Jó 3
Kitaaba Woyyuu · Toque num versículo para ver as referências cruzadas.
Iyoob Guyyaa Itti Dhalate Abaare
1Tanaan duuba Iyoob dubbatiisa jalqabe; inni guyyaa itti dhalate abaaree,
2«Halkan ani itti dadame,
guyyaan ani itti dhaladhelle
ka abaarame te'uu ti!
4Guyyaan sun gara dukkanaa jijjiiramuu ti.
Waaqi ol-gubba'aa isa hin yaadatin;
ifille isa irratti hin ifin.
5Dimimmisaa fi dukkanti dimmi,
‹Ati keenna› isaan jedhanuu ti.
Duumensi isa irratti bu'ee,
dukkanti ifa isaa gollituu ti.
6Halkan san dukkanti dimmi gollituu ti;
guyyoota wogga'aa keessatti hin laakkowamin;
laakkossa ji'aalle'etti hin galin.
7Halkan sun maseena te'uu ti;
ililleettiille hin dhage'amin.
8Worri guyyaa abaaru,
bineensa naacha fakkaatu
ka, ‹Lewaataan› jedhamu kakkaasiisaaf qophowelle
halkan san abaaruu ti.
9Bakkalchi bari'ii ka halkan sanii dukkanoottuu ti.
Halkan sun addi'iin ifa eegatuu ti,
ammoo hin dhaggatin;
boruulle hin dayya'iniif.
10Guyyaan sun rakkinna ila tiyya duraa dhossiisaaf,
balbala gadaamessa haadha tiyyaa,
waan hin cufiniif ka abaarame te'uu ti.
11«Ani maaf gadaamessa haadha tiyyaa keessatti hin du'in?
Gadaamessa keessaa yennaa bayelle
maaf hin badin?
12Haati tiyya maaf gudeeda ifii irra keyatte?
Harma ifiille maaf na hoositte?
13Sila amma nageyaan irkadhee,
rafee hin foorfadhaayyu.
14Moototaa fi gorsitoota lafaa
worra addee ifiif ijaarratanee
isaan duraa diigante woliin,
15sooreyyii gugurdoo worra worqi'ii fi meeti'iin
mana ifii guutatane woliin sila hin foorfadhaayyu.
16Yookiin ani maaf
akka finna du'ee dhalatee awwaalamee,
ka ijjumaa ifa hin dhagginii hin te'in?
17Awwaala keessatti worri hamaan
hammeenna ifii hin lakkisa;
ka dadhabanelle achitti hin foorfatan.
18Worri booji'ame
achitti nageya dhaggatan;
qoonqoo worra hunnaan isaan hujisiisuulle hin dhage'anu.
19«Worri didiqqa'aa fi gugurdaan
addee takka'atti dhaggaman.
Garbootille goottota ifii jalaa
achitti bilisa hin bayan.
20Worra rakkoo hantuu keessa jiruuf ifi,
worra le'iin itti hadhootteef
jiruun maaf kennanti?
21Worra du'a halchee,
ka karra dhoffante qotee barbaadu caalaa
ka du'a barbaaduuf
jiruun maaf kennantii?
22Worra awwaala bira yennaa gewu ilillisuuf
jiruun maaf kennanti?
23Nama karaan duraa dhoffameef,
ka Waaqi karaa itti cufeef,
ifi maaf kennamaaf?
24Gaddi kiyya akkuma sagale'ee naaf dhufa;
aadiis kiyya akkuma bisaanii dhangala'a.
25Wonni ani sodaadhe natti dhutte;
wonni na naasiselle na irratti te'e.
26Ani raafama malee
nageyaa hin qabu, miira hin qabu,
fooralle hin qabu» jedhe.

Você sabia?
Jó Amaldiçoa o Dia do Seu Nascimento
- Após suportar um sofrimento intenso, Jó quebra o silêncio não para amaldiçoar a Deus, mas para amaldiçoar o dia de seu nascimento e a noite de sua concepção, desejando que aquele dia tivesse sido tragado pela escuridão absoluta.Fontes: o próprio texto bíblico · Job
- Em seu lamento poético, Jó invoca aqueles que amaldiçoam o dia e estão preparados para despertar o Leviatã, empregando uma linguagem poética de caos cósmico para enfatizar seu desejo de apagar a própria existência.Fontes: o próprio texto bíblico
- Jó descreve a sepultura como um lugar de igualdade onde reis, conselheiros, escravos e prisioneiros descansam juntos, livres do esgotamento, da opressão e da angústia que afligem os vivos.Fontes: o próprio texto bíblico
Notas escritas com auxílio de IA a partir de fontes abertas (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, domínio público) e revisadas antes de publicar.
Créditos e licença desta tradução
Kitaaba Woyyuu Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible) copyright © 2025 The Word for the World International Language: gujii Contributor: Bible Society of Ethiopia This translation is made available to you under the terms of the Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0. You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that: You include the above copyright and source information. If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes. If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original. Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents. For other uses, please contact the respective copyright owners. Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19. 2025-05-02
Fonte: http://ebible.org/gax/ · eBible.org