Mateus 6
Kitaaba Woyyuu · Toque num versículo para ver as referências cruzadas.
Arjummaa
1Yesuus, «Nami akka isin dhagguuf jettanee hujii dansaa isaan duratti akka hin hunye ifi eeggadha'a! Akkas yoo gootane, Abbaa keessan ka ol-gubbaa jiru biraa gatii hin qaddanu.
2«Hiyyeeyyi'iif yennaa arjoontanu, akka worri kijibu kolbaan akka isaan galateeffattuuf, Mana Waaqonfannaa Yihudootaa keessaa fi karaa irratti godhanu, ifi mudhisiisaaf hin godhina'a. Ani dhugumaan isinitti hima, isaan gatii ifii dhaggataneeran. 3Ati yennaa arjoontu ammoo, waan harki keeti middichi godhiisatti jiru harki keeti bitaachinuu hin beekin. 4Maarre arjoom keeti dhossa'aan te'uu ti; Abbaan keeti ka waan ati dhossa'aan tolchitu dhaggu, gatii si'iif hin kenna.
Marroo Daadimatiisaa
5«Isin yennaa daadimattanu, akka worra kijibuu hin te'ina'a! Isaan worri dhibiin akka isaan dhagguuf, Galma Waaqaa keessaa fi woldeennaa karaa gugurda'aatitti dhaabbatanee daadimatiisa jaalatan. Ani dhugumaan isinitti hima, isaan gatii ifii dhaggataneeran. 6Ati ammoo yennaa daadimattu, gara kolloo teetii seen, balbala cufadhuu, gara Abbaa keeti ka addee dhokatte jiruu daadimadhu. Abbaan keetille, ka waan ati dhossa'aan huju dhaggu, gatii teeti si'iif hin kenna.
7«Yennaa daadimattanu akka worra Yihudoota hin te'inii, jecha bu'aa hin qanne itti hin deddeebi'ina'a; isaan heddummaa jechoota isaaniitiif, waaqi waan isaaniif dhage'u seyan. 8Isin ammoo akka isaanii hin te'ina'a. Abbaan keessan waan isin barbaachisu isin adoo isa hin gaafatinuu hin beeka.
9«Tanaaf, yennaa daadimattanu,
«‹Abbaa keenna ka ol-gubbaa jirtu,
Maqaan keeti woyyoomu;
10mootummaan teeti dhuttu;
fedhiin teeti akkuma ol-gubba'atti teete,
lafalle'etti teetu.
11Sagalee guyyuma guyya'aan nuu barbaachittu adha nuu kenni.
12Akkuma nuuti worra nu yakkuuf araarannu,
yakkaa teenna nuu araarami.
13Hamaalessa irraa nu eegi malee,
ataabe'etti nu hin galchin.
[Mootummaan, hunni, ulfinnille
baruma baraan keetuma. Ameen]› jedha'a.
14«Yoo isin yakkaa namootaaf araarantane, Abbaan keessan ka ol-gubbaa jiru isiniif hin araarama. 15Yoo isin yakkaa namootaaf hin araaramin ammoo, Abbaan keessan ka ol-gubbaa jiru yakkaa teessan isiniif hin araaramu» jedhe.
Marroo Laamiisaa
16Yesuus, «Yennaa laantanu, akka worri kijibu tolchu fuula keessan hin addeessina'a. Laamuu isaanii namooti akka dhagganuuf isaan ifi addeessan. Ani dhugumaan isinitti hima, isaan gatii ifii fudhataneeran. 17Ati ammoo yennaa laantu, fuula keeti dhiqadhu, mataa keetille iffadhu! 18Tanaaf laamiisa keeti, Abbaa keeti ka addee dhokatte jiru qofatti beeka malee, worri dhibiin beekuu hin dande'u. Abbaan keetille, ka waan ati dhossa'aan hujju dhaggu, gatii teeti si'iif hin kenna» jedhe.
Karra Ol-gubba'aa
19Yesuus dabalee, «Addee qooqqanna'aa fi ciillayiisi balleessutti, hattuulle cassitee seentee hattutti, as lafa tana irratti karra teessan hin kuufatina'a. 20Ammoo addee qooqqanna'aa fi ciillayiisi dande'ee hin balleessine, hattuulle cassitee seentee hatuu hin dandeenne, ol-gubba'atti karra teessan kuufadha'a. 21Yennaa mara addee karri teessan jirtu gadhaan keessanille jira» jedhe.
Ifa Nafaa
22Yesuus, «Ilti ifa nafaa ti; ilti teeti fayyaa yoo teete, nafi keeti duudiin ifaalessa hin te'a; 23ilti teeti fayyaa yoo dhadde ammoo, nafi keeti duudiin dukkana te'a; ifi sitti jiru dukkana yoo te'e, dukkanti attam attam guddattu ree!» jedhe.
Waaqaa Fi Qabeenna Namaa
24Yesuus itti dabalee, «Nami tokko garbicha goottolee lamaa te'iisaaf hin dande'u; tokkocha hin jibba, kaan hin jaalata; yookiin tokkocha ulfeessee kaan tuffata. Akkasuma Waaqaa fi beese'eef tajaajiluu hin dande'u» jedhe.
25«Tanaaf ani isinitti hima, jiruu teessaniif maan nyaanna, yookiin maan unna, yookiin marroo nafa keessanii, maan uffanna jettanee hin yaadina'a. Jiruun sagalee, nafi woyaa hin caaluu? 26Sinbirroota ilaala'a; isaan midhaan hin facaasanu yookiin haamanee gootara'atti hin galchanu; Abbaan keessan ka ol-gubbaa jiru isaan nyaachisa. Isin guddoo sinbirroota hin caaltanuu ree? 27Isin keessaa nami yaadiisaan, bara jiruu ifii irratti guyyuma tokkolle ka dande'ee dabalatu jiraa?
28«Marroo woya'aa maaf yaaddan ree? Daraaroti attam akka guddatanu ilaala'a; isaan hin hujatanu yookiin woyaa ifiif hin dhowatanu. 29Te'uu malee, Solomooniin mootichinuu ulfinna ifii maraan daraarota san keessaa akka tokkochaa woyaa akka hin uffatin isinitti hima. 30Waaqi marra adha mudhatee, boru ibiddatti gatamu yoo akkas uffise, isin fa'a attam caalchisee uffisuu dhaba ree? Isin worra dhugeeffannaa diqqo'oo!
31«Maarre, ‹Maan nyaanna?› yookiin ‹Maan unna?› yookiin ‹Maan uffanna?› jedhaa hin yaaddayina'a; 32worri Yihudoota hin te'in yennaa mara yaada waan kanaatiin qabamaneeran. Tun marti akka isinii barbaachittu Abbaan keessan ka ol-gubba'aa hin beeka. 33Dursa'aatii mootummaa Waaqaatii fi balchummaa isaa barbaada'a; tun martinuu isiniif hin kennanti. 34Maarre marroo boruutiif hin yaadayina'a; guyyaan boruu ifiifuu yaaddoo isa gewu qaba. Rakkinni adhaa adhaaf hin geya» jedhe.

Você sabia?
Justiça em segredo e confiança
- Este capítulo faz parte do Sermão do Monte. Um registro de eventos data esse sermão de 28 d.C. e registra que durou um único dia.Fontes: Sermon on the Mount · o próprio texto bíblico
- Jesus diz para não tocar trombeta nas sinagogas e nas ruas ao dar aos necessitados, como fazem os hipócritas a fim de serem honrados. Ele também adverte contra orar nas esquinas para ser visto e contra jejuar com o rosto desfigurado; em vez disso, descreve orar num quarto interior com a porta fechada e jejuar com a cabeça ungida e o rosto lavado.Fontes: o próprio texto bíblico
- Jesus diz que nem Salomão, em toda a sua glória, se adornou como um dos lírios do campo. Um verbete de dicionário explica que seu nome hebraico, Shelomoh, significa “Pacífico”, que ele era filho de Davi com Bate-Seba e que Natã o chamou de Jedidias, “amado do Senhor”; seu reinado está registrado em 1 Reis 1–11 e 2 Crônicas 1–9.Fontes: o próprio texto bíblico · Solomon
Notas escritas com auxílio de IA a partir de fontes abertas (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, domínio público) e revisadas antes de publicar.
Créditos e licença desta tradução
Kitaaba Woyyuu Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible) copyright © 2025 The Word for the World International Language: gujii Contributor: Bible Society of Ethiopia This translation is made available to you under the terms of the Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0. You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that: You include the above copyright and source information. If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes. If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original. Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents. For other uses, please contact the respective copyright owners. Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19. 2025-05-02
Fonte: http://ebible.org/gax/ · eBible.org