Nations Bible

Malaquias 2

Kitaaba Woyyuu · Toque num versículo para ver as referências cruzadas.

1Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade, hayyootaan, «Ee hayyoota! Ajaji kun isiniif baye; 2isin yoo naaf dhage'uu diddane, maqaa kiyyaaf ulfinna kenniisaaf yoo itti yaaduu dhaddane, ani abaarsa isin irratti hin erga; eebbaa keessanille abaarsatti hin jijjiirra; waan isin ulfinna naaf kenniisaaf itti yaaduu dhaddaneef, dhuguma ani ammaayyuu isin abaareera. 3Kunoo, ani sababa keessaniif jedhee, sanyii teessan hin xixa; cumaa horii isin ciinca'aaf qaltanee fuula keessanitti hin diba; cumaa san wolille'een fuula kiyya duraa hin gatantan. 4Achiin duuba gondooroon tiyya ta ani Lewwii woliin godhe akka hin diiganne, ajaja kana akka ani kenne hin beettan.

5«Gondooroon tiyya ta isa woliin godhe sun gondooroo jiru'uu fi nageyaa ti; tana akka inni na ulfeessu isaaf kenne; innille na sodaatee maqaa kiyya ulfeesse. 6Barsiisa dhuga'aa barsiise; dubbiin dabaa afaan isaa keessaa hin baane. Inni nageyaa fi qajeelumma'aan na woliin le'ee, namoota hedduu yakkaa irraa deebiseera. 7Hayyichi beekkumsa dhuga'aa hin eega; inni ergamaa Mootii Waan Maraa Ka Waan Mara Dadee waan te'eef, nami afaan isaa keessaa barumsa hin barbaada. 8Isin ammoo karaa irraa gortanee namoota hedduulle barsiisa keessaniin gufachiittaneertan; gondooroo ani Lewwii woliin godhelle diiddaneertan. 9Waan isin ajaja kiyya eeguu diddanee, seera kiyya yennaa barsiittanulle nama wol caalchittanuuf, ani ammoo gosa mara duratti akka tuffatantanuuf akka qaanottanu godha» jedha.

Waaqaaf Addatamuu Dhaba Kolbaa Yihuda'aa

10Marti keenna abbaa tokkocha qannaa motii? Waaqa tokkochattuu nu maraayyuu dadee motii? Maaniif nuuti wolii wolii keennaaf addatamuu dhannee, wol irratti ka'iisaan gondooroo Mootiin Waan Maraa abbootii teenna woliin godhe maaf diinna ree? 11Kolbaan Yihudaan hin addatanne; Israa'elii fi Yerusaalem keessatti waan Waaqi jibbu hujane; isaan dubartoota waaqota dharaa waaqonfattu fuudhanee addee Galma Waaqaa san batteessan. 12Eennulle nama waan akkasii huju kanaaf yoo falmate, yookiin akka inni fudhatama dhaggatu yoo dubbate, yookiin isaaf Mootii Waan Maraa Ka bara baraa ka dada mara ajajuuf kennansa yoo dhikeesse, Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade nama san sanyii Yaaqoobii keessaa balleessuu ti.

13Wonni dhibiin isin gootanu ammoo addee ciinca'aa ta Mootii Waan Maraa imimmaaniin dhixxan; haganaa achi Mootiin Waan Maraa kennansa keessan gammadaan waan isin irraa hin fudhanneef, hin boottan; hin iyyitanille'e. 14Isin «Kun maaf te'a?» jettanee gaafatan; isin waa'ela teessan ta teetee muttaaraa teessaniif addatamuu waan dhaddaneef tun teete; Mootiin Waan Maraa isinii fi muttaaraa teessan oddu'utti dhugaa bayaa te'eeraayyu. 15Waaqi isinii fi muttaaraa teessan foonii fi Ayyaanalle'een tokko hin goonee ree? Maaf tana godhe? Sanyii Waaqa sodaattu waan barbaadeeruuf tana godhe; tanaaf ifi eeggadha'a! Muttaaraa teessaniif addatamummaa hin dhabina'a. 16Mootiin Waan Maraa Waaqi Israa'elii, «Ani nama niitii ifii lakkisu jibba; ani akka nama woyaa akka kaso'oon uffatuu nama waan hantuu godhulle jibba; tanaaf ifi eeggadha'a; addatamummaalle hin dhabina'a!» jedha.

Guyyaan Mura'aa Dhikaate

17Isin jechoota keessaniin Mootii Waan Maraa dadhassiittaneertan; ammoo, «Attamiin isa dadhassiinne?» jettanee gaafattan; isin «Worri waan hantuu huje martinuu Mootii Waan Maraa duratti dansa'a; inni isaanitti hin gammada; yookiin abbaan muraa dhuga'aa eessa jira?» jettanee gaafatiisaan isa dadhassiittan.

Ilustração artística — interpretação, não registro histórico.

Você sabia?

Repreensão à Infidelidade e a Honra às Alianças

  • O capítulo repreende severamente o sacerdócio ao relembrar a aliança de Deus com Levi. O sacerdote é descrito como um mensageiro do Senhor dos Exércitos, cujos lábios devem guardar o conhecimento e fornecer instrução fiel em vez de fazer o povo tropeçar.Fontes: o próprio texto bíblico · Levi (patriarch)
  • O profeta desafia o povo de Judá e de Jerusalém por quebrar a fidelidade mútua. O texto condena o casamento com adoradores de deuses estrangeiros e o abandono das esposas da juventude, apresentando o matrimônio como uma aliança sagrada celebrada diante de Deus.Fontes: o próprio texto bíblico · Jerusalem

Notas escritas com auxílio de IA a partir de fontes abertas (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, domínio público) e revisadas antes de publicar.

Lugares deste capítulo

  • Jerusalem · 31.777, 35.234 · versículo 11

Só aparecem lugares com identificação de alta confiança (90% ou mais segundo as fontes acadêmicas reunidas pelo OpenBible). Mapa da época: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; mapa atual: © colaboradores do OpenStreetMap; lugares: OpenBible.info (CC BY 4.0).

Créditos e licença desta tradução
Kitaaba Woyyuu
Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible)
copyright © 2025 The Word for the World International
Language: gujii
Contributor: Bible Society of Ethiopia
This translation is made available to you under the terms of the
Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0.
You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that:
You include the above copyright and source information.
If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes.
If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original.
Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents.
For other uses, please contact the respective copyright owners.
Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19.
2025-05-02

Fonte: http://ebible.org/gax/ · eBible.org

Fale com a gente

Conte de onde você lê, como a Bíblia tem te ajudado ou o que podemos melhorar. Lemos todas as mensagens.