Nations Bible

Miqueias 7

Kitaaba Woyyuu · Toque num versículo para ver as referências cruzadas.

Rakkoo Israa'elii

1Ani akka nama bona woxoo midhaan woyni'ii qocatuu waan te'eef, naaf aanne'e! Nyaatiisaaf, unkuruurri woyni'ii hin jiru; midhaan harru'uu ka ani halchu, ka dursee bilchaatulle hin jiru. 2Nami addatamaan lafa irraa badeera; nami qajeelaan tokkolle hin jiru. Nami marti dhiiga dhangalaasiisaaf riphee gaada; isaan tiyyo'oon wol adansan. 3Harki isaanii waan hantuu hujiisa barateera; bulchaan kennansa gaafata; abbaan mura'aa safuu fudhata; worri dureeyyiin waan barbaade muummessa; isaan martinuu wolumaan mala dhowan. 4Isaan keessaa ka mara caalaa «Addatama'a» jedhamu, akka qumi'uudu'uu ti; ka mara caalaa «Qajeela'a» jedhamu, qoree caalaa bada'a. Guyyaan Waaqi isaan adabu ka worri raagotaa dubbatane dhufeera; yennaan isaan waan te'anu wollaalanu amma. 5Nama hin addatin; jaala keetitti addii hin godhatin. Niitii teeti ta hanqafatee rattuuyyuu waan isii woliin dubbattu jecha keeti ifi eeggadhu. 6Ilmi abbaa ifii hin tuffata; intalti haadha ifii irratti, niitiin ilmaalle haadha dhirsa ifii irratti hin kaati; diinni namaa maatuma isaa keessaa hin te'an.

7Ani ammoo Mootii Waan Maraa addii hin godhadha; Waaqa fayyisaa kiyya hin eegadha; Waaqi kiyya naaf hin dhage'a.

Israa'el Hin Kaati

8Diina kiyya natti hin gammadin! Ani jigulle hin ka'a; dukkana keessa jiraadhulle Mootiin Waan Maraa ifa naaf hin te'a. 9Ani waan isa yakkeef, haga inni haajaa kiyyaaf muraa naa kennutti, ani aarii isaa ta bobeettu hin ossadha. Inni gara ifaa na hin baasa; ani balchummaa isaa hin dhagga. 10Achiin duuba diinni kiyya ka, «Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti eessa jira?» anaan jedhu, tana dhaggee hin qaanowa; ilti tiyya jinnana diina kiyyaa hin dhaggiti; ammaayyuu akka caffaa karaa keessaa miilaan irra hin sirbama.

11Guyyaan dalleya keessan ijaarattanu, guyyaan meessaa keessan badhifattanu hin dhufa. 12Guyyaa san namooti keessan biyya Asooriitii fi qachoota Gibxi'ii irraa, biyya Gibxi'iitii haga laga Efraaxiisii irralle'ee, abbaaya'aa haga abbaaya'aa irralle'ee, gaaraa haga gaaraa irralle'ee gara keessan hin dhufan. 13Sababa hujii worra isii keessa le'uutiif ammoo latti hin onti.

Daadimataa Fi Leellisa

14Kolbaa teeti, worra hoolota teeti te'ane, ulee teetiin tissi! Isaan amma gongomaa keessa qofii ifii, lafa oorru'uu keessa le'an. Isaan akkuma bara durii, Baashaanii fi Giil'aad keessa dheedanuu ti.

15Akkuma bara biyya Gibxi'ii keessaa isaan baattee, bilbaasa nutti mudhisi! 16Gosi biyya adda addaa yennaa bilbaasota kana dhaggane, hin qaanowan; hunna hin dhaban; afaan hin qabatan; gurri isaaniille hin duuda. 17Isaan akka bofaatii fi akka bineensota lafa irra lowanuu bukuu hin arraaban. Goda ifii keessaa rommaa hin bayan; soda'aan gara si Mootii Waan Maraa Waaqa keennaa hin deebi'an.

18Kolbaa ifii worra lubbu'uun hafeef, ka cubbuu isaanii lakkisee, yakkaa isaanii araaramuuf, Waaqi akka keetii eennu? Ati marartii mudhisiisatti gammadda malee aari'iin haga bara baraa hin turtu. 19Ati ammalle nu mararta; yakkaa teenna hin qulqulleessita; cubbuu teenna mara qilee abbaaya'aa keessa hin buutta. 20Ati akkuma bara durii abbootii teenna ta duriitiif kakatte, sanyii Yaaqoobiitiif addatamummaa, sanyii Abrahaamiitiifille marartii hin mudhitta.

Ilustração artística — interpretação, não registro histórico.

Você sabia?

Lamento e Esperança de Restauração

  • Miqueias retrata um colapso severo da justiça e da confiança, onde governantes exigem subornos e membros da família se voltam uns contra os outros. Ele compara a busca por uma pessoa piedosa à procura em uma vinha colhida onde já não restam uvas ou figos temporãos.Fontes: o próprio texto bíblico
  • O profeta suplica a Deus que pastoreie Seu povo e o deixe pastar em Basã e Gileade como nos tempos antigos. Localizadas a leste do rio Jordão, essas regiões foram historicamente concedidas às tribos de Gade, Rúben e à meia tribo de Manassés.Fontes: o próprio texto bíblico · Bashan · Gilead
  • O capítulo termina com uma expressão de esperança na misericórdia divina, descrevendo Deus lançando os pecados nas profundezas do mar. Afirma também que Deus demonstrará fidelidade a Jacó e lealdade a Abraão, conforme os juramentos feitos aos antepassados.Fontes: o próprio texto bíblico · Abraham · Jacob (Israel)

Notas escritas com auxílio de IA a partir de fontes abertas (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, domínio público) e revisadas antes de publicar.

Lugares deste capítulo

  • Assyria · 36.359, 43.153 · versículo 12
  • Egypt · 30.129, 31.308 · versículos 12, 15
  • Euphrates · Hoje: Euphrates River · 31.004, 47.442 · versículo 12
  • Bashan · 32.781, 35.935 · versículo 14
  • Gilead · Hoje: Gilead 1 · 32.187, 35.692 · versículo 14
  • Mount Carmel · 32.672, 35.023 · versículo 14

Só aparecem lugares com identificação de alta confiança (90% ou mais segundo as fontes acadêmicas reunidas pelo OpenBible). Mapa da época: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; mapa atual: © colaboradores do OpenStreetMap; lugares: OpenBible.info (CC BY 4.0).

Créditos e licença desta tradução
Kitaaba Woyyuu
Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible)
copyright © 2025 The Word for the World International
Language: gujii
Contributor: Bible Society of Ethiopia
This translation is made available to you under the terms of the
Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0.
You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that:
You include the above copyright and source information.
If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes.
If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original.
Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents.
For other uses, please contact the respective copyright owners.
Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19.
2025-05-02

Fonte: http://ebible.org/gax/ · eBible.org

Fale com a gente

Conte de onde você lê, como a Bíblia tem te ajudado ou o que podemos melhorar. Lemos todas as mensagens.