Josué 23
Kitaaba Woyyuu · Toque num versículo para ver as referências cruzadas.
Iyaasuun Nageya Dhaame
1Yennaa heddu'uun duuba, Mootiin Waan Maraa diinota adaala jiranu duudii irraa Israa'eloota foorfachiise. Yennaa san Iyaasuun guddoo dulloomeera. 2Maarre inni kolbaa Israa'elii duudii, jaarsolee, sooreyyii, abbootii mura'aatii fi qondaaltota kolba'aa waamee, «Ani amma guddoo dulloomeera. 3Isin waan Mootiin Waan Maraa Waaqi sababa keessaniif, gosa biyya adda addaa tana duudi'iif godhe dhaggitaneertan. Mootiin Waan Maraa Waaqi keessan isiniif loleera. 4Ani lafa gosa adda addaa ta haga ammaa hin qabatamin jirtuu fi ta duruu qabadheeru, gara aduun baatuun laga Yordaanosii irraa jalqabee gara aduun seentuun haga Abbaayaa Mediteraaniya'aa gosa teessaniif kenneera. 5Mootiin Waan Maraa Waaqi keessan isaan isin duraa ari'ee hin baasa; isin duraa isaan hin fageessa. Isin akkuma Mootiin Waan Maraa Waaqi keessan Waadaa isiniif galetti, lafa isaanii hin fudhattan. 6Tanaaf waan kitaaba Seera Muuse'ee keessatti barreeffame maraaf ajajamiisaa fi tolchiisa jabaadha'aa eegadha'a. Isaan irralle'ee gara middaatitti yookiin gara bita'aatitti hin gorina'a. 7Kolbaa odduu teessanitti hatte woliin wolitti hin makamina'a yookiin maqaa waaqota isaanii hin waammatina'a yookiin ittiin hin kakatina'a yookiin hin waaqonsina'a yookiin hin sagadina'aaf. 8Addee akkasii akkuma haga ammaa godhaa jirtanu, Mootii Waan Maraa Waaqa keessaniif addatama'a. 9Mootiin Waan Maraa gosa biyya adda addaa gugurdo'oo fi jajjaboo isin duraa ari'eera; haga adhaa nami tokkolle isin dura dhaabbatiisa hin dandeenne. 10Mootiin Waan Maraa Waaqi keessan akkuma isiniif waadaa galetti waan isiniif loluuf, nami keessan tokkochi nama isaanii kuma hin ari'a. 11Tanaaf, isin jabeessa'aa ifi eeggadha'aatii Mootii Waan Maraa Waaqa keessan jaaladha'a. 12Isin ammoo karaa Waaqaa irraa fagaattanee, worra odduu teessanitti hafe woliin makantanee yoo wol fuutane, 13Mootiin Waan Maraa Waaqi keessan haganaa achi kolbaa tana isin duraa akka hin ariine beeka'a; isaan ammoo haga isin lafa dansaa Mootiin Waan Maraa Waaqi keessan isinii kenne tana irraa isin balleessanutti, akka tiyyo'ootii fi fonxoro'oo, dudda keessaniif akka liche'ee, ila teessaniif akka qore'ee isinitti hin te'an.
14«Amma yennaan ani du'u geetteerti; isin keessaa tokko tokkonuu, Mootiin Waan Maraa Waaqi keessan waan dansaa waadaa gale mara tokkolle adoo hin hafin akka isiniif kenne, gadhaa ifii tokkochaa fi lubbuu ifii takkatti'iin hin beeka. 15Mootiin Waan Maraa Waaqi keessan waan dansaa waadaa isiniif gale akkuma muummesse, akkasuma biyya dansaa isiniif kenne keessaa haga isin balleessutti waan hantuu duudii isinitti hin fida. 16Gondooroo Mootiin Waan Maraa Waaqi keessan akka isin eegattanu ajaje eegatuu dhaddanee, waaqota dhibii dhaxxanee tajaajiltanee yoo sagaddane, mufiin Waaqaa isin irratti bobeetti; lafa dansaa inni isiniif kenne irralle'ee ariiti'iin baddan» jedhe.

Você sabia?
O Discurso de Despedida de Josué
- Em idade avançada, depois que Israel desfrutou de um período de descanso de seus inimigos, Josué reuniu os anciãos, líderes, juízes e oficiais de Israel. Ele os exortou a serem fortes e a guardarem fielmente tudo o que estava escrito no Livro da Lei de Moisés.Fontes: o próprio texto bíblico · Joshua · Moses
- O território concedido às tribos estendia-se desde o rio Jordão para o ocidente até o Grande Mar, designação antiga para o Mar Mediterrâneo. Josué advertiu Israel contra fazer alianças, casar-se entre si ou adorar os deuses das nações que ainda permaneciam na região.Fontes: o próprio texto bíblico · Jordan · Great Sea
- Josué enfatizou a fidelidade à aliança, destacando que, assim como nenhuma das boas promessas de Deus havia falhado, violar o pacto e servir a outros deuses traria inevitavelmente a ruína e a perda da terra.Fontes: o próprio texto bíblico
Notas escritas com auxílio de IA a partir de fontes abertas (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, domínio público) e revisadas antes de publicar.
Lugares deste capítulo
- Great Sea · Hoje: Mediterranean Sea · 31.805, 34.170 · versículo 4
- Jordan · Hoje: Jordan River · 31.761, 35.558 · versículo 4
Só aparecem lugares com identificação de alta confiança (90% ou mais segundo as fontes acadêmicas reunidas pelo OpenBible). Mapa da época: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; mapa atual: © colaboradores do OpenStreetMap; lugares: OpenBible.info (CC BY 4.0).
Créditos e licença desta tradução
Kitaaba Woyyuu Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible) copyright © 2025 The Word for the World International Language: gujii Contributor: Bible Society of Ethiopia This translation is made available to you under the terms of the Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0. You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that: You include the above copyright and source information. If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes. If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original. Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents. For other uses, please contact the respective copyright owners. Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19. 2025-05-02
Fonte: http://ebible.org/gax/ · eBible.org