Levítico 11
Kitaaba Woyyuu · Toque num versículo para ver as referências cruzadas.
Gosa Bineensota Nyaatanuu
1Mootiin Waan Maraa Muuse'ee fi Aaroniin, 2«Israa'elootaan, ‹Bineensota maraa fi horii mara keessaa ka isin nyaatuu dandeettanu: 3ka kotteen isaa baqaqa qadduu fi ka alalfatu mara nyaatuu hin dandeettan.
4« ‹Bineensota alalfatu ka kotteen isaa baqaqa hin qanne yookiin ka kotteen isaa baqaqa qabaattee hin alalfanne hin nyaatina'a. Gaalli hin alalfata, garuu kotteen isaa baqaqa waan hin qanneef, akka aadaa dhugeeffanna'aatitti battii isiniif te'uu ti. 5Osoleen hin alalfatti, garuu kotteen isi'ii baqaqa waan hin qanneef, battii isiniif teetuu ti. 6Hilleensi hin alalfata, garuu kotteen isaa baqaqa waan hin qanneef, battii isiniif te'uu ti. 7Booyyee kotteen isi'ii baqaqa qaddi, garuu waan hin alalfanneef, battii isiniif teetuu ti. 8Isaan kun isiniif battii waan te'aneef, foon isaanii hin nyaatina'a; reeffa isaaniille hin tuqina'a.
9« ‹Bineensota abbaayaa keessatti yookiin laga keessatti dadamane keessaa, ka koolaa fi solloqqee qabanu nyaadhu. 10Bineensota abbaayaa keessatti yookiin laga keessatti dadamanee munyuuqanu mara keessaa, ka koola hin qanne yookiin ka solloqqee hin qanne ammoo hin nyaatina'a. 11Isaan isiniif battii waan te'aneef, foon isaanii hin nyaatina'a; reeffa isaanille hin tuqina'a. 12Waan bisaan keessa le'u keessaa wonni koolaa fi solloqqee hin qanne marti isiniif battii te'uu ti.
13« ‹Gosa sinbirre'ee keessaa ta isiniif battii teetee fi ta isin ijjumaa hin nyaanne: risaa, allaattii, rumicha, 14culullee, jajjuu, 15harraaqqessa gosa adda addaa, 16guchii, baabboo, haanqaa, jajjuu gosa adda addaa, 17urunguu, huummoo, qillisaa, 18urunguu adii, urunguu goomole'ee, allaattii gosa adda addaa, 19qongaa, dhaatii, looyyituu, cirricho'o.
20« ‹Dadi didiqqoon koolaan ka'anu ka luka afuriin deemanu marti isiniif battii te'anuu ti. 21Te'uu malee dadi koola qabaatanee, luka afuriin deemanu keessaa ka ittiin utaaliisaaf luka qondhooffatu qabanu mara hin nyaattan. 22Kana keessaa, ka akka korophiisa gosa adda addaa, farda waaqaa gosa adda addaa, awwaannisa gosa adda addaa hin nyaattan. 23Ka dhibiin ammoo dadi didiqqoon ka koola qabaatanee luka afuriin ideemanu marti isiniif battii te'anuu ti.
24« ‹Isaan kun isin batteessan; nami reeffa isaanii tuqe marti haga galgalaatitti battii hin te'a. 25Nami reeffa isaanii lafaa fuudhe marti woyaa ifii dhiqatuu ti; inni haga galgalaatitti battii hin te'a.
26« ‹Bineensii fi horiin kotteen isaanii baqaqa qabaattee addee lamatti hin qoodaminii fi ka hin alalfanne isiniif battii te'anuu ti; nami reeffa isaanii tuqe marti battii hin te'a. 27Dada luka afuriin ideemanu keessaa ka barru'uun ideemanu marti isiniif battii te'anuu ti; nami reeffa isaanii tuqe marti haga galgala battii hin te'a. 28Isaan isiniif battii waan te'aneef, nami reeffa isaanii lafaa fuudhe marti woyaa ifii dhiqatuu ti; inni haga galgalaatitti battii hin te'a.
29« ‹Bineensota lafa irra munyuuqanu keessaa worri battii te'e: tuqaa, hantuuta, qarcoo gosa adda addaa, 30bulee goggogaa, naacha, qocaa, wokkallaa, gaararraa, 31bineensota lafa irra munyuuqanu mara keessaa isaan kun isiniif batti'i; nami reeffa isaanii tuqe marti haga galgalaatitti battii hin te'a. 32Bineensoti akkasii du'ee meya muka irraa, woyaa irraa, gogaa irraa yookiin keeshaa irraa hujame irra yoo bu'e, mey sun marti battii hin te'a; bisaan keessa keya'a; te'uu malee haga galgalaatitti battii hin te'an; achiin duuba qulqulluu hin te'an. 33Reeffi isaanii meya faara irraa hujame keessa yoo bu'e, wonni keessa jiru marti battii waan teetuuf meya san cassa'a. 34Bisaan meya san keessaa Sagalee nyaatanu maratti yoo cophe, sagaleen sun battii hin teeti; wonni meya san keessaa unanu marti battii hin te'a. 35Wonni reeffi isaanii irra bu'e marti battii hin te'a; eeleen yookiin okkoteen sun cacadduu ti. Isaan martinuu batti'i; akka batti'iititti isaan ilaala'a. 36Wonni dhibiin ta reeffa bineensotaa fi horii kanaa tuqe marti battii te'anulle, maddi yookiin boolli bisaanii hin battoottu. 37Reeffi isaanii midhaan sanyi'ii irra yoo bu'e, sanyiin sun hin battoottu. 38Ammoo midhaan sanyi'iititti bisaan copheeruun reeffi bineensotaa fi horii sanii yoo irra bu'e, sanyiin sun isiniif battii hin teeti.
39« ‹Bineensaa fi horiin akka isin nyaattanu eeyyamame keessaa tokko yoo du'e, nami reeffa isaa tuqe haga galgalaatitti battii hin te'a. 40Nami foon bineensaa fi horii du'ee san nyaate woyaa ifii dhiqatuu ti; garuu haga galgalaatitti battii hin te'a. Nami reeffa san lafaa fuudhe marti woyaa ifii dhiqatuu ti; garuu haga galgalaatitti battii hin te'a.
41« ‹Dadi gadha'aan lafa irra sinqiiqqataa deemanu marti batti'i; isaan hin nyaatina'a. 42Dadi gadha'aan lafa irra sinqiiqqatanu, ka gadha'aan lafa irra lowanu, ka miila afuriin sinqiiqqataa deemanu yookiin ka miila bacaa qabanu marti isiniif battii waan te'aneef hin nyaatina'a. 43Bineensota akkanaa kana nyaattanee ifi hin batteessina'a; karaa isaaniitiin battii ifi hin godhina'a yookiin isaaniin hin battowina'a. 44Ani Mootii Waan Maraa Waaqa keessan; ani woyyuu waan te'eef, isinille ifi adda baasa'aatii, woyyuu te'a'a. Dada gadha'aan lafa irra sinqiiqqatanu kanaan ifi hin batteessina'a. 45Ani Waaqa keessan te'iisaaf, Mootii Waan Maraa ka biyya Gibxi'ii keessaa isin baase; tanaaf, ani woyyuu waan te'eef, isinille woyyuu te'a'a.
46« ‹Seerri marroo bineensotaa, marroo sinbirrootaa, marroo bineensota bisaan keessaatii fi marroo bineensota lafa irra munyuuqanu maraaf kenname kana. 47Isin waan battii te'ee fi waan qulqulluu te'e, dada lafa irraa ta lubbuu qaddu keessaa ka nyaatamanuu fi ka hin nyaatanne gargar baasa'aatii beeka'a› jedha'a» jedhe.

Você sabia?
Animais Limpos e Impuros
- As leis alimentares de Levítico estabelecem critérios duplos claros para animais terrestres e aquáticos: as criaturas da terra precisavam ruminar e ter cascos fendidos para serem comidas, enquanto as criaturas das águas precisavam ter tanto barbatanas quanto escamas.Fontes: o próprio texto bíblico
- As leis de pureza se estendiam aos utensílios domésticos: panelas de barro e fornos contaminados pelo cadáver de um animal rastejante impuro não podiam ser apenas lavados como objetos de madeira ou tecido, mas deviam ser completamente quebrados.Fontes: o próprio texto bíblico
- O propósito teológico declarado para distinguir entre o puro e o impuro era a consagração de Israel a Deus, que os tirou do Egito e os chamou a serem santos porque Ele é santo.Fontes: o próprio texto bíblico · Egypt
Notas escritas com auxílio de IA a partir de fontes abertas (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, domínio público) e revisadas antes de publicar.
Lugares deste capítulo
- Egypt · 30.129, 31.308 · versículo 45
Só aparecem lugares com identificação de alta confiança (90% ou mais segundo as fontes acadêmicas reunidas pelo OpenBible). Mapa da época: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; mapa atual: © colaboradores do OpenStreetMap; lugares: OpenBible.info (CC BY 4.0).
Créditos e licença desta tradução
Kitaaba Woyyuu Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible) copyright © 2025 The Word for the World International Language: gujii Contributor: Bible Society of Ethiopia This translation is made available to you under the terms of the Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0. You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that: You include the above copyright and source information. If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes. If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original. Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents. For other uses, please contact the respective copyright owners. Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19. 2025-05-02
Fonte: http://ebible.org/gax/ · eBible.org