Josué 9
Kitaaba Woyyuu · Toque num versículo para ver as referências cruzadas.
Worri Giibe'onii Iyaasuu Sobe
1Moototi Yordaanos irraa gara aduun seentuu ta biyya koobitti'ii, biyya gammoojji'iitii fi qarqara Abbaayaa Mediteraaniya'aa haga kaaba Libaanoniititti jiranu, moototi Heetotaa, Amoorotaa, Kana'aanotaa, Pheriizotaa, Hiiwotaatii fi Yibusootaa duudiin waan kana yennaa dhage'ane, 2Iyaasu'uu fi kolbaa Israa'elii loliisaaf wolitti dacha'anee dhufane.
3Worri lafa Giibe'onii Hiiwoti ammoo, waan Iyaasuun qachaa Yeriko'ootii fi Aayii irratti godhe yennaa dhage'ane, 4Iyaasuu sobiisaaf murteeffatane. Isaan worra lafa fago'ootii ergamane ifi fakkeessanee, galaa qopheeffatanee, subba dullootaa fi qalqalluu daadhii woyni'ii ka dulloomee tarsa'ee erbame harree ifiititti fe'atane. 5Isaan kophee dulloontee hodhante keyatanee, woyaa dulloontelle uffatane. Daabboon isaan galaa godhatane duudiin goddu'uu fi ta buullansootte. 6Achiin duuba isaan gara quttuma Iyaasu'uu Giilgal dhaqanee, Iyaasu'uu fi Israa'elootaan, «Nuuti isiniin firoomiisaaf lafa fago'ootiin dhunneerra, kowa'a wol gondoorra» jedhane.
7Israa'elooti ammoo Hiiwotaan, «Isin dhikoo teenna leetan fa te'a, attamiin wol gondoorra ree?» jedhane.
8Isaan Iyaasu'uun, «Nuuti tajaajiltoota teeti» jedhane.
Iyaasuun ammoo, «Isin eennu? Eessaa dhuttane» jedhee isaan gaafate.
9Isaanille deebisanee, «Nuuti tajaajiltooti teeti, gurra Goottaa Waaqa keetii, waan inni biyya Gibxi'iititti godhe duudii dhageennee, biyya fago'ootii dhunne; 10waan inni mootota Amoorotaa lamaan worra laga Yordaanosii irraa gara aduun baatu jiranu, Sihoonii mootii Heshibooniitii fi Oogii mootii Baashaanii ka qachaa Ashtaaroo le'anu godhe duudiille dhageenneerra. 11Jaarsoleen teennaa fi worri biyya teenna keessa le'u duudiin nu'uun, ‹Deensa kara'aatiif galaa qabadha'aatii, gara Israa'elootaa deema'aatii isaaniin wol dhagga'a; isaanille'een, «Nuuti tajaajiltoota teessan; kowa'a wol gondoorra» › jedha'a. 12Daabboo teenna ilaala'a. Yennaa nuuti isiniin wol dhaggiisaaf mana keennaa qabannee baane o'itu'u. Amma ammoo, akka isiin goddee buullansootte ilaala'a! 13Qalqallooti daadhii woyni'ii kana yennaa itti guutanne haareya; amma kunoo tatarsa'eera. Karaa fagoo deemiisa keenna irraa ka ka'e woyaan teennaa fi kopheen teenna dulloonteerti» jedhane. 14Israa'elooti sagalee diqqoo jara irraa fudhatane malee, marroo waan kanaa fedha Waaqaa hin gaafanne. 15Maarre Iyaasuun akka isaan hin ijjeenne isaan woliin wol gondoore; jaarsoleen kolba'aalle gondooroo san eegiisaaf kakatte.
16Wol gondooranee guyyaa sadiin duuba, Israa'elooti, worri kun ollaa isaaniitii fi worra dhikoo isaanii jiru akka te'ane dhage'ane. 17Guyyaa sadiin duuba kolbaan Israa'elii addee quttumaatii kaatee, gara qachaa worri kun le'uu Giibe'on, Kefiiraa, Berootii fi Kiriiyat-Ya'ariimii dhaqane. 18Israa'elooti ammoo sooreyyiin isaanii maqaa Goottaa Waaqa Israa'eliitiin waan isaaniif kakataneef isaan hin ijjeenne. Israa'elooti duudiin marroo waan kanaa sooreyyii irratti gungunte. 19Sooreyyiin ammoo, «Nuuti maqaa Goottaa Waaqa Israa'eliitiin isiniif kakanneerra; tanaaf amma isaan miidhuu hin dandeennu. 20Kakuu isaaniif kakanne diinnee mufiin Waaqaa akka nutti hin dhunne, kowa'a jiraatanuu lakkinna. 21Akkuma sooreyyiin isaanitti murteessitetti jiraatanuu ti; ammoo qoraan biyyaaf cassaa, bisaan biyyaa woraabanuu ti» jedhane.
22Iyaasuun worra Giibe'onii waansisee, «Isin as dhikoo teenna adoo leetanuu, ‹Nuuti fago'oo dhunne› jettanee maaf nu soddane? 23Tana waan gootaneef, Waaqi isin abaareera. Kolbaan teessan qoraan cassiisaa fi bisaan woraabiisaan, mana Waaqa kiyyaatiif haga bara baraa garboolee te'an» jedhe.
24Isaan deebisanee Iyaasu'uun, «Mootiin Waan Maraa Waaqi keessan lafa tana duudii isin akka dhaalchisuu fi kolbaa lafa tana keessa jiraattu duudii akka balleessu, tajaajilaa ifii Muusee akka ajaje waan dhageenneef, isin guddoo sodaannee lubbuu teenna hamburatiisaaf tana goone. 25Kunoo, nuuti harka keeti keessa jirra; waan ila teeti duratti dansa'aa fi sirrii te'ee mudhate nu irratti godhi» jedhaneen. 26Tanaaf Iyaasuun harka Israa'elootaa irraa isaan hambure; Israa'elootille isaan hin ijjeenne. 27Gaafas Iyaasuun jara san qoraan cassaa, bisaan woraabaa, kolbaa Israa'eliitii fi addee ciincaa Mootii Waan Maraa akka tajaajilanu godhe. Isaan haga adhaa addee inni akka itti waaqonfamuuf filatetti hujii tana hujiisatti jiran.

Você sabia?
O tratado dos gibeonitas
- Os habitantes de Gibeão eram heveus cujo território incluía quatro cidades: Gibeão, Quefira, Beerote e Quiriate-Jearim. Situada a poucos quilômetros a noroeste de Jerusalém, Gibeão era uma importante cidade nas colinas que optou pela diplomacia em vez de se unir à aliança militar dos reis cananeus vizinhos.Fontes: o próprio texto bíblico · Gibeon · Hivite
- Para forjar a evidência de uma longa viagem, os gibeonitas levaram odres rachados, sandálias gastas, roupas esfarrapadas e pão seco e mofado. Os líderes de Israel examinaram as provisões físicas, mas não buscaram o conselho do Senhor, o que os levou a firmar um pacto de paz.Fontes: o próprio texto bíblico
- No antigo Israel, um juramento feito em nome do Senhor era irrevogável, mesmo quando obtido por engano. Como os líderes haviam jurado por Deus, os israelitas pouparam a vida dos gibeonitas e os designaram para servir como cortadores de lenha e carregadores de água para a comunidade e o altar.Fontes: o próprio texto bíblico
Notas escritas com auxílio de IA a partir de fontes abertas (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, domínio público) e revisadas antes de publicar.
Lugares deste capítulo
- Great Sea · Hoje: Mediterranean Sea · 31.805, 34.170 · versículo 1
- Jericho · Hoje: Tell es Sultan · 31.872, 35.445 · versículos 1, 3
- Jordan · Hoje: Jordan River · 31.761, 35.558 · versículos 1, 10
- Lebanon · 33.540, 35.584 · versículo 1
- Shephelah · 31.692, 34.875 · versículo 1
- Gibeon · Hoje: El Jib · 31.847, 35.183 · versículos 3, 17
- Egypt · 30.129, 31.308 · versículo 9
- Bashan · 32.781, 35.935 · versículo 10
- Kiriath-jearim · Hoje: Deir el Azar · 31.809, 35.104 · versículo 17
Só aparecem lugares com identificação de alta confiança (90% ou mais segundo as fontes acadêmicas reunidas pelo OpenBible). Mapa da época: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; mapa atual: © colaboradores do OpenStreetMap; lugares: OpenBible.info (CC BY 4.0).
Créditos e licença desta tradução
Kitaaba Woyyuu Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible) copyright © 2025 The Word for the World International Language: gujii Contributor: Bible Society of Ethiopia This translation is made available to you under the terms of the Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0. You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that: You include the above copyright and source information. If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes. If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original. Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents. For other uses, please contact the respective copyright owners. Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19. 2025-05-02
Fonte: http://ebible.org/gax/ · eBible.org