Mateus 2
Kitaaba Woyyuu · Toque num versículo para ver as referências cruzadas.
Dhufa Beekkolee Urjii Qorqortuu
1Bara Heroodis mooticha te'eeru, qachaa Beeteelemii, ka Yihudaa keessaatitti Yesuus dhalate. Achiin duuba adoo hin turin beekkoleen urjii qorqortu karaa baya adu'uutii gara Yerusaalemii dhufanee, 2«Mucaan mootii Yihudootaa te'iisaaf dhalate, eessa jira? Nuuti urjii isaa karaa aduun baatutti dhagginee, isatti sagadiisaaf dhunneerra» jedhanee iyyaafatane. 3Mootichi Heroodis yennaa waan kana dhage'e rifate; worri Yerusaalemii martille isa woliin rifate. 4Inni sooreyyii hayyootaatii fi barsiisota Seeraa wolitti qabee, «Masiihiin eessatti dhalata?» jedhee isaan gaafate.
5Isaan, «Beeteelemii Yihudaa keessaatitti dhalata; raagichi:
6«‹Ati Beeteelemiin Yihudaa keessaa!
Qachoota gugurdaa Yihudaa keessaa mara caalaa
ijjumaayyuu hin diqqaattu;
sababille ka kolbaa tiyya Israa'el bulchu
bulchaan si keessaa baya› jedhee barreesseera» jedhaneen.
7Heroodis dhossa'aan worra urjii qorqoru san waamee yennaa urjiin itti mudhatte isaan irraa gaafatee hubate. 8Achiin duuba, «Dhaqa'aatii, marroo muca'aa miidhassa'aa qorqora'a; yennaa isa dhaggitane, anille dhaqee akka sagaduuf natti hima'a» jedhee, gara Beeteelemii isaan erge.
9Isaan yennaa waan mootichi jedhe dhage'ane, ka'anee yaa'ane; karaa irralle'etti urjiin isaan karaa aduun baatutti dhaggane tuun, addee mucaan jiru san gubba'atti haga dhaabbattutti isaaniin dura ideente. 10Isaan yennaa urjii dhaggane, akka malee gammadane. 11Mana seenanee, mucaa haadha isaa Maariyaam woliin dhagganee, gad jiganee isaaf sagadane. Achiin duuba subba ifii bananee worqii, hixaanaa fi qumbii isaaf kennane.
12Achiin duuba isaan gara Heroodisii akka hin deebineef, Waaqi oojju'uun waan isaan if eeggachiiseef, karaa dhibi'iin gara biyya ifii deebi'ane.
Gara Biyya Gibxi'ii Baqatane
13Eega beekkoleen sun gara biyya ifii deebi'ane, ergamaan Gootta'aa oojju'uun Yoseefitti mudhatee, «Heroodis mucaa ijjeesiisaaf waan barbaaduuf, ka'iitii, muca'aa fi haadha isaa fudhadhuu gara biyya Gibxi'ii baqadhu; haga ani sitti himutti achi turi» jedheen. 14Maarre Yoseef ka'ee, muca'aa fi haadhaa muca'aa fuudhee, gara biyya Gibxi'ii halkanuma san deeme. 15Haga Heroodis du'u achi ture; Goottaan afaan raaga'aatiin, «Ani biyya Gibxi'iitii mucaa kiyya waame» jedhee wonni dubbateeru akka muummottuuf tun teete.
Ijjeechaa Ijoolle'ee
16Worri urjii qorqoru akka isa sobe yennaa hubate, Heroodis akka malee aare. Yennaa urjiin itti mudhatte worra urjii qorqoru irraa akka gaafatee hubatetti, ijoollee Beeteelem keessaatii fi adaala isi'ii maraa, ta woggaa lamaa yookiin achii gadii loltoota ifii ergee ijjeesisiise. 17Akka kanaan wonni raagichi Ermiyaas jedhe muummotte; 18wonni inni raagelle:
«Qoonqoon Raama'atti dhage'ante,
qoonqoo wiiccifataa fi bowaa ti.
Raahel ijoollee ifiitiif bootte;
ijoolleen isi'ii waan dhumatteef,
jajjabaachuu didde» ka jedhu.
Biyya Gibxi'iitii Gara Naaziretii Deebi'ane
19Heroodis du'een duuba, ergamaan Gootta'aa biyya Gibxi'ii keessatti oojju'uun Yoseefitti mudhatee, 20«Worri mucaa ijjeesiisaaf barbaadu waan du'eef, ka'iitii, muca'aa fi haadha isaa fudhadhuutii, gara biyya Israa'elii deebi'i» jedheen. 21Maarre Yoseef ka'ee, muca'aa fi haadha muca'aa fudhatee, gara biyya Israa'elii deebi'e. 22Arkelaawoos addee abbaa ifii Heroodisii biyya Yihuda'aa akka bulchiisatti jiru yennaa dhage'e ammoo, Yoseef achi deemiisa sodaate. Oojju'uun gorfamee, gara lafa Galiila'aa dhaqee, 23raagoti marroo Yesuusiitiif, «Inni Naazireticha hin jedhama» wonni jette akka muummottu qachaa Naaziret jedhamu dhaqee le'e.

Você sabia?
Magos, Herodes e Nazaré
- O rei Herodes deste capítulo é Herodes, o Grande. Seu filho Arquelau, tido com Malthace, uma mulher samaritana, herdou um terço do reino: a Idumeia, a Judeia e a Samaria. Até poucos dias antes da morte de Herodes, outro filho, Antipas, havia sido nomeado sucessor, mas, em seus últimos momentos, Herodes nomeou Arquelau; por medo dele, José desviou-se da Judeia e retirou-se para a Galileia.Fontes: Archelaus · o próprio texto bíblico
- Mateus relaciona a morte dos meninos em Belém com palavras ditas pelo profeta Jeremias: uma voz em Ramá, Raquel chorando por seus filhos. Raquel, uma das esposas de Jacó, morreu ao dar à luz Benjamim e foi sepultada à beira do caminho para Efrata, isto é, Belém, logo ao norte da cidade. Seu sepulcro é objeto de grande veneração entre os judeus.Fontes: o próprio texto bíblico · Rachel · Bethlehem
- Belém, na região montanhosa de Judá, chamava-se antes Efrata e também era conhecida como a cidade de Davi; sob os romanos, ficava na Judeia, a mais meridional das três divisões da Palestina. José e Maria foram, em vez disso, para Nazaré, na Galileia, sua terra, uma cidade não mencionada no Antigo Testamento. Em geral, supõe-se que o nome Nazaré venha do hebraico netser, um broto ou rebento, embora alguns o liguem a uma palavra que significa guardar ou vigiar.Fontes: Bethlehem · Judea · Nazareth · o próprio texto bíblico
Notas escritas com auxílio de IA a partir de fontes abertas (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, domínio público) e revisadas antes de publicar.
Lugares deste capítulo
- Bethlehem · 31.704, 35.208 · versículos 1, 5, 6, 8, 9, 16
- East · Hoje: region around Amman · 31.955, 35.934 · versículos 1, 2, 9
- Jerusalem · 31.777, 35.234 · versículos 1, 3
- Judea · Hoje: Judea 1 · 31.777, 35.234 · versículos 1, 5, 22
- Egypt · 30.129, 31.308 · versículos 13, 14, 15, 19
- Galilee · 32.760, 35.527 · versículo 22
- Nazareth · 32.702, 35.298 · versículo 23
Só aparecem lugares com identificação de alta confiança (90% ou mais segundo as fontes acadêmicas reunidas pelo OpenBible). Mapa da época: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; mapa atual: © colaboradores do OpenStreetMap; lugares: OpenBible.info (CC BY 4.0).
Créditos e licença desta tradução
Kitaaba Woyyuu Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible) copyright © 2025 The Word for the World International Language: gujii Contributor: Bible Society of Ethiopia This translation is made available to you under the terms of the Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0. You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that: You include the above copyright and source information. If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes. If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original. Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents. For other uses, please contact the respective copyright owners. Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19. 2025-05-02
Fonte: http://ebible.org/gax/ · eBible.org