Naum 3
Kitaaba Woyyuu · Toque num versículo para ver as referências cruzadas.
Nanawwe'eef Aanne'e
1Qachaa dhiiga namaa dhangalaasu,
ka sobaan guutame, ka saantu'uun guutame,
ka booju'uun guutame, Nanawwe'eef aanne'e!
2Worcaqqeessi liche'eetii fi kokokkeessi korbo'oo,
hididdeessi fardaatii fi gugukkeessi garreettaa fardaa,
hin dhage'ama!
3Abbootiin fardaa hin gulufan,
shallaagaan isaanii hin billiccisa,
woraanni isaanii hin calaqqisa;
nami hedduun waan ijjeefameef,
reeffi tuulameera;
reeffi hedduu waan te'eef,
gufuu isaanitti te'eera!
4Ati ta xanoo xantu,
ta ilatti toltu sababa sagaagala keetii tun teete;
ati sagaagalummaa teetiin kolbaa garboonsitee,
xanoo teetiin gosa biyya adda addaalle gurgurte.
5Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara dade,
«Nanawwe'e, ani si morma;
uffana keeti si irraa shooqee fuula keetitti buqa;
gosi marti qullaa keeti,
mootummaalle salphinna keeti akka dhaggitu godha.
6«Ani huura sitti gata,
si tuffadha,
akka si daaw'atanulle godha.
7«Achiin duuba worri si daaw'ate marti si irraa baqataa,
‹Nanawween baddeerti; eentu bowaaf?› jedhan;
ka si jajjabeessu ani eessaa siif dhagga ree?» jedhe.
8Nanawwe'e, ati qachaa Tebesii,
ka laga Nayilii biraa,
ka bisaan marseeru,
ka kaabiin isaa abbaaya'aa,
ka bisaan akka dalleyaa marseeru hin caaltaa?
9Qachaan Tebesii loltoota Itoophiya'aatii fi Gibxi'ii
ta haga hin qanneen eegameera;
Worri Fuxiitii fi Liibiya'aalle qarqaartota Tebesii ti.
10Te'uu malee worri Tebesii qabamanee,
booji'amaneeran;
daa'immaan isaaniille
woldeennaa kara'aa mara irratti,
dhaka'aan tumamanee jijjiganeeran;
qondaaltota Tebesii irratti hixaa buufataneeran;
worri gugurdaan Tebesii marti
wodaroo sibiilaatiin hidhaman.
11Nanawwe'e, atille hin machootta,
gara dhokaataa hin ideenta;
diina duraa addee itti baqattu
hin barbaaddatta.
12Kusheen teeti mara akka muka harru'uu
ka midhaan qara bilchaatee ti.
Yoo hargufame,
afaan worra nyaatuu keessa harca'a.
13Loltoota teeti ilaali;
isaan akka dubarti'ii ti.
Balbalti biyya teetii
diinota keetiif badhattee bananteerti;
danqaraa balbalootaalle ibiddi fixeera.
14Diinaan waan marfantuuf,
bisaan woraabbadhu,
kushee teeti jabeeffadhu;
biyyee faaraa sukkuumii,
dhiitii qopheessii,
faara loobame huji!
15Achitti ibiddaan gubata;
shallaagaalle'een kukkutanta.
Ibiddi akka awwaannisaa si fixa.
Akka awwaannisaatii fi
akka korophiisaa horuma hori!
16Ati urjoota gubba'aa caalaa,
daldaltoota teeti fakkanfatteerta.
Isaan akka awwaannisaa
biyya qorranee ka'anee badan.
17Eeddoti teeti akka korophiisaa ti;
qondaaltoti teeti akka korophiisa
Guyyaa qabbanaa
dalleya irratti heechatee ti.
Yennaa aduun baatu, koolaan ka'ee deema;
gara inni dhaqe eennuulle hin beeku.
18Ee mootii Asoorii,
eeddoti teeti muganeeran;
qondaaltoti teeti dunquuqqowaneeran.
Kolbaan teeti gaara irratti bittinnootteerti;
nami isaan wolitti qabulle hin jiru.
19Miidhama keeti nami goomsu hin jiru;
madaan teeti hin fayyitu.
Nami oduu jinnana keeti dhage'e marti
gammadaan harka dhowa.
Nami gadhi-jabinna keeti ka muummee hin qanne
jalaa bayeeru jiraa ree?

Você sabia?
A inevitável queda de Nínive
- Naum adverte Nínive lembrando a queda de Tebas, uma grande cidade protegida pelas águas do Nilo e aliada a Cuxe, ao Egito e a Pute. Apesar de suas formidáveis defesas naturais e alianças regionais, Tebas foi conquistada e seus nobres foram levados cativos.Fontes: o próprio texto bíblico · Thebes · Cush · Put
- O profeta ordena ironicamente que Nínive se prepare para o cerco tirando água, amassando o barro e pisando a argamassa para reforçar suas muralhas de tijolos. Mesmo com essas medidas defensivas, o texto declara que o fogo e a espada consumiriam a cidade.Fontes: o próprio texto bíblico
- Naum compara os guardas e oficiais de Nínive a gafanhotos que se amontoam sobre os muros em dias frios. Assim que o sol nasce, eles levantam voo e desaparecem, ilustrando a rapidez com que a liderança e os defensores da Assíria se dispersariam.Fontes: o próprio texto bíblico
Notas escritas com auxílio de IA a partir de fontes abertas (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, domínio público) e revisadas antes de publicar.
Lugares deste capítulo
- Nineveh · 36.359, 43.153 · versículos 1, 4, 7, 11
- Nile · Hoje: Nile River · 31.465, 30.367 · versículo 8
- Thebes · 25.721, 32.610 · versículos 8, 10
- Cush · Hoje: Cush 1 · 16.935, 33.751 · versículo 9
- Egypt · 30.129, 31.308 · versículo 9
- Libya · 32.821, 21.851 · versículo 9
- Assyria · 36.359, 43.153 · versículo 18
Só aparecem lugares com identificação de alta confiança (90% ou mais segundo as fontes acadêmicas reunidas pelo OpenBible). Mapa da época: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; mapa atual: © colaboradores do OpenStreetMap; lugares: OpenBible.info (CC BY 4.0).
Créditos e licença desta tradução
Kitaaba Woyyuu Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible) copyright © 2025 The Word for the World International Language: gujii Contributor: Bible Society of Ethiopia This translation is made available to you under the terms of the Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0. You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that: You include the above copyright and source information. If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes. If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original. Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents. For other uses, please contact the respective copyright owners. Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19. 2025-05-02
Fonte: http://ebible.org/gax/ · eBible.org