoje: Tell ed Duweir · 31.565, 34.849 · versículo 30
- Valley of Hinnom · Hoje: Hinnom Valley · 31.769, 35.228 · versículo 30
- Ramah · Hoje: Al Ram · 31.854, 35.232 · versículo 33
- Lod · 31.950, 34.900 · versículo 35
Só aparecem lugares com identificação de alta confiança (90% ou mais segundo as fontes acadêmicas reunidas pelo OpenBible). Mapa da época: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; mapa atual: © colaboradores do OpenStreetMap; lugares: OpenBible.info (CC BY 4.0).
Créditos e licença desta tradução
Kitaaba Woyyuu Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible) copyright © 2025 The Word for the World International Language: gujii Contributor: Bible Society of Ethiopia This translation is made available to you under the terms of the Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0. You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that: You include the above copyright and source information. If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes. If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original. Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents. For other uses, please contact the respective copyright owners. Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19. 2025-05-02
Fonte: http://ebible.org/gax/ · eBible.org