Nations Bible

Jó 27

Kitaaba Woyyuu · Toque num versículo para ver as referências cruzadas.

Iyoob

1Ammalle Iyoob dabalee,

2«Dhugaa Waaqa jiraataa waan mara dande'uu

ka haqa kiyya na dhooggatee,

jiruu tiyya natti hadheessee,

3haga lubbu'uun jiru

hafuurri Waaqi na keessa keye haga na keessa jiru,

4hantuun afaan kiyya keessaa hin baatu;

arrabi kiyyalle soba hin dubbatu.

5Ani ijjumaa isiniin sirri'i hin jedhu;

haga du'a tiyyaatitti yakkaa malee le'uu irraa hin goru.

6Balchummaa tiyyatti hin jabaadha'a;

gad hin lakkisulle'e;

bara le'ii tiyyaa

wodanaan kiyya waan kanatti hin gaabbu.

7«Diinni kiyya akka worra hama'aa,

worri na mormu

akka worra balchaa hin te'inii te'uu ti.

8Yennaa Waaqi isaan balleessu

yennaa inni lubbuu isaan keessaa baasu

addiin worra Waaqa malee le'uu

maan te'itti laati?

9Yennaa rakkinni isaanitti dhufu

Waaqi iyya isaanii hin dhage'aa ree?

10Isaan Waaqa waan mara dande'utti

hin gammadanii ree?

Yennaa mara Waaqa hin waammatanii ree?

11«Ani marroo hunna Waaqaa isin barsiisa;

karoora Waaqa waan mara dande'uulle

ani isin hin dhossu.

12Isin martinuu tana dhaggitaneertan;

eegasuu waan bu'aa hin qanne maaf dubbattan ree?

13Qoodi nami hamaan

Waaqa irraa dhaggatu,

dhaalli nami nama cunqursu

Waaqa waan mara dande'u irraa fudhatu,

ka asii gad jiru:

14Ijoolleen isaa yoo heddattelle

shallaaga'aan dhumatti;

sanyiin isaalle sagalee quuttee nyaattu hin qabaattu.

15Worri baraareen hafe dhukkubaan dhumata;

haadhotiin hiyyeessaa isaaniille

isaaniif hin boottu.

16Worri hamaan meetii akka biyye'ee tuulee,

woyaalle akkuma faara biyye'ee

wol irra naquu dande'a fa'a.

17Waan isaan tuulatane san ammoo,

worra balcha'attuu uffata;

worri yakkaa hin qannelle meetii hin qoqoodaman.

18Manni isaan ijaaranu akka mana saaphuphu'uutii fi

akka gosee nama midhaan eeguu ti.

19Worri hamaan dureessa te'ee hin rafa,

ammoo itti hin deebi'anu;

yennaa isaan dammaqanu,

karri isaanii marti baddeerti.

20Bararaqi akka lola'aa isaan irra yaa'a;

halkan hobonbolattiin isaan fudhattee deenti.

21Qilleensi gara aduun baatuu

isaan fuudhee deema;

isaanille hin dhaggamanu;

addee isaanii irraa haxowee isaan balleessa.

22Isaan hunna qilleensa sanii jalaa bayiisaaf wodhaananulle,

marartii malee bira itti dabara.

23Qilleensi isaan irratti harka dhowee

addee jiru irralle'ee isaanitti siissa.

Ilustração artística — interpretação, não registro histórico.

Você sabia?

O juramento de integridade de Jó e o destino dos ímpios

  • Neste discurso, Jó faz um juramento solene pela vida de Deus, declarando que manterá sua integridade e uma consciência limpa até a morte, em vez de admitir falsamente alguma culpa diante de seus companheiros.Fontes: o próprio texto bíblico · Job
  • Jó descreve a vaidade final da riqueza dos ímpios, explicando que, embora os cruéis acumulem prata como poeira, seus bens acabarão sendo distribuídos aos justos e inocentes, enquanto eles são varridos por uma tempestade repentina.Fontes: o próprio texto bíblico

Notas escritas com auxílio de IA a partir de fontes abertas (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, domínio público) e revisadas antes de publicar.

Créditos e licença desta tradução
Kitaaba Woyyuu
Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible)
copyright © 2025 The Word for the World International
Language: gujii
Contributor: Bible Society of Ethiopia
This translation is made available to you under the terms of the
Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0.
You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that:
You include the above copyright and source information.
If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes.
If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original.
Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents.
For other uses, please contact the respective copyright owners.
Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19.
2025-05-02

Fonte: http://ebible.org/gax/ · eBible.org

Fale com a gente

Conte de onde você lê, como a Bíblia tem te ajudado ou o que podemos melhorar. Lemos todas as mensagens.