Marcos 15
Kitaaba Woyyuu · Toque num versículo para ver as referências cruzadas.
Yesuus Philaaxoos Duratti Dhikeeffame
1Barii halkaniin sooreyyiin hayyootaa: maanguddoota, barsiisota Seera Muuse'eetii fi kora mura'aa duudii woliin mari'atane. Achiin duuba isaan Yesuus hidhanee, geessanee, Philaaxoositti dabarsanee kennane. 2Philaaxoos, «Ati mootii Yihudootaa tii?» jedhee isa gaafate.
Yesuus, «Maarre atuu jette» jedhee deebise.
3Sooreyyiin hayyootaa waan heddu'uun isa himatane. 4Philaaxoos ammalle, «Me waan hedduu si himatane kana ilaali! Ati womaa hin deebittuu?» jedhee Yesuus gaafate. 5Yesuus ammoo, ammalle womaa hin deebinne; Philaaxoos waan kana baaseffate.
Yesuusitti Du'a Murane
6Yennaa Jila Irra Dabaramaa, Philaaxoos worra hidhamane keessaa nama tokkocha, ka kolbaan gaafatte aadaa hiiku qaba. 7Yennaa san worra alagalaa nageya booressiisaan nama ijjeesanee hidhamane keessaa namichi Barabbaa jedhamu tokko jira. 8Gumiin wolitti qabantee, Philaaxoos akkuma qara tolchu akka tolchuuf yennaa gaafatte, 9inni, «Isin akka ani mootii Yihudootaa isinii hiikuuf barbaaddanii?» jedhee isaan gaafate. 10Inni sooreyyiin hayyootaa akka Yesuus hinaaffa'aan dabarsanee isatti kennane beekeera.
11Sooreyyiin hayyootaa ammoo, Philaaxoos addee isaa Barabbaa akka isaanii lakkisu gumiin akka gaafattuuf tirtirsane. 12Philaaxoos ammalle, «Namicha isin Mootii Yihudootaa jettanu maan tolcha ree?» jedhee gumii gaafate.
13Isaan, «Isa fannisi!» jedhanee hogisane. 14Philaaxoos, «Maaf akkana jettan? Maan yakke?» jedhee gaafate.
Isaan ammoo, «Isa fannisi!» jedhanee guddisanee hogisane. 15Philaaxoos gumii gammachiisu'uuf barbaadee, Barabbaa isaaniif hiike. Achiin duuba inni Yesuus liche'een dhaansisee akka fannifamuuf dabarsee kenne.
Loltooti Yesuusitti Taphatane
16Loltooti Yesuus gara moonaa galma mooti'ii keessa geessanee, loltoota san keessaa worra hafanelle waamanee wolitti qabane. 17Isaan woyaa dhiillee itti uffisane, dameelee qore'eetiin kallacha hujanee mataa isaatitti keyane. 18Achiin duuba isaan, «Mootii Yihudootaa jiraadhu!» jedhaa isa nageya fuudhane. 19Isaan mataa Yesuusii ule'een dhaananee, hancufa itti tufanee, akka waan isa ulfeessanuu sobanee duratti jilbiiffatanee, isaa sagadane. 20Isaan itti taphataneen duuba woyaa dhiillee san irraa baasanee, woyaa isaa deebisanee itti uffisane. Achiin duuba gad baasanee fannisiisaaf isa geessane.
Yesuus Fannifame
21Isaan namicha biyya Qareena'aa tokko, ka Simoon jedhamu, abbaan Iskindrosiitii fi Ruufoosii, ficha'aa gara qacha'aa adoo dhufuu qabanee fannoo Yesuusii akka ba'atu hunnaan tolchane. 22Isaan Yesuus gara Golgootaa, addee «Buqqii mata'aa» jedhantu geessane. 23Achitti daadhii woyni'ii qumbi'iin makanee Yesuusiif kennane; inni ammoo unuu didate. 24Achiin duuba isaan Yesuus fannisanee, woyaa isaa eennu fa'a akka geettu beekiisaaf hixaa buufataa qoqoodamane. 25Yennaan isaan Yesuus fannisane sun barii saatii sad. 26Beessisi yakkaa inni itti himatamee, «Mooticha Yihudootaa» jedha. 27Isaan alagaltoota lamaan, tokkocha middaan, tokkocha bita'aan Yesuus woliin fannisane. [ 28Akka kanaan Barreeffam Woyyichi, «Inni yakkaameyyii woliin laakkowame» jedhu muummowe.] 29Worri achiin dabaranu, mataa ifi raasaa, «Hay! Ati Galma Waaqaa diiddee guyyaa saditti deebittee ka ijaartu! 30Me ifi fayyisiitii fannoo irraa gad bu'i!» jedhaa Yesuus arrassane. 31Akkasuma sooreyyiin hayyootaatii fi barsiisoti Seera Muuse'ee Yesuusitti taphatane. Isaan wol woliin, «Inni worra dhibii fayyiseera, mataa ifii ammoo fayyisiisa hin dande'u! 32Inni Masiihii, Mootii Israa'el yoo te'e, fannoo irraa ifi buusuu ti! Achiin duuba nuutille dhagginee isatti dhugeeffanna!» jedhane.
Jarri lamaan Yesuus woliin fannifamanelle isa arrassane.
Du'a Yesuusii
33Orraa saatii jaan jalqabee, haga saatii sagalii latti duudiin dukkanootte. 34Saatii sagalitti Yesuus, «Elo'ii, Elo'ii, lamaa sabaktanii?» jedhee qoonqoo guddo'oon iyye; akkas jechuun, «Waaqa Kiyya, Waaqa Kiyya, maaf na lakkittee?» jechu'u. 35Worra achi dhaabbataneeranu keessaa gariin kana dhage'anee, «Dhage'aa, inni Eliyaas waamiisatti jira» jedhane. 36Isaan keessaa tokkochi fiigee, ispoonjii daadhii woyni'ii dhangaggoottu'utti cuuphee, qaccee ule'eetitti keyee, akka unuuf ol Yesuusitti qabee, «Eegi me! Eliyaas dhufee fannoo irraa akka isa buusu ilaallaa!» jedhe. 37Yesuus qoonqoo guddo'oon iyyee du'e. 38Gollaan Galma Waaqaa keessatti gollaneeranu gubbaa haga gadii addee lamatti tarsa'e. 39Ajajaan dhibbaa, ka achi fannoo Yesuusii dura dhaabbateeru, akka inni itti du'e dhage'ee, «Dhugumaan, nami kun Ilma Waaqaa ti» jedhe.
40Dubartooti gariin fagaatanee ilaaliisatti jiraniiyyu. Isaan keessaa Maaryamii Magdalaa, Maaryamii haadha Yaaqoobii maandhichaatii fi Yoose'ee, Saloomeelle achi jiran. 41Isaan yennaa inni Galiilaa jiru isa hordofanee, isa tajaajilane. Dubartooti dhibiin ta isa woliin gara Yerusaalemii dhufanelle achi jiran.
Yesuus Awwaalame
42Guyyaa, guyyaa Sanbataatiin duraa, gaafa qopheeffata Yihudootaa gara galgalaa, 43Yoseefiin qachaa Armaatiya'aa ka miseensa kora murtii Yihudootaa keessatti ulfaata'aa fi dhufa mootummaa Waaqaa eegatiisatti jiru dhufee, gadhaa jabeennaan Philaaxoos dura dhikaatee reeffa Yesuusii akka isaa kennuuf gaafate. 44Philaaxoos akka Yesuus qaata du'e yennaa dhage'ee maadeffate. Inni ajajaa dhibbaa waamee akka Yesuus du'eeru isa gaafate. 45Philaaxoos ajajaa dhibbaa irraa oduu fuudheen duuba, reeffa Yoseefiif kenne. 46Yoseef woyaa qoola bitee reeffa Yesuusii fannoo irraa buusee, itti maree, boolla awwaalaa ka dhakaa keessatti bocamee qophoweerutti awwaale. Achiin duuba dhakaa guddaa gangalchee afaan boollaa duuche. 47Maariyaamiin qachaa Magdala'aatii fi Maariyaamiin haati Yoseefii addee reeffi Yesuusii itti awwaalame hubatanee dhaggane.
Você sabia?
Julgamento, crucificação e sepultamento
- Segundo o Easton's Bible Dictionary (1897), Pôncio Pilatos foi procurador romano da Judeia de 26 a 36 d.C., com sede em Cesareia, embora muitas vezes subisse a Jerusalém. Na festa, era costume dele soltar um preso escolhido pelo povo. Barrabás, nome que significa “filho de Abba” ou “filho de um pai”, era um ladrão notório, preso com rebeldes que haviam cometido assassinato durante uma insurreição, e a multidão exigiu que ele fosse solto em lugar de Jesus.Fontes: Pontius Pilate · Barabbas · o próprio texto bíblico
- Levaram Jesus a um lugar chamado Gólgota, que Marcos explica como o Lugar da Caveira. O nome representa em letras gregas a palavra aramaica Gulgaltha, o hebraico gulgoleth, que significa “caveira”, e é o mesmo lugar conhecido como Calvário. Era um pequeno outeiro arredondado como uma caveira nua, um ponto bem conhecido fora da porta e perto da cidade.Fontes: Golgotha · o próprio texto bíblico
- Na hora nona, Jesus clamou: “Eloi, Eloi, lema sabachthani?”, que Marcos explica como “Meu Deus, Meu Deus, por que me desamparaste?”. Alguns que estavam por perto pensaram que ele chamava Elias, o profeta tisbita, e alguém sugeriu que esperassem para ver se Elias viria tirá-lo dali.Fontes: o próprio texto bíblico · Elijah
Notas escritas com auxílio de IA a partir de fontes abertas (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, domínio público) e revisadas antes de publicar.
Lugares deste capítulo
- Cyrene · 32.821, 21.851 · versículo 21
- Galilee · 32.760, 35.527 · versículo 41
- Jerusalem · 31.777, 35.234 · versículo 41
Só aparecem lugares com identificação de alta confiança (90% ou mais segundo as fontes acadêmicas reunidas pelo OpenBible). Mapa da época: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; mapa atual: © colaboradores do OpenStreetMap; lugares: OpenBible.info (CC BY 4.0).
Créditos e licença desta tradução
Kitaaba Woyyuu Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible) copyright © 2025 The Word for the World International Language: gujii Contributor: Bible Society of Ethiopia This translation is made available to you under the terms of the Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0. You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that: You include the above copyright and source information. If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes. If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original. Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents. For other uses, please contact the respective copyright owners. Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19. 2025-05-02
Fonte: http://ebible.org/gax/ · eBible.org