Nations Bible

Mateus 22

Kitaaba Woyyuu · Toque num versículo para ver as referências cruzadas.

Mammaassa Jila Fuudhaa Fi Heerumaa

1Yesuus ammalle mammaassaan isaanitti dubbatee, 2«Mootummaan Waaqaa mooticha tokko ka ilma ifiitiif jila fuudhaa fi heerumaa jilise fakkaatti. 3Worri gara jila fuudhaa fi heerumaa waamame akka dhufu itti himiisaaf, Mootichi tajaajiltoota ifii erge; isaan ammoo hin dhunne. 4Inni ammalle tajaajiltoota dhibii ergee, ‹Worra waamameeruun: Kunoo, jila tiyya ta fuudhaa fi heerumaa qopheesseera, sangootaa fi dardarooti cocooma qalamaneeran, wonni martille qophootteerti; gara jila fuudhaa fi heerumaa kowa'a jedha'aatii itti hima'a› jedhe. 5Worri waamame ammoo tuffatee, tokko gara fichaa ifii, kuun gara daldala ifii deeme; 6worri kuun tajaajiltoota isaa qabee, akka malee tolchee, ijjeese. 7Mootichi guddoo aaree, loltoota ifii ergee, worra tajaajiltoota isaa ijjeese san balleessee, qachaa isaaniille gube. 8Achiin duuba inni tajaajiltoota ifiitiin, ‹Jilti fuudhaa fi heerumaa qophootteerti, worri waamame ammoo ka jila tanaaf male hin teene. 9Tanaaf gara woldeennaa karaa gugurda'aa dhaqa'aatii, namuma dhaggitane mara gara jila fuudhaa fi heeruma tanaa waama'a!› jedhe. 10Tajaajiltooti sun gara karaa gugurda'aa bayanee nama dhaggane mara bada'aa fi dansaalle guurane; maarre manni jila fuudhaa fi heerumaa sun keessummootaan guutame.

11«Mootichi keessumoota ilaaliisaaf yennaa ol seene ammoo, nama woyaa jila fuudhaa fi heerumaa hin uffatin tokko dhagge. 12Namichaan, ‹Jaali, woyaa jila fuudhaa fi heerumaa malee attamiin mana seente?› jedheen. Namichi waan dubbatu dhabe. 13Achiin duuba mootichi worra achi keessa ergamuun, ‹Harkaa fi miila isaa hidha'aatii, dukkana alaatitti gata'a. Achitti ilkaan qariisaa fi bowiis hin te'a› jedhe. 14Worri waamame heddu'u, worri filame ammoo diqqa'a» jedhe.

Gaaffii Marroo Kaffaliisa Gibiraa

15Achiin duuba worri Fariisaayotaa dhaqanee waanuma inni dubbateen Yesuus xaqaru'uuf mari'atane. 16Maarre isaan barattoota ifii golii Heroodisii woliin gara isaa erganee, «Barsiisa'a, akka ati dhugaamessaa nuuti hin beenna; karaa Waaqaa dhugumaan barsiitta, ati nama hin sodaattu, nama tokkolle wol hin caalchittu. 17Maan sitti fakkaata? Mootii moototaa biyya Rooma'aatiif gibira kaffaluun seera moo seeraa moti? Nutti himi ree!» jedhaneen.

18Yesuus ammoo, hammeenna isaanii beekee, «Isin kijiboole'e! Maaf haga na ilaaltan? 19Beesee ittiin gabbartanu me natti mudhisa'a?» jedhe. Isaanille beesee san takka itti fidane. 20Achiin duuba inni, «Fakki'ii fi maqaan kun ka eennuu ti?» jedhee isaan gaafate.

21Isaan deebisanee, «Ka mootii mootota biyya Rooma'aa ti» jedhaneen.

Achiin duuba inni, «Tanaaf, waan mootii moototaa mootii moototaatiif, waan Waaqaalle Waaqaaf kenna'a» isaaniin jedhe.

22Isaan yennaa waan kana dhage'ane baaseffatanee, isa lakkisanee deemane.

Gaaffii Marroo Du'aa Ka'iisaa

23Gaafasuma Saduqooti, worri du'aa ka'iis hin jiru jedhu, gara Yesuusii dhufanee, 24«Barsiisa'a, Muuseen, ‹Nami tokko adoo hin uumatin yoo du'e, obboleessi isaa niitii obboleessa du'ee san dhaalee, sanyii obboleessa ifiitiif dabarsuu ti› jedheera. 25Amma obboleeyyan torba tokkotti odduu teenna jiraayyu; angafichi fuudhee, ijoollee adoo hin uumatin irraa du'e; tanaaf obboleessi isaa haadha hiyyeessaa san dhaale. 26Ka lammeesso'oolle, ka sadeesso'oolle, haga torbeesso'ootitti isuma dhaalanee ijoollee adoo hin uumatin irraa du'ane. 27Mara isaaniitiin duuba, isiille duute. 28Gaafa worri du'ane ka'anu, marti isaaniituu waan isii fuudhaneeranuuf, isaan torba keessaa isiin kamiif niitii teeti?» jedhanee isa gaafatane.

29Yesuus deebisee, «Barreeffama Woyyichaa fi hunna Waaqaa waan hin beenneef, isin hin dokonkortan. 30Yennaa worri du'ane ka'anu, isaan ol-gubba'atti akka ergantoota Waaqaa te'an malee, hin fuudhanu, hin heerumanu. 31Marroo worra du'aa ka'iisa worra du'ee, waan Waaqi isiniin jedhe isin hin dubbinnee? 32Inni, ‹Ani Waaqa Abrahaamii, Waaqa Yisihaqii, Waaqa Yaaqoobii ti› jedheera. Inni Waaqa worra jiraata'aa ti malee, Waaqa worra du'a'aatii moti» isaaniin jedhe. 33Gumiin yennaa tana dhageette, barsiisa isaa baaseffatte.

Ajaja Guddicha

34Yesuus worra Saduqootaa akka cadhisiise yennaa dhage'ane, worri Fariisaayotaa wolitti dacha'ane. 35Isaan keessaalle'ee, barsiisaan Seeraa tokko, Yesuus haga ilaaliisaaf, 36«Barsiisa'a, Seera keessaa ajaji guddichi kam?» jedhee isa gaafate. 37Yesuus deebisee, « ‹Waaqa Goottaa keeti, gadhaa keeti tokkochaan, lubbuu teeti takkatti'iin, qalbii teeti takkatti'iin jaaladhu›. 38Ajaji guddichi duraa isaa kana. 39Lammeessoolle isuma fakkaata: ‹Ollaa keeti akka mataa keetii jaaladhu›. 40Ajaja lamaan kana irratti Seerri Muuse'eetii fi barsiisi raagotaa marti hundeeffamaneeran» jedhe.

Gaaffii Marroo Masiihii

41Fariisaayoti wolitti dacha'aneeranuun, Yesuus, 42«Marroo Masiihii maan isinitti fakkaata? Inni ilma eennuu ti?» jedhee isaan gaafate.

Isaan, «Ilma Daawitii ti» jedhaneen.

43Yesuus, «Attamiin Daawiti hunna Ayyaana Woyyichaatiin sooreffamee ‹Goottaa› jedhaa isa waamaa,

44«‹Waaqi Goottaa kiyyaan,

haga ani diinota keeti miila keeti jala si'iif galchutti,

Midda kiyyatti tee'i› jedheen ree?

45Daawiti yoo, ‹Goottaa› jedhee isa waame, Masiihiin attamiin ilma isaa te'uu dande'a?» isaaniin jedhe. 46Nami tokkolle deebii isaaf deebisuu hin dandeenne. Guyyaa sanii jalqabee nami tokkolle gaaffii tokkolle isa gaafatiisaaf itti hin gamne.

Ilustração artística — interpretação, não registro histórico.

Você sabia?

Um banquete e um dia de perguntas

  • Os desafios deste capítulo acontecem todos no mesmo dia: fariseus e herodianos perguntam se é lícito pagar impostos a César, saduceus que dizem não haver ressurreição contam o caso de sete irmãos e uma viúva, e um especialista na Lei pergunta qual é o maior mandamento. Uma lista do episódio o chama de Debates no Templo e lhe atribui a duração de um dia; a narrativa acrescenta que, a partir daquele dia, ninguém mais ousou interrogar Jesus.Fontes: o próprio texto bíblico · Debates in the Temple
  • Ao responder aos saduceus, Jesus cita as palavras “Eu sou o Deus de Abraão, o Deus de Isaque e o Deus de Jacó” e diz que Deus não é Deus dos mortos, mas dos vivos. Um dicionário bíblico chama Abraão, filho de Terá, de pai de uma multidão; descreve Isaque como o único filho de Abraão com Sara e o mais longevo dos três patriarcas; e identifica Jacó, também chamado Israel, como o mais novo dos filhos gêmeos de Isaque e Rebeca.Fontes: o próprio texto bíblico · Abraham · Isaac · Jacob (Israel)
  • Perguntados de quem o Cristo é filho, os fariseus respondem que é de Davi. Um verbete de dicionário explica o nome Davi como Amado e o identifica como o oitavo e mais novo filho de Jessé, cidadão de Belém. Jesus então pergunta como Davi, falando no Espírito, pode chamar o Cristo de Senhor, e ninguém consegue responder.Fontes: o próprio texto bíblico · David

Notas escritas com auxílio de IA a partir de fontes abertas (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, domínio público) e revisadas antes de publicar.

Créditos e licença desta tradução
Kitaaba Woyyuu
Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible)
copyright © 2025 The Word for the World International
Language: gujii
Contributor: Bible Society of Ethiopia
This translation is made available to you under the terms of the
Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0.
You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that:
You include the above copyright and source information.
If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes.
If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original.
Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents.
For other uses, please contact the respective copyright owners.
Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19.
2025-05-02

Fonte: http://ebible.org/gax/ · eBible.org

Fale com a gente

Conte de onde você lê, como a Bíblia tem te ajudado ou o que podemos melhorar. Lemos todas as mensagens.