Nations Bible

Lucas 1

Kitaaba Woyyuu · Toque num versículo para ver as referências cruzadas.

Ilustração artística — interpretação, não registro histórico.

Sobre este livro

Sobre Lucas

  • O Dicionário Bíblico de Easton (1897) apresenta o evangelista Lucas como um gentio; a data e as circunstâncias de sua conversão são desconhecidas. Segundo a própria declaração dele, observa Easton, ele não foi testemunha ocular nem ministro da palavra desde o princípio. Easton considera provável que fosse médico em Trôade, convertido ali por Paulo, a quem então se uniu.Fontes: Easton: Luke
  • Esse dicionário não data o Evangelho. Situa Lucas com Paulo em Filipos, depois como companheiro na viagem de Filipos a Jerusalém, ausente durante as prisões em Jerusalém e Cesareia, e de novo presente quando Paulo partiu para Roma, permanecendo até o fim da primeira prisão; a última menção do médico amado está em 2 Timóteo 4:11.Fontes: Easton: Luke
  • Sob os romanos, no tempo de Jesus, a Judeia era a mais meridional das três divisões da Palestina e parte da província da Síria. Pôncio Pilatos, sexto procurador da Judeia de 26 a 36 d.C., tinha sede em Cesareia e subia com frequência a Jerusalém; seu governo abrangeu os ministérios de João Batista e de Jesus. Herodes Antipas, filho de Herodes com Malthace, é nomeado na narrativa de Lucas.Fontes: Judea · Pontius Pilate · Herod Antipas
  • A narrativa inicial de Lucas trata de João Batista, de ascendência sacerdotal: seu pai, Zacarias, era sacerdote da turma de Abias, e sua mãe, Isabel, era das filhas de Arão; o nascimento de João ocorreu seis meses antes do de Jesus. Maria, esposa de José, da tribo de Judá e da linhagem de Davi, morava em Nazaré quando o anjo Gabriel anunciou que ela seria a mãe do Messias; depois visitou sua prima Isabel. O verbete sobre Maria afirma que a genealogia dela é dada em Lucas 3.Fontes: John the Baptist · Mary (Mother of Jesus) · Nazareth
  • Easton cita muitas passagens nos escritos de Lucas e nas cartas de Paulo como indício da extensão e da exatidão do conhecimento médico de Lucas. Depois que Jesus foi expulso de Nazaré, Cafarnaum, cidade da Galileia não mencionada no Antigo Testamento, tornou-se a sua própria cidade e cenário de muitos atos de sua vida. A Galileia havia muito era conhecida como Galileia dos gentios.Fontes: Easton: Luke · Capernaum · Galilee

Notas escritas com auxílio de IA a partir de fontes abertas (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, domínio público) e revisadas antes de publicar.

Itti Seensa

1Ulfaataa Tewoofiloos!

Marroo waan odduu teennatti te'ee namooti hedduun barreessiisaaf wodhaananeeran. 2Ergaa tana worri nu'uuf dabarsane worra jalqabaa jalqabanee ila ifiitiin dhagganee fi worra dubbii tana lallabane. 3Maarre anille, waan mara jalqabaa jalqabee, akka dansaa waan qoradheeruuf, tarre'etti galchee si'iif barreessuun dansaa teetee natti mudhatte. 4Wonni ati baratteertu dhugaa akka teete guutattee akka beettuuf, ani tana godhe.

Dhalooti Yohaannisii Cuupha'aa Duraanuu Himame

5Bara Heroodis mooticha biyya Yihuda'aa te'eerutti, balbala hayyootaa, gooree Abiiya'aa keessaa hayyichi Zakaariyaas jedhamu tokko jira. Niitiin isaalle sanyii Aaronii ti; maqaan isi'ii Elsaabeex jedhama. 6Isaan lamaanuu ajajaa fi seera Gootta'aa maraaf ajajamaa fuula Waaqaa duratti le'ii dansaa le'ane. 7Elsaabeex maseena waan teeteef, isaan ijoollee hin qabanu. Isaan lamaanuu guddoo dulloomaneeran. 8Gaafa tokko, badoon hujii hayyumma'aa ta hayyoota gooree Zakaariyaasii waan teeteef, Zakaariyaas fuula Waaqaa duratti hujii hayyummaa ifii hujiisaaf dhikaate. 9Akka aadaa hayyootaatitti, gara Galma Waaqaa seenee hixaana akka aarsuuf carra'aan filame. 10Yennaa hixaanni aarfamu san, gumiin alatti daadimatiisatti jirti. 11Ergamaan Waaqaa addee hixaanni itti aarfamu gara middaatiin dhaabbatee Zakaariyaasitti mudhate. 12Zakaariyaas yennaa isa dhagge rifatee sodaate. 13Ergantichi Waaqaa ammoo, «Zakaariyaas hin sodaatin! Waaqi daadimata keeti dhage'eera; niitiin teeti Elsaabeex ilma si'iif hin deetti; maqaa isaalle Yohaannis jettee baatta. 14Yennaa inni dhalate ati guddoo hin gammadda; kolbaan hedduulle guddoo gammaddi. 15Inni fuula Gootta'aa duratti guddaa hin te'a; daadhii woyni'ii yookiin untoo macheessitu ijjumaa hin unu; gadaamessa haadha ifiitii jalqabee Ayyaana Woyyichaan hin guutama. 16Kolbaa Israa'elii hedduu gara Waaqa Goottaa isaanii hin deebisa. 17Akkuma Eliyaasii raagichaa Ayyaanaa fi hunna qabaatee, yaada abbooti'iitii fi ijoolle'ee tokko tolchiisaaf, kolbaa hin ajajanne gara yaada balchoole'eetitti deebisiisaaf, kolbaalle Gootta'aaf qopheessiisaaf Gootta'aan dura hin ideema» isaan jedhe.

18Zakaariyaas Erganticha Waaqaatiin, «Wonni kun akka teetu attamiin beeka? Anii fi haati manaa tiyyalle dulloonneerra» jedhe.

19Ergantichi Waaqaalle, «Ani Gabri'eel, ka fuula Waaqaa dura dhaabbadhu, oduu gammadaa tana sitti himiisaaf ergamee dhufe. 20Ati ammoo ergaa tiyya ta yennaa te'uu maltetti, te'uu jirtu hin dhugeeffanne. Waan dhugeeffatiisa dhaddeef haga wonni kun teetutti, afaan hin duudda; dubbatiisalle hin dandeettu» jedhee deebise. 21Kolbaan yennaa san Zakaariyaas eegatiisatti jirtu, inni Galma Waaqaa keessatti turee jennaan maadeffatte. 22Inni yennaa gad baye, isaan woliin dubbatiisa dadhabee jennaan, akka inni Galma Waaqaa keessatti mudhii dhaggeeru beekane. Inni dubbatiisa dadhabee harka ifiitiin isaaniif beessisa kenne. 23Yennaan Zakaariyaas Galma Waaqaa keessatti tajaajilu hobbaatee jennaan gara mana ifii deebi'ee gale. 24Eega san adoo hin turin niitiin isaa Elsaabeex ulfoottee, haga ji'a shanii mana ifii keessatti dhokatte. 25Isiin, «Goottaan tana naaf godhee, amma gara duubaatitti ana qaabatee salphinnaa kiyya ka kolbaa oddu'uu na irraa dhoogge» jette.

Dhalooti Yesuusii Duraanuu Himame

26Elsaabeex ulfoottee ji'a jayeesso'ootitti Waaqi erganticha Gabri'eel gara qachaa Naaziretii ka Galiilaa keessatti dhaggamuu, 27gara durra duuddu'uu ta Maariyaam jedhantuu takka erge. Isiin nama Yoseef jedhamu ka sanyii Mooticha Daawitii keessaa dhalate tokkoof kadhatanteerti. 28Ergantichi Waaqaa gara isi'ii dhufee, «Ati ta guddoo badhaateertu; nageenni si'iif te'u; Goottaan si woliin jira!» isi'iin jedhe.

29Maariyaamiin dubbii erganticha Waaqaa mantee «Kun nageya attamiiti?» jettee yaadatte. 30Ergantichi Waaqaa isi'iin, «Maariyaam, hin sodaatin! Waaqi si badhaaseera. 31Ati ulfoottee ilma hin deetta; maqaa isaalle Yesuus jettaan. 32Inni guddaa hin te'a, Ilma Waaqa Ol Aana'aalle hin jedhama. Goottaan Waaqi akkuma abbaa isaa Daawitii isa hin mootonsa. 33Inni kolbaa Israa'eliitiif haga bara baraa mootii hin te'a, mootummaan isaalle dhuma hin qaddu» jedhe.

34Maariyaam erganticha Waaqaatiin, «Ani durra duuddu'u; tun attam te'iisaa dandeetti?» jette.

35Ergantichi Waaqaalle deebisee, «Ayyaanni Woyyichi si'itti hin dhufa, hunni Waaqa Ol Aana'aalle si irratti hin buuti. Tanaaf daa'inni woyyichi dhalatu Ilma Waaqaa hin jedhama. 36Firri teeti Elsaabeex ta maseente jedhante, guddoo dulloontulle, amma ammoo isiinuu ulfoottee kun ji'a jayeesso'oo ti. 37Waaqaaf wonni hin dande'anne hin jirtu» jedhe. 38Maarre Maariyaam, «Ani tajaajiltuu Gootta'aa ti. Akkuma ati jette naaf teetuutii!» jette. Achiin duuba ergantichi Waaqaa isii biraa deeme. 39Eega san adoo hin turin Maariyaam kaatee, gara qachaa biyya Yihudaa koobitti'ii keessaa tokko ariifattee dhaxxe. 40Isiin mana Zakaariyaasii seentee, Elsaabeex nageya fuute. 41Elsaabeex nageya Maariyaami'ii yennaa dhageette, annuun gadaamessa isi'ii keessa utaale. Elsaabeex Ayyaana Woyyichaan guutantee, 42qoonqoo ol qabattee, «Ati dubartii mara caalaa ta eebbifante, mucaan ati deettulle ka eebbifame! 43Haati Goottaa kiyyaa gara kiyya dhuttee, akka na dubbittuuf ulfinni akkanaa maaf naa te'e? 44Akkuma qoonqoo nageya fuudhiisa keetii gurri kiyya dhage'een, finni gadaamessa kiyya keessaa gammadee utaale. 45Dubbiin Goottaan isi'itti dubbate akka muummottu ta dhugeeffatte ta badhaate» jette.

Faaruu Maariyaami'ii Ta Galataa

46Maariyaam:

«Lubbuun tiyya Goottaa galateessiti;

47ayyaanni kiyyalle Waaqa fayyisaa kiyyatti hin gammada.

48Inni garbittii ifii

gad aantuu qaabateera.

Ammaa jalqabee dhalooti duudiin ta badhaate anaan jedha.

49Waaqi dande'aan waan guddoo naaf godhe.

Maqaan isaalle woyyicha.

50Marartiin isaa worra isa sodaatuuf

dhalootaa haga dhalootaa ti.

51Inni dandeettuu irree ifii mudhisee,

worra kooru yaada gadhaa isaanii woliin firfirse.

52Mootota jajjaba barcumaa mootummaa isaanii irraa buusee, worra gad aanaa ol kaase.

53Worra beelowe waan dansa'aan quussee,

dureeyyii harka duwwaa gad lakkise.

54Abbootii teenna Abrahaamii fi sanyii isaa maraaf addii haga bara baraa kenne qaabatee,

marartii ifiitiin garbicha ifii Israa'el gargaareera» jette.

56Maariyaam gara ji'a sadii Elsaabeex woliin turtee, achiin duuba gara mana ifii deebite.

Dhaloota Yohaannisii Cuupha'aa

57Elsaabeex yennaan deettu geennaan, ilma deette. 58Ollootaa fi firoottan isi'ii akka Goottaan isi'iif guddoo marare dhagganee, isii woliin gammadane. 59Guyyaa saddeetesso'oo annuu haqanqabaa qabiisaaf worri dhufane, annuu maqaa abba'aatiin, Zakaariyaas jedhanee baasiisaaf barbaadane. 60Haati isaa ammoo, «Waawwoo! Maqaan isaa Yohaannis jedhamuu qaba» jette. 61Isaan isi'iin, «Worra keeti keessaa maqaa kanaan ka waamameeru tokkolle hin jiru» jedhane. 62Achiin duuba abbaan isaa eennu jedhee maqaa isaa baasiisaaf akka barbaadu beessisaan gaafatane. 63Zakaariyaas waan irratti barreessu gaafatee, «Maqaan isaa Yohaannis» jedhee barreesse. Isaan martinuu waan kana baaseffatane. 64Yennuma san arrabi isaa hiikamee, dubbatiisa dande'ee, Waaqa galateeffate. 65Ollaan marti waan te'e kana sodaate. Oduun waan kanaalle biyya Yihuda'aa goorittii keessatti addee maratti odeeffante. 66Dhugumaan hunni Gootta'aa waan isa woliin jirtuuf, worri waan kana dhage'ane martinuu, «Mucaan kun maan te'inna laati?» jedhanee yaadatane.

Raaga Zakaariyaas Dubbate

67Achiin duuba abbaan isaa Ayyaana Woyyichaan guutamee,

68«Kolbaa ifii gargaaree, bilisa baasiisaaf waan dhufeef,

Goottaan Waaqi Israa'elii galatoomuu!

69Sanyii Daawitii tajaajilaa ifii irraa,

fayyisaa jabaa nu'uuf kaaseera.

70Bara durii, afaan raagota woyyootaatiin dubbatee,

71diinotaa fi harka worra nu jibbuu mara jalaa akka nu fayyisu addii nuuf kenneera.

72Abbootii teennaaf akka mararu addii kennee fi

gondooroo woyyittii ifii qaabate.

73Bara le'ii teennaa mara fuula isaa duratti woyyumma'aa fi

balchumma'aan, sodaa malee akka isaaf tajaajillu, diinota keenna jalaa akka nu baasu, abbaa keenna Abrahaamiif kakuu gale.

76Mucaa kiyya, atille, raagicha Waaqa Ol Aana'aa hin jedhanta,

karaa Gootta'aa qopheessiisaaf isa dura hin ideenta.

77Kolbaan Waaqaa araara cubbu'uu kennamuun,

beekkuma fayyinnaa akka dhaggattu hinta.

78Waaqi keenna marara'aa fi gadhaa laafa'a.

Inni aduu fayyinnaa nu'uuf hin baasa.

79Inni worra dukkanaa fi gaaddisa du'aa keessa jiru maraaf hin issa;

miila keennalle karaa nageyaatitti hin qajeelcha» jedhee raage.

80Mucaan guddatee, Ayyaanalle'een jabaate; haga guyyaan inni kolbaa Israa'eliititti mudhate gewutti goomolee keessa le'e.

Ilustração artística — interpretação, não registro histórico.

Você sabia?

Os anúncios de João e de Jesus

  • Zacarias servia na divisão sacerdotal de Abias, a oitava das vinte e quatro turmas em que Davi havia repartido os sacerdotes. Só quatro desses grupos voltaram do exílio e foram então redistribuídos sob os nomes antigos. Os sacerdotes serviam no templo duas vezes por ano, durante uma semana de cada vez, e todos os dias se lançavam sortes para a solene oferta do incenso.Fontes: Zacharias · o próprio texto bíblico
  • O anjo que estava à direita do altar do incenso disse chamar-se Gabriel e afirmou que permanece na presença de Deus. O mesmo nome designa o anjo enviado a Daniel para explicar a visão do carneiro e do bode e transmitir a predição das setenta semanas, e foi Gabriel quem também anunciou a Maria que ela teria um filho.Fontes: Gabriel · o próprio texto bíblico
  • Isabel era descendente de Arão. Maria, da tribo de Judá e da linhagem de Davi, estava ligada a ela por casamento e foi de Nazaré, na Galileia, cidade que não é mencionada no Antigo Testamento, visitá-la na região montanhosa de Judá.Fontes: Elisabeth · Mary (Mother of Jesus) · Nazareth · o próprio texto bíblico

Notas escritas com auxílio de IA a partir de fontes abertas (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, domínio público) e revisadas antes de publicar.

Lugares deste capítulo

  • Judea · Hoje: Judea 1 · 31.777, 35.234 · versículos 5, 39, 65
  • Holy Place · Hoje: on Mount Moriah · 31.778, 35.236 · versículos 9, 21, 22
  • Galilee · 32.760, 35.527 · versículo 26
  • Nazareth · 32.702, 35.298 · versículo 26

Só aparecem lugares com identificação de alta confiança (90% ou mais segundo as fontes acadêmicas reunidas pelo OpenBible). Mapa da época: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; mapa atual: © colaboradores do OpenStreetMap; lugares: OpenBible.info (CC BY 4.0).

Créditos e licença desta tradução
Kitaaba Woyyuu
Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible)
copyright © 2025 The Word for the World International
Language: gujii
Contributor: Bible Society of Ethiopia
This translation is made available to you under the terms of the
Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0.
You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that:
You include the above copyright and source information.
If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes.
If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original.
Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents.
For other uses, please contact the respective copyright owners.
Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19.
2025-05-02

Fonte: http://ebible.org/gax/ · eBible.org

Fale com a gente

Conte de onde você lê, como a Bíblia tem te ajudado ou o que podemos melhorar. Lemos todas as mensagens.