Marcos 2
Kitaaba Woyyuu · Toque num versículo para ver as referências cruzadas.
Yesuus Namicha Nafa Laashowe Fayyise
1Guyyaa diqqa'aan duuba Yesuus Qifirnaahoomitti deebi'ee gale; kolbaan akka inni galee mana jiru dhageette. 2Kolbaan hedduun haga manni dhiphatee, balbala duraan woliin addee dhabanutti wolitti qabante. Adoo Yesuus jecha Waaqaa isaan barsiisiisatti jiruu, 3jarri takka nama afur te'anee, namicha nafa laashoweeru tokko ba'atanee gara Yesuusii fidanee dhufane. 4Kolbaan waan heddatteef gara Yesuusii dhiyeessuu dadhabanee, addee inni jiru gubba'aan heellichoo manaa xaranee qowa baasanee, itillee woliinuu gad buusane. 5Yesuus dhugeeffannaa isaanii dhaggee, namicha nafa laashoween, «Ilma kiyya, cubbuu teeti maraaf araarri kennameera» jedhe.
6Barsiisoti Seera Muuse'ee ka achi tetee'aneeranu tokko tokko, 7«Namichi kun attam akkana dubbata? Kun Waaqa faanshessiisa! Waaqa tokkocha malee eennutti cubbuu namaaf araaramuu dande'a?» jedhanee gadhaa ifii keessatti yaadatane.
8Yesuus yennuma san waan isaan yaadatane nyaba'aan beekee, «Isin maaf waan akkanaa kana yaadattan? 9Namicha nafa laashoween, ‹Cubbuu teetiif araarri kennameera› jechu'u moo yookiin, ‹Ol ka'ii, itillee teeti fudhadhuutii deemi› jechu'utti kaso'o? 10Ani Ilmi namaa lafa irratti baallii cubbuu namaaf araaramu akka qabu akka beettanu» jedhee, namicha nafa laashoween, 11«Ani si'iin jedha, ol ka'i! Itillee teeti fudhadhuutii gara mana keetii deemi» jedhe.
12Adoo isaan maraa dhagganuu, yennuma san namichi ol ka'ee itillee ifii fudhatee gad bayee deeme. Isaan martinuu guddoo baaseffatanee, «Waan akkanaa kana ijjumaa dhagginee hin beennu» jedhaa Waaqa leellisane.
Yesuus Lewwii Waame
13Ammalle Yesuus gara qarqara abbaayaa Galiila'aa dhaqe. Gumiin guddoon gara isaa dhuttee, inni isaan barsiise. 14Inni karaa saniin adoo dabaruu, Lewwii ilma Alfewoosii addee gosee qaraxaa tee'eeruun dhaggee, «Na hordofi» jedheen. Innille ka'ee isa hordofe.
15Eega san Yesuus mana Lewwi'iititti sagalee areerratiisatti jiraayyu. Namooti hedduun waan isa hordofaneeranuuf, worri qaraxa guuruu fi cubbaaleyyiin hedduun Yesuusii fi barattoota isaa woliin sagalee areerratiisaaf qori'itti hiiqanee tetee'aneeraniiyyu. 16Worra Fariisaayota keessaa barsiisota Seera Muuse'ee ka te'ane, Yesuus worra qaraxa guuruu fi cubbaaleyyii woliin areerratuun dhagganee, «Maaf inni worra qaraxa guuruu fi cubbaaleyyii woliin areerrata?» jedhanee barattoota isaa gaafatane.
17Yesuus waan kana dhage'ee, «Namoottaan fayyaa hin qanneef malee, fayyaaleyyi'iif ogeessi hin barbaachisu. Ani cubbaaleyyii waamiisaaf malee, balchoota waamiisaaf hin dhunne» isaaniin jedhe.
Gaaffii Marroo Laamiisaa
18Guyyaa tokko barattooti Yohaannisiitii fi Fariisaayoti yennaa laamanu, jarri tokko gara Yesuusii dhufanee, «Barattooti Yohaannisiitii fi barattooti Fariisaayotaa hin laaman. Barattooti teeti ammoo maaf laamuu dhaban?» jedhanee isa gaafatane.
19Yesuus ammoo deebisee, «Jaaloti waajibaa, adoo inni isaan woliin jiruu hin laamanii? Haga inni isaan woliin jiru hin laamanu. 20Ammoo guyyaan waajibichi isaan biraa fudhatamu hin dhufa; isaan guyyaa san laaman.
21«Woyaa dullatti'itti erbee haareya eennulle hin erbu; yoo erbe, erbeen haaretti sun woyaa dullattii san shuntuurachiittee hin tarsaatti; tarsa'iisi isi'iille ka qaraa ka caalu te'a. 22Akkasuma daadhii Woyni'ii ta hin bayin qalqalluu dulloometti eennulle hin naqu; yoo naqe daadhiin sun qalqalluu san hin dhoochi; daadhi'ii fi qalqalluulle hin badan. Tanaa mannaa daadhiin hin bayin qalqalluu haareyatti naqamuu qaddi» isaaniin jedhe.
Gaaffii Marroo Guyyaa Sanbataa
23Guyyaa Sanbataa tokko Yesuus fichaa qamadi'ii keessa dabaruun, barattooti isaa adoo isa woliin ideemanuu qamadii bubuqqifatiisa jalqabane. 24Fariisaayoti Yesuusiin «Ilaali, barattooti teeti guyyaa Sanbataatiin akka hin tolchine Seeraan waan dhooggame maaf tolchan?» jedhane.
25Yesuus deebisee, «Daawiti waan nyaatu dhabee, yennaa innii fi worri isaa woliin jiranu beelowane, waan inni tolche isin ijjumaa hin dubbinnee? 26Bara Abiyaataar Hayyicha Guddaa te'eerutti, mana Waaqaa seenee daabboo Waaqa dura dhikaattu, hayyoota qofaaf ka Seerri kennu nyaatee, worra isa woliin jiranuufille kenne» isaaniin jedhe.
27Achiin duuba Yesuus «Sanbatattuu namaaf dadame malee, nami Sanbataaf hin dadanne. 28Maarre Ani Ilmi Namaa Sanbataafille Gootta'a» isaaniin jedhe.

Você sabia?
Perdão, um cobrador de impostos e o sábado
- Cafarnaum, a “cidade de Naum”, era uma cidade da Galileia que não é mencionada no Antigo Testamento. O dicionário bíblico de Easton (1897) diz que, depois de Jesus ser expulso de Nazaré, ela se tornou a “sua própria cidade”, o que combina com o relato de Marcos de que o povo soube que ele estava em casa e encheu a casa até não haver lugar nem fora da porta. Quatro homens então destelharam o telhado, abriram uma passagem e desceram um paralítico em sua maca.Fontes: Capernaum · o próprio texto bíblico
- O homem na coletoria era Levi, filho de Alfeu, cobrador de impostos em Cafarnaum. O dicionário bíblico de Easton (1897) diz que ele era conhecido como Levi e adotou o nome Mateus — um nome judeu comum depois do Exílio, que significa “dom de Deus” — possivelmente em grata lembrança do seu chamado. No mesmo dia, segundo o dicionário, ele ofereceu um grande banquete de despedida para Jesus e seus discípulos, e provavelmente para muitos antigos companheiros, o encontro que Marcos descreve com cobradores de impostos e pecadores.Fontes: Matthew · Alphaeus · o próprio texto bíblico
- Questionado porque seus discípulos colhiam espigas no sábado, Jesus falou de Davi entrando na casa de Deus e comendo os pães consagrados, lícitos apenas para os sacerdotes, “durante o sumo sacerdócio de Abiatar”, e compartilhando-os com seus companheiros famintos. O dicionário bíblico de Easton (1897) identifica Abiatar como filho do sumo sacerdote Aimeleque, que escapou quando seu pai e os sacerdotes de Nobe foram mortos, levou o éfode e se juntou a Davi na caverna de Adulão.Fontes: Abiathar · o próprio texto bíblico
Notas escritas com auxílio de IA a partir de fontes abertas (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, domínio público) e revisadas antes de publicar.
Créditos e licença desta tradução
Kitaaba Woyyuu Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible) copyright © 2025 The Word for the World International Language: gujii Contributor: Bible Society of Ethiopia This translation is made available to you under the terms of the Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0. You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that: You include the above copyright and source information. If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes. If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original. Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents. For other uses, please contact the respective copyright owners. Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19. 2025-05-02
Fonte: http://ebible.org/gax/ · eBible.org