Levítico 26
Kitaaba Woyyuu · Toque num versículo para ver as referências cruzadas.
Eebba Ajajamiisaan Dhaggamu
1Mootiin Waan Maraa, «Ani Mootiin Waan Maraa Waaqa keessan; isin waaqota dharaa hin hujatina'a yookiin fakkii yookiin soodduu woyyittii hin dhaabbatina'a; dhakaa qiriixamelle itti sagadiisaaf biyya teessan keessatti hin dhaabina'a! 2Ani Mootii Waan Maraa ti! Guyyaa Sanbataa kiyya eegadha'a; addee woyyittii tiyyaafille ulfinna kenna'a.
3«Isin seerata kiyya yoo eegattane, ajaja kiyyaafille akka dansaa yoo ajajantane, 4Bokkeya yennaa isaatitti isiniif hin kenna; latti midhaan hin baachi; mukille midhaan hin buusa. 5Midhaan adoo dhowattanuu yennaan unkuruura woyni'ii murattanu hin geetti; unkuruura woyni'iille adoo murattanuu yennaan midhaan facaafattanu hin geetti; sagalee barbaaddane maralle hin nyaattan; lafa teessan keessalle nageyaan hin leetan.
6«Lafaaf nageya hin kenna; isin hin foorfattan; nami isin sodaachisu tokkolle hin jiraatu. Ani bineensa hamaa lafa irraa hin balleessa; diinni keessan haganaa achi isin hin lolu. 7Isin diinota keessan hin ariitan; isaanille shallaagaa keessaniin isin duratti hin dhumatan. 8Isin nami shan isaan nama dhibba hin ariitan; isin nami dhibbi isaan nama kuma kudhan hin ariitan; diinoti keessanille shallaagaa keessaniin isin duratti hin dhumatan. 9Ani gara keessan hin ilaala; akka isin hortanu godhee, isin hin baceessa. Gondooroo isin woliin godhadhe hin eegadha. 10Isin midhaan bara dabaree adoo nyaattanuu, midhaan bara haareyaatiif addee dhaggatiisaaf, midhaan bara dabaree san hin haxoottan. 11Ani addee leetoo tiyyaa odduu teessanitti hin godhadha; isin hin jibbulle'e. 12Ani yennaa mara odduu teessan le'ee, Waaqa isiniif hin te'a; isinille kolbaa tiyya hin teetan. 13Akka isin haganaa achi worra Gibxi'iitiif garba hin teene, biyya Gibxi'ii keessaa ka isin baase, ana Mootii Waan Maraa Waaqa keessan; ani waanjoo garbumma'aa isin irraa cassee, ol jettanee akka deentanu isin godheera.
Adabbii Ajajamiisa Dhabaa
14«Isin naaf ajajamiisa dhaddanee, ajaja kiyya mara yoo hin eegatin, 15seerata kiyyalle tuffattanee, seera kiyya yoo jibbitane, akka ajaja kiyyaatitti hujuu dhaddanee, gondooroo tiyya yoo diiddane, 16ani waan asii gad jiru isinitti hin fida: bararaqa dedhaa, dhukkuba balleessu, o'a ila isin balleessee jiruu gossu isinitti fida; isin sanyii hin facaafatan, garuu diinota keessanitti nyaata. 17Akka diinni keessan isin injifatu, ani diina isinitti hin te'a; worri isin jibbu isin hin bulcha; adoo nami isin hin ari'in hin baqattan.
18«Tana maraan duuba isin ammalle naaf yoo hin ajajamin, ani sababa cubbuu teessaniitiif dachaa torba isin hin adaba. 19Ani hunna teessan ta isin ittiin koortanu hin cassa; bokkeenni akka hin roonne, gubbaa akka sibiilaa, lafa akka sageettu'uu hin godha. 20Latti teessan midhaan waan hin baanneef, muki keessanille midhaan waan hin buunneef, hunni teessan toluma dhumatti.
21«Isin na mormitanee, na dhage'iisa yoo diddane, ani akka cubbuu teessaniititti dachaa torba rakkinna isinitti fida. 22Ani bineensota ijoollee teessan isin duraa fudhatu, ka horii keessan balleessu, ka laakkossa keessanille diqqeessee, nami karaa irra deemu akka dhabamu godhu isinitti hin erga.
23«Waan kanalle'een gara kiyya deebi'uu diddanee, anaan yoo mormitane, 24ani isin mormee sababa cubbuu teessaniitiif dachaa torba rakkinna isinitti hin fida. 25Gondooroo tiyya waan diiddaneef, haluu bayiisaaf, shallaagaa isinitti hin fida. Yennaa isin qachaa keessatti wolitti qabantanu, ani balaa odduu teessanitti hin erga; harka diinaatitti dabarfantanee hin kennantan. 26Yennaa ani sagalee isin dhooggu, dubartiin kudhan eelee takka'atti daabboo isiniif bilcheessitee, madaaltee isinii hin dhikeessiti; isin hin nyaattan, ammoo hin quuttanu.
27«Waan kanalle'een gara kiyya deebi'uu diddanee, anaan yoo mormitane, 28achiin duuba aarii tiyyaan isin mormee, sababa cubbuu teessaniitiif, dachaa torba isin hin adaba. 29Isin foon ijoollee teessan ta dhiiraatii fi ta durraa hin nyaattan. 30Addee waaqonfanna'aa teessan hin balleessa; addee ciinca'aa teessan ta hixaanni irratti aarfamu hin diiga; reeffa keessan waaqota dharaa keessan ka lubbuu hin qanne san irratti hin tuula; isinille hin diqadha. 31Qachoota keessan hin diiga; addee woyyittii teessanille hin onsa; ciincaa keessan ka foolee dansaa qabu sanille hin fudhadhu. 32Diinoti keessan ka lafa teessan keessa le'anu, dhagganee akka rifatanu lafa teessan hin onsa. 33Gosa biyya adda addaa keessa isin bittinneessee, shallaagaa buqqifadhee isin hin ari'a; latti teessan duwwaa teetee, qachooti keessanille hin ona. 34Achiin duuba latti woggoota onte san mara, yennaa isin biyya diinota keessanii keessa jirtanu foora sanbataa ka woggoota torbaa ka ifii sanitti hin gammaddi; achiin duuba latti foorfattee, Sanbata ifiititti hin gammaddi. 35Latti woggoota Sanbataa ta yennaa isin keessa leetane san foora hin qanne, yennaa ontee teettu san mara hin qabaatti.
36«Isin keessaa worra lubbu'uun hafe, lafa diinota isaanii keessa jiranuun sodaa hantuu isaanitti hin erga. Shokokkeessi baala qilleensi tachoosuu isaan hin bararassa; nami isaan ari'u adoo hin jiraatin akka nama shallaagaa dheetuu hin baqatan; hin jiganille'e. 37Nami isaan ari'u adoo hin jiraatin, akka nama shallaagaa dheetuu adoo baqatanuu wol gufatan. Maarre isin diinota keessan dura dhaabbatiisa hin dandeettanu. 38Isin gosa biyya adda addaa oddu'utti hin dhumattan; latti diinota keessanii isin hin liqinsiti. 39Isin keessaa worri lubbu'uun hafe, sababa cubbuu ifiitii fi sababa cubbuu abbootii ifiitiif lafa diinota ifii keessatti hin yaayyan.
40«Te'uu malee isaan cubbuu ifiitii fi cubbuu abbootii ifii ta isaan maltumma'aan na mormatane yoo faaci'atane, 41cubbuu akka ani diina isaanitti te'uu fi gara lafa diina isaaniititti akka ani isaan ari'u goote san yoo faaci'atane, gadhaan isaanii ka jabaate sun laafee, adabbii cubbuu ifii yoo fudhatane, 42ani gondooroo tiyya ta Yaaqoob, Yisihaqii fi Abrahaamii woliin godhe san hin qaabadha. Lafa sanille hin qaabadha. 43Isaan lakkisanee waan deemaneef, latti ontee, addee isaan hin jirretti woggoota Sanbata ifiititti hin gammaddi; isaan seera kiyya tuffatanee, seerata kiyya waan jibbaneef adabbii cubbuu ifii hin fudhatan. 44Te'uu malee, waan kanalle'een, ani Mootii Waan Maraa Waaqa isaanii waan te'eef, gondooroo isaan woliin godhe hin diigu; yennaa isaan lafa diina ifii keessa jiranu ijjumaa isaan balleessiisaaf, isaan hin gatu yookiin hin diqadhu. 45Ani ammoo gondooroo tiyya ta abbootii isaanii, gosi biyya adda addaa adoo dhaggituu, Waaqa isaaniif te'iisaaf, biyya Gibxi'ii keessaa yennaa isaan baase isaan woliin godhe san, isaaniif jedhee hin qaabadha. Ani Mootii Waan Maraa ti!» jedhe. 46Kun Seerata, seeraa fi ajaja Mootiin Waan Maraa gaara Siina'aa irratti ifii fi kolbaa Israa'elii wodhakka'atti karaa Muuse'eetiin dhaabe.

Você sabia?
Bênçãos, advertências e a aliança no Sinai
- As leis e decretos que concluem esta seção foram estabelecidos entre o SENHOR e os israelitas por meio de Moisés enquanto estavam acampados no monte Sinai. Essas determinações estipulavam bênçãos concretas pela obediência, como fartura agrícola e paz, além de consequências disciplinares progressivas em caso de quebra da aliança.Fontes: o próprio texto bíblico · Mount Sinai · Moses
- As advertências deste capítulo associam a observância das leis do sábado diretamente ao solo. Caso o povo não concedesse à terra o descanso devido, o texto adverte que a conquista estrangeira e o exílio deixariam os campos desolados, permitindo que a terra finalmente desfrutasse dos sábados não cumpridos.Fontes: o próprio texto bíblico
- Mesmo diante de punições severas e dispersão entre nações inimigas, a passagem promete que o arrependimento levará Deus a se lembrar de Sua aliança com Abraão, Isaque e Jacó. A aliança não seria anulada permanentemente porque Deus permanece fiel às promessas feitas aos patriarcas.Fontes: o próprio texto bíblico · Abraham · Isaac · Jacob (Israel)
Notas escritas com auxílio de IA a partir de fontes abertas (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, domínio público) e revisadas antes de publicar.
Lugares deste capítulo
Só aparecem lugares com identificação de alta confiança (90% ou mais segundo as fontes acadêmicas reunidas pelo OpenBible). Mapa da época: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; mapa atual: © colaboradores do OpenStreetMap; lugares: OpenBible.info (CC BY 4.0).
Créditos e licença desta tradução
Kitaaba Woyyuu Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible) copyright © 2025 The Word for the World International Language: gujii Contributor: Bible Society of Ethiopia This translation is made available to you under the terms of the Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0. You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that: You include the above copyright and source information. If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes. If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original. Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents. For other uses, please contact the respective copyright owners. Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19. 2025-05-02
Fonte: http://ebible.org/gax/ · eBible.org