Miqueias 2
Kitaaba Woyyuu · Toque num versículo para ver as referências cruzadas.
Karoora Namaatii Fi Karoora Waaqaa
1Worra taqee ifii irra irkatee karoora hamaa baasuuf aanne'e! Tana godhiisaaf hunna waan qabanuuf, yennaa latti bariite hujii irra oolchan. 2Isaan fichaa namaa kajeelanee, hunnaan qabatan; mana namaalle kajeelanee fudhatan; isaan mana tokko nama isaa woliin, lafa isaa woliin mirga namaa dhiitanee, karra isaa fudhatan.
3Tanaaf, Mootiin Waan Maraa, «Ani kolbaa tana irratti balaa fidiisaaf karoora baasiisatti jira; isin balaa san jalaa bayiisa hin dandeettanu. Yennaan sun hantuu waan teetuuf, bondhooraa ideemiisa hin dandeettanu. 4Guyyaa san namooti isinitti murgaa, faaruu gaddaa tana marroo teessaniif faarsaa, ‹Nuuti ijjumaa banneerra; latti kolbaa teennaa qoqoodanteerti; Mootiin Waan Maraa fichaa keenna nu irraa fuudhee worra nu injifateef qoodeera› hin jedhan» jedha.
5Tanaaf, yaa'ii Mootiin Waan Maraa keessatti nami hixa'aan lafa isiniif qoodu hin jiru.
6Raagoti isaanii, «Nutti hin raagin! Marroo waan kanaa nutti hin raagin; salphinni nu irra hin gewu. 7Ee sanyii Yaaqoobii, wonni akkasii hin jedhamaa ree? Ayyaanni Mootiin Waan Maraa ossa dhabee ree? Inni hujii akkasii hujaa ree?» jedhan.
Mootiin Waan Maraa, «Qajeelumma'aan ka ideemuuf, jechi kiyya waan dansaa hin godhuuf ree?. 8Muummee irratti isin akka diinaa teetanee kolbaa tiyya irratti kaatane; yaada lolaa adoo hin qabaatin, namoota nageyaan dabaranu irraa woyaa isaanii mulqattane. 9Dubartoota kolbaa tiyyaa mana isaanii dansaa keessaa gad ariitane; isin ulfinna kiyya ijoollee isaanii irraa haga bara baraa fudhattane. 10Addeen tun waan battootteertuuf, akka malee baddeerti; isiin addee foora keessanii waan hin te'iniif, ka'a'aatii asii deema'a.
11«Nami dharaamessi sobu tokko dhufee, ‹Marroo daadhii woyni'iitii fi marroo untoo macheessituu hin raaga› yoo jedhe, kolbaa tanaaf raagichi fudhatama qabu isa.
12«Ee sanyii Yaaqoobii, ani dhugumaan isin mara wolitti hin qaba; kolbaa Israa'elii worra baraaree hafe adduma tokko wolitti hin qaba; akka hoolee gooree keessa jirtuu, akka tika hoole'ee ta marra dheediisatti jirtuu, kolbaan lafa hin guutti» jedhe.
13Ka cassee karaa banu, isaaniin dura hin deema; isaan karra cassanee keessa dabaranee, gad hin bayan; mootiin isaanii dabaree isaaniin dura hin deema; Mootiin Waan Maraalle isaan hin sooressa.

Você sabia?
Injustiça Social e Falsos Profetas
- Miqueias denuncia proprietários poderosos que tramavam durante a noite para confiscar casas e campos herdados de famílias mais pobres ao amanhecer, privando-as de suas propriedades ancestrais.Fontes: o próprio texto bíblico
- O povo e seus líderes tentavam silenciar as advertências proféticas sobre a desgraça iminente, preferindo oradores bajuladores que prometiam prosperidade, vinho e bebida forte.Fontes: o próprio texto bíblico
- O capítulo se encerra com uma mensagem dirigida à casa de Jacó, prometendo que o remanescente disperso seria reunido como ovelhas em uma pastagem e conduzido através de uma porta aberta por seu Rei.Fontes: o próprio texto bíblico · Jacob (Israel)
Notas escritas com auxílio de IA a partir de fontes abertas (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, domínio público) e revisadas antes de publicar.
Créditos e licença desta tradução
Kitaaba Woyyuu Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible) copyright © 2025 The Word for the World International Language: gujii Contributor: Bible Society of Ethiopia This translation is made available to you under the terms of the Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0. You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that: You include the above copyright and source information. If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes. If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original. Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents. For other uses, please contact the respective copyright owners. Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19. 2025-05-02
Fonte: http://ebible.org/gax/ · eBible.org