Lucas 11
Kitaaba Woyyuu · Toque num versículo para ver as referências cruzadas.
Yesuus Marroo Daadimataa Barsiise
1Gaafa tokko Yesuus addee takkatti daadimatiisatti jiraayyu; yennaa inni daadimatee ka'e, barattoota isaa keessaa tokkochi isaan, «Gootta'a, Yohaannis barattoota ifii daadimatiisa akkuma barsiise, atille daadimatiisa nu barsiisi» jedhe.
2Yesuus isaaniin, «Yennaa daadimattanu tana jedha'a:
«‹Abbaa keenna, [ka ol-gubbaa jirtu]
Maqaan keeti woyyoomu;
Mootummaan teeti dhuttu.
[Fedhiin teeti akkuma ol-gubba'atti teete,
lafa irralle'etti teetuu.]
3Sagalee nuu barbaachittu
guyyuma guyya'aan nuu kenni.
4Akkuma nuuti worra nu yakkuuf araarannu,
cubbuu teenna nuu araarami;
[hantuu irraa nu eegi malee],
ataabe'etti nu hin galchin!› jedha'a» jedhe.
5Achiin duuba Yesuus ede'ee «Isin keessaa nami tokko lansa yoo qabaate, halkan wodhakkaa gara lansa ifii dhaqee ‹Lansa kiyya, daabboo xaltaa sad naa liqeessi. 6Lansi kiyya karaa deemaa ammuma tana natti goree waan itti kennu dhabeera› yoo jedheen, 7lansi isaa sun mana keessa tee'ee, isaan ‹Ana hin rakkisin! Balbalti cufantee, ijoolleen tiyyalle na woliin taqee irra ratteerti. Ani ka'ee womaa si'iif kenniisa hin dande'u› hin jedhaa? 8Ani isinitti hima, lansa isaa waan te'eef ka'ee womaa isaaf kennuu dhabulle, adoo hin fokkifatin itti deddeebisee waan isa kadhateef, ka'ee waan isaa barbaachisu mara hin kenna.
9«Maarre ani isiniin jedha: gaafadha'a isiniif hin kennanti; barbaada'a hin dhaggattani; dhodhowa'a balbalti isiniif hin bananti. 10Ka gaafatu maraa hin fudhata; ka barbaadu maraa hin dhaggata; ka dhodhowu maraaf balbalti hin bananti. 11Isin keessaa abbaa ka te'e, ilmi isaa [daabboo yoo gaafate dhakaa ka kennuuf eennu?] Qurxummii yoo gaafate dhudhuufaa ka kennuuf eennu? 12Yookiin yoo inni quuphaa gaafate qaajjibbuu hin kennaafii? 13Isin adoo hamoota teetanuu, waan dansaa ijoollee teessaniif kenniisa yoo beettane, Abbaan keessan ka ol-gubbaa jiru, attam caalchisee worra isa gaafatuuf Ayyaana Woyyicha kennuu dhaba!» jedhe.
Yesuusii Fi Bi'el Zebul
14Yesuus durriisa duudaa tokko baase. Yennaa durriisi baye, namichi dubbatiisa jalqabe; namootille baaseffatane. 15Namooti gariin ammoo, «Inni hunna Bi'el Zebulii mooticha durriisotaatiin durriisota baasa» jedhane.
16Worri dhibiin Yesuus haga ilaaliisaaf barbaadanee, beessisa tokko ol-gubbaa irraa akka isaanitti mudhisu gaafatan. 17Yesuus ammoo waan isaan yaadatane beekee, isaaniin, «Mootummaan takka wol mormitee yoo gargar ifi qoodde, mootummaan sun hin baddi; maatiin takka yoo gargar ifi qoodde, manni sun hin diigama. 18Maarre Seexanni wol mormee yoo gargar ifi qoode, mootummaan isaa attamiin dhaabbatuu dandeetti? Waan isin anaan, ‹Inni hunna Bi'el Zebuliitiin durriisota baasa› jettaneef tana jedhe. 19Yoo ani hunna Bi'el Zebuliitiin isaan baase, ijoolleen teessan eennuun baasan? Tanaaf ijoolleen teessanuu isinitti murti. 20Yoo ani hunna Waaqaatiin durriisota ka baasu te'ee, akka mootummaan Waaqaa gara keessan dhutteertu beeka'a.
21«Nami jabaan tokko, meya woraanaa mara hidhatee, mana ifii yennaa eeggatu, qabeenni isaa marti hin eegamaaf. 22Ammoo ka isa caalaa jabaatu yennaa isa lolee injifate, meya lolaa ka inni addatu maraayyuu irraa fudhata, karra dannabe sanille hin qooda. 23Eennulle ka golii tiyya hin te'in na morma; eennulle ka na woliin wolitti hin qanne hin bittinneessa.
Bayee Deebi'iisa Ayyaana Hama'aa
24«Ayyaanni hamaan nama keessaa yennaa bawu, addee itti foorfatu barbaadatiisaaf, lafa bisaan hin jirre keessa deddeebi'a; addee barbaadatee yoo dhagguu dhabe, ‹Mana kiyya ka keessaa bayetti deebi'a› jedha. 25Yennaa deebi'u, manni haxowamee qulqulloweeruun dhagga. 26Achiin duuba ayyaanota hamoota torba ka isa caalaa hamaa te'ane dhaqee fida; isaanille dhufanee achi le'an. Jireenni namichaa ka duubaa ka duraa caalaa ka hammaate te'a» jedhe.
Eebba Dhuga'aa
27Yesuus adoo tana dubbatiisatti jiruu, gumii keessaa dubartiin takka qoonqoo ol qabattee, «Gadaamessi si ba'atee fi harmi ati hoote ka badhaadhane» jette. 28Inni ammoo deebisee, «Worri jecha Waaqaa dhage'ee ajajamuuf caalaa ka badhaadhe!» jedhe.
Kolbaan Beessisa Gaafatte
29Kolbaan hedduun gara isaa dachaateertuun, Yesuus, «Dhalooti kun dhaloota hama'a; isaan beessisa gaafatan, ammoo beessisa Yoonaasii raagichaa malee ka dhibiin tokkolle hin kennamuuf. 30Raagichi Yoonaas kolbaa Nanawwe'eetiif beessisa akka te'e ilmi namaalle dhaloota adhaa kanaaf beessisa hin te'a. 31Mootittiin kibbaa guyyaa mura'aa dhaloota adhaa kana woliin kaatee, isaanitti hin murti. Isiin qaccee biyya lafaatii qaruu Solomoonii caqasiisaaf dhutte; amma kunoo ka Solomoon caalu as jira. 32Kolbaan qachaa Nanawwe'ee guyyaa mura'aa dhaloota kana woliin kaatee isinitti hin murti; kolbaan Nanawwe'ee lallaba Yoonaasii dhageettee cubbuu irraa deebiteerti. Kunoo ka Yoonaas caalu as jira.
Ifa Nafaa
33«Eennulle ifa issee, addee hin mudhannetti yookiin qorii jala ka keyu hin jiru; namooti yennaa mana seenanu akka dhagganu addee mudhatu keya. 34Ilti teeti ifa nafa keetii ti; ilti teeti fayyaa yoo teete, nafi keeti duudiin ifaa te'a; ammoo ilti teeti dhukkudduu yoo teete nafi keeti duudiin dukkanowaa te'a. 35Tanaaf ifi si keessa jiru akka hin dukkanoonne ifi eegadhu. 36Nafi keeti duudiin ifa yoo qabaate, maddiin takkaalle dukkana keessa yoo hin jiraatin, akkuma yennaa ifi ifa ifii sitti issu te'u, nafi keeti duudiin ifaalessa te'a» jedhe.
Yesuus, Fariisaayotaa Fi Barsiisota Seera Muuse'ee Komate
37Yesuus yennaa dubbatee ka'e, Fariisaayichi tokko sagalee nyaatiisaaf gara mana ifii isa waame; maarre inni nyaatiisaaf gara mana isaa dhaqee tee'e. 38Fariisaayichi sun Yesuus adoo harka hin dhiqatin nyaataaf akka tee'e yennaa dhagge maalalfate. 39Maarre Goottaan isaan, «Isin Fariisaayoti muduunuu itti untanuu fi qorii itti nyaattanu gubbaa qulleessitan, keessi keessan ammoo joljolumma'aa fi hammeennaan guutameera. 40Gowwoole'e! Waaqi gubbaa dade keessa hin dannee? 41Ammoo waan muduunu'uu fi qorii keessa jiru hiyyeeyyi'iif kenna'a, wonni duudiille isiniif hin qulqulloonti.
42«Isin Fariisaayotaaf aanne'e! Isin ashuuda'aa fi sugattee irraa, akkasuma waan ficha'atti dhaabattane duudii irraa kudhan keessaa tokko Waaqaaf kennitan, dhuga'aa fi jaalala waaqaa ammoo hin lakkittan. San adoo gootanuu tanalle worra dhibi'iif godhiisa lakkisuu hin malle. 43Isin Fariisaayotaaf aanne'e! Isin Mana Waaqonfannaa Yihudootaa keessatti barcumaa ulfinnaa, addee dikko'ootille'etti nageya ulfinnaa akka isin fuudhanu jaalattan. 44Isin irreensa beessisa hin qanne ka namooti adoo hin beekin irra deemanu waan fakkaattanuuf isiniif aanne'e!» jedhe.
45Beekaan Seera Muuse'ee tokko, «Barsiisaa, ati yennaa tana dubbattu be nu'ulle arrassaarta» jedheen. 46Yesuus deebisee, «Isin beekkolee Seera Muuse'eetiif aanne'e! Isin ba'aa ulfaattuu dudda kolba'aatitti feetan, ifii ammoo quballe'een hin tuxxanu. 47Isin raagota abbootiin teessan ijjeetteef irreensa waan ijaartanuuf, isiniif aanne'e! 48Isin waan abbootiin teessan hujjetti wolii galtane; isaan raagota ijjeesanee, isin irreensa isaanii ijaartanee mirkaneessitane. 49Marroo tanaaf beekkumsi Waaqaa, ‹Ani raagotaa fi ergantoota isaanitti erga; isaan garii hin ijjeesan kaan hin ari'an› jedha. 50Maarre haga latti dadanteen jalqabee dhiiga raagota maraa ka jigeef dhalooti kun hin gaafatama. 51Dhiiga Abeeliitiin jalqabee haga dhiiga Zakaariyaasii wodhakkaa addee ciinca'aatii fi Galma Waaqaatitti ijjeesanee, ani dhugumaan isinitti hima, dhiiga isaan maraatiif dhalooti kun hin gaafatama. 52Isin beekkoleen Seera Muuse'ee, furtuu balbala beekkumsaa kolbaa duraa waan fuutaneertanuuf, isiniif aanne'e! Isin ifiif hin seenne, worra seeniisaaf barbaadulle hin dhooggitan» jedhe.
53Yesuus yennaa achii deeme, barsiisoti Seera Muuse'eetii fi Fariisaayoti guddoo moromanee, gaaffii marroo waan heddu'uu isa gaafatanee, 54dubbii inni dubbatuun isa qabiisaaf gaadane.

Você sabia?
Oração, sinais e ais
- Jesus fala do sangue de todos os profetas, desde o sangue de Abel até o sangue de Zacarias, morto entre o altar e o santuário. Abel era o segundo filho de Adão e Eva e foi morto pelo irmão Caim. O Dicionário Bíblico de Easton (1897) identifica esse Zacarias como filho ou neto do sumo sacerdote Joiada, apedrejado por ordem do rei no pátio da casa do Senhor depois de condenar o rei e o povo, e observa que Jesus alude a esse assassinato neste capítulo.Fontes: o próprio texto bíblico · Abel · Zacharias
- Jesus diz que esta geração não receberá nenhum sinal, exceto o sinal de Jonas: assim como Jonas foi um sinal para os ninivitas, o Filho do Homem será um sinal para esta geração, e os homens de Nínive, que se arrependeram com a pregação dele, a condenarão no juízo, porque está aqui alguém maior do que Jonas. O Dicionário Bíblico de Easton (1897) descreve Jonas, filho de Amitai, de Gate-Hefer, como profeta de Israel e missionário em Nínive, e o chama de tipo do Filho do Homem. Descreve Nínive como uma cidade grande e populosa, a florescente capital do império assírio.Fontes: o próprio texto bíblico · Jonah · Nineveh
- Depois que Jesus expulsa um demônio que era mudo, alguns dizem que ele o faz por Belzebu, o príncipe dos demônios. O Dicionário Bíblico de Easton (1897) explica o nome Satanás como adversário ou acusador, afirma que o Novo Testamento o usa de modo intercambiável com o diabo e lista Beelzebub entre seus títulos. Jesus responde que todo reino dividido contra si mesmo será devastado e pergunta como o reino de Satanás pode permanecer se Satanás está dividido contra si mesmo.Fontes: o próprio texto bíblico · Satan
Notas escritas com auxílio de IA a partir de fontes abertas (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, domínio público) e revisadas antes de publicar.
Lugares deste capítulo
Só aparecem lugares com identificação de alta confiança (90% ou mais segundo as fontes acadêmicas reunidas pelo OpenBible). Mapa da época: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; mapa atual: © colaboradores do OpenStreetMap; lugares: OpenBible.info (CC BY 4.0).
Créditos e licença desta tradução
Kitaaba Woyyuu Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible) copyright © 2025 The Word for the World International Language: gujii Contributor: Bible Society of Ethiopia This translation is made available to you under the terms of the Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0. You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that: You include the above copyright and source information. If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes. If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original. Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents. For other uses, please contact the respective copyright owners. Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19. 2025-05-02
Fonte: http://ebible.org/gax/ · eBible.org