Nations Bible

Miqueias 5

Kitaaba Woyyuu · Toque num versículo para ver as referências cruzadas.

1Nuuti waan marfanneef, ee ati qachaa loltootaa, loltoota teeti wolitti qabadhu! Worri nu marsane sun bulchaa Israa'elii boqoo isaa ule'een hin dhowan.

Bulchaa Betlihem Keessaa Dhalatu

2Ati ammoo qachaa Betlihemii-Efraata'aa, qachoota Yihuda'aa keessaa guddoo diqqaattulle, ka Israa'el bulchu tokko si keessaa naaf hin ka'a; hundeen isaa duruu jira.

3Haga haati isaa ciniinsifattee isa deettutti, Mootiin Waan Maraa Israa'el hin lakkisa; achiin duuba obboleeyyan isaa worri booji'amaneeranu, deebi'anee gara Israa'elootaa hin galan. 4Inni jabeenna Mootii Waan Maraatiin, ulfinna maqaa Mootii Waan Maraa Waaqa ifiitiin jabaatee dhaabbattee, hoolee ifii hin tissa; guddinni isaa haga qaccee lafaa waan dhaqqabuuf, Israa'elooti nageyaan hin le'an. 5Innille nageya isaanii hin te'a.

Jalaa Bayiisaa Fi Badiisa

Yennaa worri Asoorii biyya teenna lolanu, kushee teenna cassanee yennaa seenanu, nuuti tissitoota torbaa fi sooreyyii dhiira saddeeti isaan irratti akka ka'anu hin goona. 6Isaan worra biyya Asoorii shallaaga'aan, worra biyya Naamrodiillee shallaagaa buqqifataneen hin bulchan. Worri Asoorii yennaa biyya teenna lolanu, meessaa lafa teennaa yennaa cassanee seenanu, inni isaan jalaa nu hin baasa.

7Kolbaan Yaaqoobii worri jiru'uun hafe, kolbaa hedduu wodhakka'atti akka fixeensa Mootii Waan Maraa biraa bu'uu, akka tiifuu marra irratti buutuu, ka nama addii hin godhanne, yookiin ka ilmaan namaa hin eeganne hin te'an. 8Kolbaan Yaaqoobii worri jiru'uun hafe, gosa biyya adda addaa oddu'utti, kolbaa hedduu wodhakka'atti, akka neenqa bineensota badda'aa odduu jiruu, akka neenqa dardara odduu tika hoolotaa seenee qabee gargar kukkutuu, ka nami irraa buusu hin jirree hin te'an. 9Harki keessan diinota keessan irratti ol hin ka'a; nyaapholeen teessan martille hin badan.

10Mootiin Waan Maraa, «Guyyaa san, fardoo teessanii fi garreettaa fardaan harkifamu keessan odduu teessanii hin balleessa. 11Qachaa lafa teessanii hin balleessa; kushee teessan maralle hin diiga. 12Ani moruu teessan hin balleessa; haganaa achi isin worra moru hin qabaattanu. 13Ani fakkii waaqota dharaa keessanii fi soodduu woyyittii isin waaqonfattanu odduu teessanii hin balleessa; haganaa achi waan harka keessaniin hujjanetti hin sagaddanu. 14Fakkii waaqa dharaa ta ‹Asheeraa› jedhantuu, odduu teessanii hin balleessa; qachoota keessanille hin diiga. 15Gosa biyya adda addaa worra naaf hin ajajanne aari'ii fi mufii guddo'oon haluu hin baya» jedha.

Ilustração artística — interpretação, não registro histórico.

Você sabia?

O Governante de Belém

  • Belém-Efrata era o nome antigo de Belém em Judá, onde Davi passou a sua juventude. Embora fosse considerada pequena entre os clãs de Judá, o texto a identifica como a origem de um futuro governante que pastoreará o seu rebanho na força do Senhor.Fontes: Bethlehem Ephrathah · o próprio texto bíblico
  • O capítulo estabelece um paralelo entre a Assíria e a terra de Ninrode. Na tradição bíblica, Ninrode era um descendente de Cuxe que iniciou o seu reino em Babel, e a terra de Ninrode servia como uma designação antiga para a Assíria ou Sinear.Fontes: Nimrod · Nimrod · o próprio texto bíblico

Notas escritas com auxílio de IA a partir de fontes abertas (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, domínio público) e revisadas antes de publicar.

Lugares deste capítulo

  • Jerusalem · 31.777, 35.234 · versículo 1
  • Bethlehem · 31.704, 35.208 · versículo 2
  • Assyria · 36.359, 43.153 · versículos 5, 6
  • Nimrod · Hoje: Assyria · 36.359, 43.153 · versículo 6

Só aparecem lugares com identificação de alta confiança (90% ou mais segundo as fontes acadêmicas reunidas pelo OpenBible). Mapa da época: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; mapa atual: © colaboradores do OpenStreetMap; lugares: OpenBible.info (CC BY 4.0).

Créditos e licença desta tradução
Kitaaba Woyyuu
Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible)
copyright © 2025 The Word for the World International
Language: gujii
Contributor: Bible Society of Ethiopia
This translation is made available to you under the terms of the
Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0.
You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that:
You include the above copyright and source information.
If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes.
If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original.
Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents.
For other uses, please contact the respective copyright owners.
Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19.
2025-05-02

Fonte: http://ebible.org/gax/ · eBible.org

Fale com a gente

Conte de onde você lê, como a Bíblia tem te ajudado ou o que podemos melhorar. Lemos todas as mensagens.