Marcos 8
Kitaaba Woyyuu · Toque num versículo para ver as referências cruzadas.
Yesuus Nama Kuma Afur Areere
1Gaafa tokko gumiin guddoon dhibiin Yesuus biratti wolitti qabante. Isaan waan nyaatanu dhabanee jennaan Yesuus barattoota ifii waamee, 2«Kolbaan tun guyyaa sadiin na woliin turteerti; sagaleelle waan hin qanneef, ani isaaniif hin naya. 3Isaan keessaa lafa fago'ootii worri dhufane waan jiranuuf, adoo isaanii womaa hin areerin gara manaa gala'aa yoo jedhe, kara'atti hin gaggaban» jedhe.
4Barattooti isaa deebisanee, «Lafa goomole'ee tana keessatti sagalee kolbaa haganaa areeriisaaf geettu eessaa fuuna?» jedhaneen. 5Yesuus, «Daabboo xaltaa meeqa qaddan?» jedhee gaafannaan, isaan, «Xaltaa torba» jedhaneen.
6Inni gumiin sun lafa irra akka teettu ajajee, xaltaa torba san fuudhee, Waaqaaf galata galchee, caccassee, gumii saniif akka qoodanu barattoota ifiititti kenne; isaanille gumii saniif qoodane. 7Isaan qurxummii diqqoo tokkolle qaban. Yesuus qurxummii saniifille Waaqaaf galata galchee, akka qoodanu barattoota ifiititti hime. 8Gumiin haga namoota kuma afurii sun martinuu nyaattee quuttee, hambaa hatte kollonjoo gugurdoo torba guutuu fuudhane. Yesuus akkuma kolbaa ifi irraa galcheen, 10barattoota woliin hoboloo yaabbatee gara aanaa Dalmaanuta'aa dhaqe.
Worri Fariisaayotaa Beessisa Gaafate
11Fariisaayoti gara Yesuusii dhufanee, isa woliin mormiisa jalqabane. Isaan isa haga ilaaluu fedhanee, beessisa ol-gubba'aa akka isaanitti mudhisuuf gaafatane. 12Inni ammoo hafuura gabbaa baafatee, «Dhalooti kun maaf beessisa gaafata? Ani dhugumaan isiniin jedha, dhaloota kanaaf beessisi hin kennamu!» jedhe. 13Achiin duuba inni isaan lakkisee, ammalle hoboloo yaabbatee, gara abbaayaan gamaa bu'e.
Uukoo Fariisaayotaatii Fi Heroodisii
14Barattooti sagalee fidatiisa dedhanee, hoboloo keessatti xaltaa tokko callaa qaban. 15Yesuus isaaniin, «Ilaalladha'a! Uukoo worra Fariisaayotaatii fi Heroodisii irraa ifi eegadha'a!» jedhee ifi eeggachiise. 16Isaan wol woliin, «Inni waan nuuti sagalee hin qanneef akkana jedha» jedhanee dudubbatane.
17Yesuus yaada isaanii beekee, «Maaf waan dhaba sagalee teessanii dudubbattan? Isin haga ammaa hin beennee? Qalbii hin qaddanuu? 18Adoo ila qaddanuu hin dhaggitanuu? Adoo gurra qaddanuu hin dhageettanuu? Isin hin qalbeeffattanuu? 19Yennaa ani daabboo xaltaa shanan namoota kuma shaniif caccasse, hambaa hatte kollonjoo guutuu meeqa fuutane?» jedhee gaafate. Isaanille, «Kudhanii lama» jedhanee deebisane.
20Yesuus itti aansee, «Yennaa xaltaa torba nama kuma afuriif caccasse, hambaa hatte kollonjoo guutuu meeqa fuutane?» jedhee gaafate. Isaanille, «Torba» jedhaneen. 21«Isin ammalle hin hubattanuu?» jedhee gaafate.
Yesuus Beetisayida'atti Nama Ballaa Tokko Fayyise
22Yesuusii fi barattooti isaa gara Betsayida'aa dhufane. Jarri takka achitti namicha ballaa tokko gara Yesuusii fiddee, akka inni namicha harkaan tuquuf kadhatte. 23Yesuus namicha ballaa san harkaan qabee, ollaa keessaa diidatti baasee, ila namichaatitti tufee, harka ifii irra keyee, «Wo dhaggitaa?» jedhee gaafate. 24Namichi midhatee ilaalee, «Ee, namoota dhaggaara; ammoo akka muka ideemuu natti fakkaatan» jedhe.
25Yesuus ammalle harka ifii ila namichaa irra keye. Yennaa tana namichi hubatee ilaale. Ilti isaa fayyitee waan maraa miidhassee dhagge. 26Kanaan duuba Yesuus, «Olla'atti hin deebi'in» jedhee namicha gara mana isaa galche.
Pheexroos Ebeluu Yesuusii Hime
27Yesuusii fi barattooti isaa gara olloota adaala Qiisaariyaa Filiphoosii dhaqane. Inni adoo ideemanuu kara'atti, «Namooti eennu anaan jedhan?» jedhee isaan gaafate. 28Isaanille, «Gariin Yohaannisii cuupha'a si'iin jedhan; gariin Eliyaas si'iin jedhan; kuun ammoo raagota keessaa tokko si'iin jedhan» jedhanee deebisaneef. 29Yesuus, «Isin hoo, eennu anaan jettan?» jedhee isaan gaafate. Pheexroos deebisee, «Ati Kiristoos» jedheen.
30Yesuus waan isaa eennulle'etti akka hin hinne jabeessee isaan seere.
Yesuus Marroo Rakko'oo fi Du'a Ifii Dubbate
31Yesuus, «Ilmi namaa jaarsolee biyyaa, sooreyyii hayyootaatii fi barsiisota Seera Muuse'eetiin guddoo hin rakkata. Inni jibbamee hin ijjeefama; guyyaa sadiin duuba ammoo hin ka'a» jedhee barattoota ifii barsiise. 32Inni dubbii tana isaaniif ifa tolchee dubbate. Pheexroos ammoo Yesuus cina'atti fuudhee, waan akka sanii san akka hin dubbanne dhoogge. 33Inni ammoo garagalee barattoota ifii ilaalee, Pheexroosiin, «Seexana, na irraa bayyadhu! Ati akka namaa malee, akka Waaqaa hin yaadattu» jedhee xixe.
34Achiin duuba Yesuus gumi'ii fi barattoota gara ifii waamee, «Eennulle na hordofiisaaf yoo barbaade, waan ifii lakkisee, fannoo ifiille ba'atee, na hordofuu ti. 35Nami jiruu ifii fayyifatiisa fedhu hin dhaba; nami anaa fi Oduu Gammadaatiif jedhee jiruu ifii dhabu ammoo, jiruu ifii hin fayyifata. 36Nami yoo waan lafa tanaa duudii qabaatee, jiruu ifii yoo dhabe ammoo maan isaa baati? 37Nami wodoo lubbuu ifiitiif maan kennuu dande'a? 38Nama dhaloota gaarayyeeffata'aa fi cubbamaa kana keessatti, anaa fi dubbii tiyyatti fokkifatutti, Ilmi namaa ulfinna Abbaa ifiitiin, ergantoota Waaqaa woyyoota woliin yennaa dhufu itti hin fokkifata» jedhe.

Você sabia?
Ver quem é Jesus
- Depois que cerca de quatro mil homens comeram e foram recolhidos sete cestos de pedaços, Jesus entrou no barco com os discípulos e foi para a região de Dalmanuta, nome que aparece só neste capítulo. Era um lugar no lado oeste do mar da Galileia, perto de Magdala. No relato paralelo em Mateus, ele chega aos limites de Magdala, que provavelmente era o nome grego de uma das torres de vigia da margem ocidental do lago.Fontes: o próprio texto bíblico · Dalmanutha
- Em Betsaida, algumas pessoas trouxeram um cego, e Jesus o levou pela mão para fora do povoado, cuspiu-lhe nos olhos e pôs as mãos sobre ele. No início, o homem via as pessoas como árvores que andavam; só quando Jesus tornou a pôr as mãos sobre os olhos dele a visão foi plenamente restaurada. A cidade é descrita no lado leste do lago, a cerca de duas milhas subindo o Jordão, na Gaulanítide; Filipe, o tetrarca, a ampliou e a chamou de Julias, por causa da filha do imperador, embora alguns tenham suposto que havia uma só Betsaida, construída dos dois lados do lago, perto de onde o Jordão nele entra.Fontes: o próprio texto bíblico · Bethsaida
- Jesus e os discípulos seguiram para os povoados ao redor de Cesareia de Filipe, cidade situada cerca de vinte milhas ao norte do mar da Galileia, junto à base do monte Hermom, na nascente superior do Jordão, e descrita como o limite norte do seu ministério público. Segundo alguns, ela antes fora Baal-Gade ou Baal-Hermom, um santuário cananeu de Baal, e depois foi chamada Pânio ou Paneias, por causa de uma caverna profunda e cheia de água perto da cidade. Ali Pedro disse: "Tu és o Cristo"; e, quando repreendeu Jesus por ensinar que o Filho do Homem tinha de sofrer muitas coisas, ser morto e ressuscitar depois de três dias, Jesus respondeu: "Para trás de mim, Satanás", nome que significa adversário ou acusador.Fontes: o próprio texto bíblico · Caesarea Philippi · Satan
Notas escritas com auxílio de IA a partir de fontes abertas (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, domínio público) e revisadas antes de publicar.
Lugares deste capítulo
- Caesarea Philippi · Hoje: Banias · 33.246, 35.693 · versículo 27
- Galilee · 32.760, 35.527 · versículo 27
Só aparecem lugares com identificação de alta confiança (90% ou mais segundo as fontes acadêmicas reunidas pelo OpenBible). Mapa da época: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; mapa atual: © colaboradores do OpenStreetMap; lugares: OpenBible.info (CC BY 4.0).
Créditos e licença desta tradução
Kitaaba Woyyuu Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible) copyright © 2025 The Word for the World International Language: gujii Contributor: Bible Society of Ethiopia This translation is made available to you under the terms of the Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0. You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that: You include the above copyright and source information. If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes. If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original. Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents. For other uses, please contact the respective copyright owners. Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19. 2025-05-02
Fonte: http://ebible.org/gax/ · eBible.org