Mateus 27
Kitaaba Woyyuu · Toque num versículo para ver as referências cruzadas.
Yesuus Philaaxoos Duratti Dhikeeffame
1Barii halkaniin sooreyyii hayyootaatii fi jaarsoleen kolba'aa marti Yesuus ijjeesisiisaaf mari'atane. 2Isaan Yesuus hidhanee, geessanee, Philaaxoosii bulchaa biyyaatitti dabarsanee kennane.
Du'a Yihuda'aa
3Yihudaan isa dabarsee kenne, akka Yesuusitti murame yennaa dhagge, gaabbee meetii soddoma san sooreyyii hayyootaatii fi jaarsolee kolba'aatiif deebisee fidee, 4«Nama yakkaa hin qanne dabarsee kenniisaan yakkeera» isaaniin jedhe.
Isaan ammoo, «Maanti nu dhibe ree? Haajaa keeti!» jedhane.
5Yihudaan beesee san Galma Waaqaa keessatti qolaansee gatee, isaan biraa deemee, dhaqee ifi fannise.
6Sooreyyiin hayyootaa ammoo, beesee san fuudhanee, «Beeseen tun gatii dhiiga namaa waan teeteef, karra Galma Waaqaatitti makuun seeraa moti» jedhane. 7Mari'ataneen duuba, addee awwaala worra ormaa akka teetu, namicha faara dhowu irraa lafa ittiin bitane. 8Sababa kanaaf latti sun haga adhaa, «Lafa dhiigaa» jedhantee waamanti.
9Wonni Ermiyaasiin raagichi, «Isaan meetii soddoma akka gatii isaa teetuuf, ijoolleen Israa'elii herreddee fudhatte; 10akkuma Goottaalle na ajajetti gatii lafaa namicha faara dhowuu kennane» jedhee dubbate muummotte.
Yesuus Philaaxoos Duratti Dhikeeffame
11Yesuus Philaaxoosii bulcha biyyaa dura dhaabbate; Philaaxoosille, «Ati mootii Yihudootaatii?» jedhee isa gaafate.
Yesuus, «Maarre atuu jette» jedheen. 12Inni ammoo yennaa sooreyyii hayyootaatii fi jaarsolee kolba'aatiin himatame, deebii hin kennine.
13Achiin duuba Philaaxoos, «Waan hedduu isaan si himatanu ati hin dhageettuu?» jedheen. 14Inni ammoo jechuma tokkolle hin deebinne; tanaaf bulchaan biyyaa Philaaxoos guddoo baaseffate.
Yesuusitti Du'a Murane
15Yennaa Jila Irra Dabaramaa, bulchaan biyyaa Philaaxoos worra hidhamane keessaa nama tokkocha, ka kolbaan gaafatte aadaa hiiku qaba. 16Yennaa san namichi hantuu hujiisaan beekkame tokko, ka Barabbaa jedhamu, hidhaa keessa jiraayyu. 17Maarre isaan wolitti qabamaneen duuba, Philaaxoos, «Eennu akka ani isiniif hiiku barbaaddan? Barabbaa moo yookiin Yesuus ka Masiihii jedhame» isaaniin jedhe. 18Philaaxoos akka isaan waan hinaattolee te'aneef dabarsanee isa kennane beekeera.
19Philaaxoos barcumaa mura'aa gubbaa tee'eeruun, haati manaa isaa, «Namicha balchaa san waan tokkolle hin godhin! Ani eda halkan marroo isaa oojju'uun guddoo rakkadhe» jettee ergaa itti ergite.
20Sooreyyiin hayyootaatii fi jaarsoleen Barabbaan akka isaanii hiikamuu fi Yesuus akka ijjeefamu gumiin akka gaafattuuf yaada fudhachiisane. 21Bulchaan biyyaa Philaaxoos ammalle, «Isaan lamaan keessaa eennu akka ani isiniif hiiku barbaaddan?» jedhee isaan gaafate.
Isaanille, «Barabbaa nuuf hiiki!» jedhane.
22Philaaxoos, «Yesuus ka Masiihii jedhame maan godhu ree?» isaaniin jedhe.
Isaan martinuu, «Inni fannifamuu ti!» jedhane.
23Achiin duuba inni, «Maaf? Inni yakkaa maan hujeera?» jedhee isaan gaafate.
Isaan ammoo, «Inni fannifamuu ti!» jedhanee iyyanee hogisane.
24Maarre Philaaxoos irra caalaa nageya booressiisa malee, waan tokkolle godhuu akka hin dandeenne yennaa dhagge, bisaan fuudhee, gumii duratti harka ifii dhiqatee, «Ani dhiiga nama kanaa irratti yakkaa hin qabu; isinitti itti gaafatama!» jedhe. 25Achiin duuba kolbaan duudiinuu, «Dhiiga isaatiif, nuutii fi ijoollee teenna itti gaafattannuu ti» jedhanee deebisane.
26Maarre inni Barabbaa isaaniif hiike; liche'een Yesuus dhaansiseen duuba, akka fannifamuuf dabarsee kenne.
Loltooti Yesuusitti Taphatane
27Achiin duuba loltooti bulchaa biyyaa Yesuus gara mana mootumma'aatitti fuudhanee geessane; loltoota duudii adaala Yesuusiititti wolitti qabane. 28Isaan woyaa isaa irraa baasanee woyaa diintuu itti uffisanee, 29dameelee qore'eetiin kallacha hujanee mataa isaatitti keyane. Ulee harka isaa middichatti qabachiisanee, isa duratti jilbiiffatanee, «Mootii Yihudootaa, jiraadhu!» jedhaa itti taphatane. 30Isaan itti tufanee, uleelle irraa fuudhanee mataa isaa dhowane. 31Itti taphataneen duuba, isaan woyaa san irraa baasanee woyaa isaa deebisanee itti uffisane. Achiin duuba fannisiisaaf isa geessane.
Yesuus Fannifame
32Isaan yennaa gad bayane, namicha biyya Qareena'aa tokko, ka Simoon jedhamu dhagganee, fannoo Yesuusii akka ba'atu hunnaan tolchane. 33Isaan addee Golgootaa jedhantu dhufane; «Golgootaa» jechuun «Addee buqqii mata'aa» jechu'u. 34Isaan daadhii woyni'ii hadhoottu'uun makanee, akka unuuf Yesuusiif kennane. Inni afaaniin qabe malee, hin unne. 35Yesuus fannisaneen duuba hixaa buufatiisaan woyaa isaa qoqoodamane. 36Achiin duuba isaan achi tee'anee isa eegane. 37Isaan barreeffama isa ittiin himatane, «Kun mooticha Yihudootaa, Yesuus» ka jedhu, mataa isaatiin gubbaa keyane. 38Yennaa san isaan alagaltoota lamaan, tokko midda isaatitti tokko bitaa isaatitti, isa woliin fannisane. 39Worri achiin dabaranu mataa ifii raasaa, 40«Ati ka Galma Waaqaa diiddee guyyaa saditti deebittee ijaartu, ifi fayyisi me! Ati yoo Ilma Waaqaa teete, fannoo irraa gad bu'i!» jedhaa isa arrassane.
41Akkasuma sooreyyii hayyootaa, barsiisoti Seeraatii fi jaarsolee woliin itti taphatanee, 42«Inni worra dhibii fayyiseera; mataa ifii fayyisuu hin dande'u. Inni mootii Israa'elii yoo te'e, me amma fannoo irraa gad bu'uu ti; nuutille isatti hin dhugeeffanna. 43Inni Waaqatti addatee, ‹Ani Ilma Waaqaa ti› waan jedheef, Waaqi yoo barbaade, me amma isa fayyisuu ti» jedhane. 44Akkasuma alagaltooti isa woliin fannifamanelle isa arrassane.
Du'a Yesuusii
45Orraa saatii jaan jalqabee haga saatii sagalii latti duudiin dukkanootte. 46Gara saatii sagaliititti Yesuus, «Elo'ii, Elo'ii, lamaa sabaktanii?» jedhee qoonqoo guddo'oon iyye; akkas jechuun, «Waaqa kiyya, Waaqa kiyya, maaf na lakkitte?» jechu'u.
47Worra achi dhaabbatanu keessaa gariin yennaa tana dhage'ane, «Namichi kun Eliyaas waamiisatti jira» jedhane. 48Yoosuma isaan keessaa tokkochi fiigee, ispoonjii fuudhee, daadhii woyni'ii dhangaggoottu'utti cuuphee, qaccee ule'eetitti keyee, akka inni unuuf isaaf kenne.
49Worri dhibiin ammoo, «Eegi me! Eliyaas dhufee akka isa fayyisu hin ilaalla!» jedhane.
50Achiin duuba Yesuus ammalle qoonqoo guddo'oon iyyee du'e.
51Yennuma san gollaan Galma Waaqaa keessaa gubba'aa haga gadii addee lamatti tarsa'e. Latti tachoote, rassaalle dadayya'e. 52Irreensotille banamanee, kolbaan Waaqaa ta duute keessaa worri hedduun ka'ane. 53Isaan irreensa keessaa bayanee, Yesuus du'aa ka'een duuba, gara qachaa woyyichaa gara Yerusaalemii galanee, worra heddu'utti mudhatane.
54Ajajaan dhibbaatii fi worri isa woliin Yesuus eegaa turane, tacho'a lafaatii fi waan te'e yennaa dhaggane, guddoo sodaatanee, «Dhugumaan nami kun Ilma Waaqaa ti» jedhane.
55Dubartooti hedduun, irraa fagaatanee ilaalaa, Galiilaa irraa jalqabanee Yesuus hordofaa isa tajaajilane achi jiraniiyyu. 56Isaan keessa Maariyaamii qachaa Magdala'aa, Maariyaamii haadha Yaaqoobiitii fi Yoseefii, haadha ijoollee Zabdewoosii fa'atti jira.
Yesuus Awwaalame
57Yennaa galgalootte, namichi dureessi qachaa Armaatiya'aa, ka Yoseef jedhamu tokko, achi dhufe; innille barataa Yesuusiitiiyyu. 58Inni gara Philaaxoosii dhaqee reeffa Yesuusii gaafate; achiin duuba Philaaxoos reeffi akka kennamuuf ajaje. 59Maarre Yoseef reeffa fudhatee, woyaa qoolaa qulqullu'uun maree, 60goda awwaalaa haareya ta ifiif rassaa keessatti bocate keessa keye. Achiin duuba dhakaa guddaa balbala goda awwaalaatitti gangalchee, achii deeme. 61Maariyaamiin qachaa Magdala'aatii fi Maariyaamiin tuun goda awwaalaa fuula dura tee'iisatti jiraniiyyu.
Worra Goda Awwaalaa Eegu
62Boruyyaa, guyyaa qophi'iitiin duuba, guyyaa Sanbataa sooreyyii hayyootaatii fi Fariisaayoti Philaaxoos duratti wolitti qabamanee, 63«Gootta'a, sobaalessi sun adoo jiruu, ‹Guyyaa sadiin duuba deebi'ee ka'a› waan inni jedhe nuuti hin qaabanna. 64Tanaaf haga guyyaa sadiititti godi awwaalaa akka eegamu ajaji; kun te'uu dhabaannaan, barattooti isaa dhaqqanee reeffa hatanee fa'a, kolba'aan, ‹Inni du'a keessaa ka'eera› hin jedhan; sobi duuba irraa ka duraa caalaa hamaa te'a» jedhaneen.
65Philaaxoos, «Worra eegu fudhadha'aa dhaqa'aatii, akka beettanutti eegachiifadha'a» isaaniin jedhe. 66Maarre isaan worra eegu woliin dhaqanee dhaka'atti chaappaa dhowanee, goda awwaalaa san eegisiisane.
Você sabia?
Julgamento, cruz e sepultura
- Pôncio Pilatos foi o sexto procurador romano da Judeia, de 26 a 36 d.C. Sua sede ficava em Cesareia, mas ele subia com frequência a Jerusalém, e seu governo abrangeu os ministérios de João Batista e de Jesus. Na festa, seguia um costume romano de soltar um prisioneiro: ofereceu à multidão a escolha entre Jesus e Barrabás, um ladrão notório cujo nome significa “filho de Abba” ou “filho de um pai”, e eles exigiram Barrabás.Fontes: Pontius Pilate · Barabbas · o próprio texto bíblico
- Quando Judas viu que Jesus fora condenado, ficou cheio de remorso, lançou as trinta moedas de prata no templo, saiu e se enforcou. Os principais sacerdotes recusaram pôr o dinheiro de sangue no tesouro e, em vez disso, compraram o campo do oleiro como lugar de sepultura para estrangeiros. Em aramaico, os judeus o chamavam de Aceldama, “campo de sangue”; fica num terraço estreito e plano na face sul do vale de Hinom, e seu nome moderno é Hak ed-damm.Fontes: Judas Iscariot · Akeldama · o próprio texto bíblico
- Jesus foi crucificado no Gólgota, grafia grega do aramaico Gulgaltha, o mesmo nome que Calvário e ligado à palavra hebraica para “crânio”. Os evangelistas explicam o lugar como “o lugar da caveira”, um pequeno outeiro arredondado como um crânio descoberto, um ponto conhecido fora da porta e perto da cidade.Fontes: Golgotha · o próprio texto bíblico
Notas escritas com auxílio de IA a partir de fontes abertas (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, domínio público) e revisadas antes de publicar.
Lugares deste capítulo
- Cyrene · 32.821, 21.851 · versículo 32
- Jerusalem · 31.777, 35.234 · versículo 53
- Galilee · 32.760, 35.527 · versículo 55
Só aparecem lugares com identificação de alta confiança (90% ou mais segundo as fontes acadêmicas reunidas pelo OpenBible). Mapa da época: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; mapa atual: © colaboradores do OpenStreetMap; lugares: OpenBible.info (CC BY 4.0).
Créditos e licença desta tradução
Kitaaba Woyyuu Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible) copyright © 2025 The Word for the World International Language: gujii Contributor: Bible Society of Ethiopia This translation is made available to you under the terms of the Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0. You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that: You include the above copyright and source information. If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes. If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original. Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents. For other uses, please contact the respective copyright owners. Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19. 2025-05-02
Fonte: http://ebible.org/gax/ · eBible.org