Nations Bible

Levítico 6

Kitaaba Woyyuu · Toque num versículo para ver as referências cruzadas.

1Ammalle Mootiin Waan Maraa Muuse'een 2«Seerri nama waan asii gad jiru kana maraan ollaa ifii sobiisaan, ana Mootii Waan Maraa yakkee kana: nami tokko marroo waan magannee itti kenname takkaa yookiin marroo waan qaddii itti kenname takkaa ollaa ifii yoo sobe, ollaa ifii yoo saame, bu'aa dhaggatiisaaf ollaa ifii irratti dhiibbaa yoo tolche, 3yookiin waan badeeru tokko dhaggee akka hin dhagginiititti dharaan yoo kakate yookiin cubbuu akkanaa tana keessaa takkattiille yoo huje, 4akka kanaan cubbuu hujee yakkaamessa yoo te'e, inni waan hate yookiin waan saame yookiin waan magannee itti kenname yookiin bu'aa dhaggatiisaaf ollaa ifii irratti dhiibbaa waan tolche yookiin waan baddeertuun dhagge san, 5yookiin waan akka waan hin dhagginiititti sobaan kakate san maraayyuu deebisuu ti. Guyyaa kennansa sababa yakkaa ifiitiif dhikeessu, gatii isi'iititti harka shan keessaa harka tokko itti dabalee abbaa karraatiif deebisuu ti. 6Inni horii keessaa korbeessa hoole'ee ka fafa hin qanne, gatii ati itti madaaltetti, kennansa sababa yakka'aatiif dhikaatu ana Mootii Waan Maraatiif gara hayyichaa fiduu ti. 7Hayyichi waan namichi hujee yakkaa itti te'e san maraaf, fuula kiyya duratti gumaa godhee kennuu ti; namichille araara hin dhaggata» jedhe.

Kennansa Duuduma Gubamu

8Mootiin Waan Maraa Muuse'een 9«Aaronii fi ilmaan isaa ajaja kana ajaji: ‹Kun seerata kennansa gubamuu ti: kennansi gubamu halkan guutuu haga bari'iititti addee ciinca'aa irra turuu ti; ibiddille addee ciinca'aa irratti itti bobe'aa buluu ti. 10Hayyichi lukee nafa isaatitti aantu ta quncee talba'aa irraa hujante hidhatee, woyaa ifii ta quncee talba'aa irraa hujante uffatee, daadhaa kennansa addee ciinca'aatitti gubamuu san irraa fuudhee, addee ciinca'aatiin cina'atti gad naquu ti. 11Achiin duuba woyaa ifii san jijjiiratee daadhaa san addee quttumaatiin ala addee aadaa dhugeeffanna'aatiin qulqulluu teetetti geessuu ti. 12Ibiddi addee ciinca'aa irraa ittuma bobe'uutii malee ijjumaa hin dhaamin. Hayyichi ganama ganama qoraan itti dabaluu ti; kennansa gubamulle ibidda san irratti tarree galchee, moora kennansa tokkumma'aa san irratti gubuu ti. 13Ibiddi yennaa mara addee ciinca'aa irratti bobe'uutii malee ijjumaa hin dhaamin.

Kennansa Midhaanii

14« ‹Seerri kennansa midhaanii asii gad jira: Sanyii ilmaan Aaronii keessaa hayyichi tokko addee ciinca'aatiin duratti, kennansa midhaanii ana Mootii Waan Maraa dura dhikeessuu ti. 15Hayyichi bullaa dansaa zayitiin ejersaa itti dhangalaafame san ooboo tokko guutuu, hixaana kennansa midhaanii irra jiru san mara woliin fuudhee, ka foolee dansaa qabu ka ana Mootii Waan Maraa gammachiisu godhee, yaadannoo akka te'u, addee ciinca'aa irratti gubuu ti. 16Ka hafe Aaronii fi ilmaan isaa uukoo malee, badhinna dalleya keessaa ka Dunkaanii Woldeenna'aatitti addee woyyittii keessatti nyaatanuu ti. 17Uukoo malee bilcheeffantuu ti. Ani kennansa midhaanii ka ibiddaan gubamee ana Mootii Waan Maraatiif dhikaatu keessaa qooda isaanii akka teetuuf kenneera. Isiin akkuma kennansa araara cubbu'uutii fi yakka'aatiif dhikaatuu guddoo woyyitti'i. 18Sanyii Aaronii keessaa dhiirti martinuu kennansa ibiddaan gubamee ana Mootii Waan Maraatiif dhikaatu irraa hin nyaatan; kun dhalootaa haga dhalootaatitti qooda isaanii hin te'a. Nami kennansa san tuqe marti woyyuu hin te'a› jedhi» jedhe.

Kennansa Midhaanii Ka Yennaa Hayyichi Guddaan Muudamu Dhikaatu

19Mootiin Waan Maraa ammalle Muuse'een, 20«Aaronii fi ilmaan isaa keessaa guyyaa hayyichi guddaan muudamu, kennansi ana Mootii Waan Maraatiif fidanu: bullaa dansaa kennansa yennaa mara dhikaatuuf, kiiloo giraamii lama keessaa gamisa barii, gamisa galgala dhikeessanuu ti. 21Bullaa zayitii ejersaatiin sukkuumantee akka dansaa wolitti makantee, eelee sibiilaatitti bilcheeffantee, caccaffantee akka kennansa midhaaniititti, ta foolee dansaa qaddu ta ana Mootii Waan Maraa gammachiittu naaf dhikeessanuu ti. 22Ilmaan Aaronii keessaa hayyichi isa bakka bu'iisaaf muudamelle akkasuma tolchuu ti. Kun ana Mootii Waan Maraatiif seera bara baraa ti. Qooda kiyya waan te'eef duudumaa gubamuu qaba. 23Kennansi midhaanii ka hayyichi dhikeessu martinuu gubamuu ti malee hin nyaatamin» jedhe.

Kennansa Araara Cubbu'uutiif Dhikaatu

24Mootiin Waan Maraa Muuse'een, 25«Aaronii fi ilmaan isaatiin, ‹Kun seera kennansa araara cubbu'uutiif dhikaatuu ti: horiin araara cubbu'uutiif kennamu irraa caalaa woyyuu ka te'e keessaa tokko waan te'eef, addee kennansi gubamu itti qalamutti, fuula ana Mootii Waan Maraa duratti qalamuu ti. 26Hayyichi kennansa araara cubbu'uu ciincessu addee woyyittii keessatti badhinna dalleya keessaa ka Dunkaanii Woldeenna'aa keessatti foon san nyaatuu ti. 27Wonni foon san tuqe marti woyyuu te'a; dhiigi horii sanii woya'atti yoo faca'e, addeen inni itti faca'e sun addee woyyitti'itti dhiqantuu ti. 28Okkoteen foon sun itti iffeelame caccabuu qaddi; okkotee sageettuu irraa hujante yoo teete ammoo rigantee bisaaniin dhiqantuu ti. 29Horiin qalame sun irra caalaa woyyuu ka te'e keessaa tokko waan te'eef, maatii hayyootaa keessaa dhiirti martinuu foon san nyaatanuu ti. 30Horii araara cubbu'uutiif dhikaatee, dhiigi isaa gumaa cubbu'uutiif Dunkaanii Woldeenna'aa keessa addee irra caalaa woyyittii teete yoo seene, foon horii sanii gubamuutii malee hin nyaatamin.

Ilustração artística — interpretação, não registro histórico.

Você sabia?

Deveres Sacerdotais e o Fogo Contínuo do Altar

  • Para ofensas envolvendo roubo, extorsão ou juramento falso sobre bens perdidos, a lei exigia a restituição total acrescida de um quinto do valor paga ao legítimo proprietário antes que o infrator pudesse apresentar um carneiro como oferta pela culpa.Fontes: o próprio texto bíblico
  • Os sacerdotes receberam a ordem de manter o fogo no altar queimando continuamente, dia e noite, sem jamais deixá-lo apagar. A cada manhã, um sacerdote com vestes de linho arrumava lenha fresca no altar e removia as cinzas para levá-las fora do acampamento.Fontes: o próprio texto bíblico
  • Como a oferta pelo pecado era considerada santíssima, normas rigorosas regiam as vasilhas utilizadas no seu preparo: panelas de barro usadas para cozer a carne deviam ser quebradas, enquanto recipientes de bronze podiam ser esfregados e enxaguados com água.Fontes: o próprio texto bíblico

Notas escritas com auxílio de IA a partir de fontes abertas (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, domínio público) e revisadas antes de publicar.

Créditos e licença desta tradução
Kitaaba Woyyuu
Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible)
copyright © 2025 The Word for the World International
Language: gujii
Contributor: Bible Society of Ethiopia
This translation is made available to you under the terms of the
Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0.
You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that:
You include the above copyright and source information.
If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes.
If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original.
Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents.
For other uses, please contact the respective copyright owners.
Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19.
2025-05-02

Fonte: http://ebible.org/gax/ · eBible.org

Fale com a gente

Conte de onde você lê, como a Bíblia tem te ajudado ou o que podemos melhorar. Lemos todas as mensagens.