Jó 17
Kitaaba Woyyuu · Toque num versículo para ver as referências cruzadas.
1Qooqqee qofatti na keessa jira;
barri jiruu tiyyaa haleelameera;
awwaallille na eegata.
2Dhugumaan worri natti murgu
na marsaneeran;
ilti tiyyalle nunnuussaa isaaniititti xiyyeeffatti.
3«Waaqa kiyya,
ka si woliin wobii naaf te'u naa kenni;
si'uma malee,
ka dhibiin ka wobii naaf te'u eennu ree?
4Akka isaan hin hubanneef
qalbii isaanii cutteerta
tanaaf akka isaan injifatanu hin gootu.
5Nama beese'eef jedhee
jaala ifii dabarsee kennu
ijoolleen isaa hin rakkatti.
6«Waaqi nama nami marti fuulatti tufu
nama duudi'iifille ka mammaassaa na godhe.
7Gadda irraa ta kaate
ilti tiyya dhagguu dadhaddee
nafi kiyya duudiin akka gaaddiddu'uu te'eera.
8Worri qajeelaa ifi seyu waan kana maadeffata;
worri yakkaa hin qanne
worra Waaqa malee le'utti ka'a.
9Te'uu malee balchooti
karaa dhuga'aa irraa hin goranu;
worri harki isaanii qulqullu'uu ifi seyanu
jabeenna irratti jabeenna ede'atan.
10«Isin marti ammoo
deebi'aatii ammalle wodhaana'a.
Ani odduu teessanitti
nama qaroo hin dhaggu.
11Barri le'ii tiyya hobba'eera;
karoorrii fi halchaan gadhaa kiyyaa
karaa irratti hafane.
12Jarri tun halkan guyyaa gooti;
yennaa dukkanaa, ‹Ifi dhikaateera› jedhan.
13Boolla awwaalaa akka mana kiyyaatitti
yoo ilaale,
taqee tiyya dukkana keessatti yoo afadhe,
14boolla awwaalaatiin, ‹Ati abbaa kiyya›
corroqa na nyaattulle'een,
‹Haadha tiyya yookiin obboleettii tiyya› yoo jedhe,
15addiin tiyya meet ree?
Addii tiyya tana eentu naaf dhagga ree?
16Yoo ani gara boolla awwaalaa bu'u
addiin tiyya na woliin gad buutii ree?
wolille'een biyyee seennaa ree?» jedhe.

Você sabia?
O Desespero de Jó e a Perspectiva da Sepultura
- Jó apela diretamente a Deus para que seja seu fiador. Na prática jurídica antiga, um fiador assumia a responsabilidade por alguém acusado ou endividado, e Jó não encontrava nenhum aliado humano disposto a defendê-lo.Fontes: o próprio texto bíblico
- Jó descreve a si mesmo como tendo se tornado um provérbio entre o povo, uma condição em que o sofrimento de alguém se transforma em objeto de zombaria pública, desprezo e alerta proverbial.Fontes: o próprio texto bíblico
- Em sua dor, Jó fala do mundo dos mortos (o Seol) e da sepultura como seu único lar restante, adotando metaforicamente a corrupção e os vermes como seus familiares mais próximos.Fontes: o próprio texto bíblico
Notas escritas com auxílio de IA a partir de fontes abertas (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, domínio público) e revisadas antes de publicar.
Créditos e licença desta tradução
Kitaaba Woyyuu Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible) copyright © 2025 The Word for the World International Language: gujii Contributor: Bible Society of Ethiopia This translation is made available to you under the terms of the Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0. You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that: You include the above copyright and source information. If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes. If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original. Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents. For other uses, please contact the respective copyright owners. Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19. 2025-05-02
Fonte: http://ebible.org/gax/ · eBible.org